ALA bara 2015 keessa addunyaa keenyarraa namoota biliyoona tokkoo ol ta’an akka tamboo fayyadaman Dhabbanni Fayyaa Addunyaa (‘WHO’) gabaasee ture. Dhaabbatumti kun akka gabaasetti, biyya keenya, Itoophiyaattillee bara 2002 namoota umuriin ga’eeyyii ta’an keessaa harki 4.69 (4.69%) tamboo akka fayyadaman ibsee ture.
Tamboon akka addunyaatti waggaatti namoota haga miliyoona saddeet lubbuu kan galaafatu yoo ta’u, kanneen keessaa namoonni miliyoona torba ta’an kallattumaan ofiisaanii tamboo waan fayyadamaniif (‘active smokers’) yoo du’an, namoonni miliyoona tokko ta’an ammoo osoo ofiisaanii hinfayyadamiin (‘passive smokers’) aara tamboo namoota yeroo hedduu isaan baratti fayyadaman irraan isaan qaqqabuun galaafatamu.
Namoonni maaliif tamboo aarsuu eegalu?
Namoonni hedduun tamboo aarsuu kan jalqaban umurii dargaggummaan dura (waggoota 10 haga 20tti) yoo ta’u, kan erga umuriin dargaggummaa darbee eegalanillee ni jiru. Akka qorannoowwan hedduun argisiisanitti tamboo aarsuu jalqabuuf kanneen akka sababaatti tarreeffaman keessaa:
- Tamboo xuuxuu akka furmaata muddamuu (dhiphina) sammuufi aarii (‘anger’) taasisanii fudhachuudhaan, namoonni yoo waa dhiphataniifi aaran, akkasumas gaddan, tamboo aarsuu eegalu: Fakkeenyaaf hojiin loltummaafi kkf carraan tamboo aarsuusaanii olka’aadha.
- Tamboo aarsuu akka mallattoo ga’eessummaa, ofdanda’uu, bilisummaa sammuufi ammayyummaatti ilaaluudhaan fayyadamuu jalqabu
- Sababa dhiibbaa hiriyootaa (‘peer pressure’)fi maatii. Namoonni hiriyoota tamboo aarsan waliin jiraataniifi maatiinsaanii tamboo aarsan carraan tamboo aarsuu jalqabuusaanii olka’aadha.
- Namoonni beekamooniifi namoota hedduun jaallataman akka taatota fiilmiifi kanneen biroo tamboo yoo aarsan, daa’immaniifi dargaggonni fakkeenyummaan waan fudhataniif fayyadamuu eegaluu malu.
Miidhaaleen fayyaa tamboon qaqqabsiisu keessa muraasni maal fa’i?
Tamboo xuuxuun hammisaa walcaalus qaama keenya hundarratti miidhaa garmalee hamaa geessisa jechuun ni danda’ama. Akka dhaabbatni “National institute for drug abuse” jedhutti namoota dhukkuba kaansariin du’an keessaa harki 30n sababa tambootiin kan ka’eedha. Sirna qaamota keenyaa keessatti dhibee fayyaa dhufan keessaa warri hangafniifi muraasni:
- Kaansarii sombaa: Gosa kaansarii dhala namaa qabatu hunda keessaa kan yerooo ammaatti nama baay’ee ajjeesuudhaan sadarkaa 1fa irra jiru kaansarii sombaati. Namoota kaansarii sombaatiin qabaman keessaa harki 87 warreen tamboo fayyadamaniidha. Kana jechuun salphaadhumatti namoonni 10 yoo kaansarii sombaan du’an, kanneen keessaa namni sagal sababa tamboo aarsaniif kan qabamanidha jechuudha.
- Dhibeewwan sombaa kan ujummoolee sombaa ukkaamsuun/cufuun nama miidhan (‘obstructive lung disease’) kan jedhaman: Dhukkuboota kana keessaas harka 80 kan ta’an sababa tamboo kan dhufaniidha. Tamboo aarsuun dhukkuba asmii warreen duraan qabanittillee dhukkubicha kan daran hammeessuudha.
- Dhukkuba onnee: Tamboo aarsuun ujummoolee onnee kanneen dhaaba onneef dhiiga rabsan (‘coronary artery’) dhiphisuudhaan dhiigni akka sirriitti dhaaba onnee keenyaaf hindhaqqabne taasisuudhaan dhukkuba salphaatti onnee dadhabsiisuu (‘Coronary artery disease’) danda’u fida.
- Dhukkuba Istirookii (stroke): Akkuma onnee irratti taasisu sammuu keessattillee hiddoota dhiigaa sammuu keessatti argaman hubuudhaan, dhibee kanaan carraa qabamuu olkaasa.
- Dubartoota irratti carraa ulfa gadameessaan alaa (‘ectopic pregnancy’) dabaluufi carraa mucaa godhachuu hir’isuu ni fida, Akkasumas haati ulfaa yoo kan tamboo fayyadamtu ta’e, daa’ima dhalaturatti rakkoowwan gara garaa akka: yeroon osoo hinga’iin dhalachuu, ulfaatinni daran xiqqaachuufi rakkoolee biroollee geessisa.
- Kaansarii qaamota biroo kanneen baay’inaan 10 ol ta’an akka: afuuffee fincaanii, kaansarii ulaa gadameessaa, kaansarii rajiijii, kaansarii garaachaa, kaansarii tiruufi kanneen biroo hedduun carraa qabamuu dhala namaa tamboo fayyadamuun olkaasa.
Namoonni tamboo aarsan ykn fayyadaman marti dhukkuboota armaan oliin qabamuuf carraa walfakkaataa hinqaban. Namoonni yeroo dheeraadhaaf tamboo fayyadamaniifi guyyaatti tamboo hedduu fayyadaman, kanneen yeroo gabaabaafi tamboo muraasa guyyaatti fayyadaman caalaatti carraa dhukkuboota armaan olii kanaan qabamuu qabu.
Namni tamboo fayyadamu tokko har’aa kaasee yoo tamboo aarsuu dhaabe maal fayyadama?
NMmoonni Tamboo fayyadaman miidhaasaa baranii yoo guutummaatti dhaaban maal fayyadamu kan jedhuuf, carraan dhukkuboota sababa tamboo xuuxuun dhufanii daran gadi bu’aa deema. Haaluma kanaan:
- Tamboo fayyadamuu dhaabanii wagga tokko booda, carraan dhukkuba onneetiin qabamuu hedduu gadi bu’a
- Erga tamboo fayyadamuu dhaabanii waggaa sadii booda carraan dhukkuba sammuu keessati dhiiguun qabamuu kanneen tamboo hinfayyadamne waliin walqixa ta’a.
- Carraan kaansarii soombaatiin qabamuu ammoo erga tamboo fayyadamuu dhaabanii waggaa 10 booda walakkaa qofaan gadi bu’a.
- Carraan kaansaroota biroo (kaansarii sombaa osoo hindabalatiin) waggaa shaniif tamboo erga dhaabanii booda walakkaadhaan gadi bu’a.
Kanaafuu tamboo xuuxuu dhiisuu keenyaafi tambooo xuuxuu dhaabuu keenyaan ofii keenya, maatii keenya, hawaasa keenya rakkoofi miidhama guddaarraa oolchina.
- Xuuxuu dhiisuun akka danda’amu sammuu ofii amansiisuu
- Bakka itti duraan xuuxan fagaachuu, afaan ofii keessa waan akka rigaa kaa’achuu
- Namoota tamboo xuuxan waliin yeroo dabarsuu irraa ofqusachuu, namooti wajjin jiraattu ammoo si biratti tamboo akka hinxuuxne gargaarsa gaafachuu.
- Namoota araada tamboorraa fagaachuuf (tamboo dhiisuuf) yaalaa jiran waliin yeroo dabarsuufi waliin haasa’uu, waljajjabeessuu.
- Qaamaafi sammuu ofii hojiidhaan ko’oommachiisuu (‘busy gochuu’), akkasumas sochii qaamaa taasisuu. Sochii qaamaa kanas torbanitti guyyaa sadii haga afurii, daqiiqaa 30-40 taasisuufi kkf fayyadamuudhaan ofgargaaruu dandeenya.
Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Kiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011
4 Comments to “Namoonni hedduun maaliif tamboo xuuxuu eegalu?”