Mootummaa Gumaay (Gumaa)

Ummanni Oromoo Sirna Gadaatiin bulaa ture. Yeroo booda garuu walitti dhufeenya addunyaa waliin uumamaa dhufeen aadaa hawaasa alaa dhufaniin aadaan isaa laafaa waan dhufeef gareen Oromoo tokko tokko amantii bahaa giddugalaa fudhachuun Gadaa dhiisuun sirna mootummaatiin buluu eegalan. Gareewwan sirna ittiin bulmaata mootummaa dursanii eegalan keessaa gara giddugalaafi Baha Oromiyaa yoo ta’u, wiirtuulee amantiin Islaamaa itti barsiifamaa turan kan akka Welleelee (Wiirtuu Oromoo Warjii) baroota 896 Dh. K.D  (Wiirtuu Oromoo Arxuumaafi Jiilee ykn Ifaat Baroota 287 Dh.K.D (Oromoo Arsii (Dawwaaroo) Baalee, Darraa, Karrayyuufi Harargeedha.  

Yeroo booda garuu amantiin kun cimaafi babal’achaa waan deemeef gara lixaattis Gadaa dhiisuun abbootiin biyyaa Shanaan Gibees Limmuu, Gumaay, Gommaa, Jimmaafi Geeraa amanticha fudhachuun gara ijaarsa mootummaa sirna abbaa lafaatti ce’an.

Mootummoota Shanan Gibee jedhaman kana keessa tokko mootummaa Gumaayi.  Mootummaan Gumaa durse kan ijaare Macca keessaa gosa Badii akka ta’eefi booda garuu fincila ka’een gosni Adamii akka aangoo irraa fudhate himama. Adeemsi yeroo gosni Badiin Sirna Gadaa diiguun sirna mootummaa abbaa lafaa hundeessu gosa Adamii keessa Dallee Abungee kan jedhamu aangoo humnaan irraa fudhate. Ragaaleen afoolaa moggaafama maqaa Gumaa waraana warra Gumaafi Kafaa gidduutti raawwatame waliin walqabsiifama. Akka odeeffannoo kanaatti waraanicha irratti Oromoonni hedduu waan wareegamaniifi qabsoo guddaa booda injifannoo waan argataniif gareen biyya to’ate sun maqaa Gumaay jedhamu itti moggaase jedhama. Kunis biyya qaboon eeggatan itti yaadachuuf akka ta’e himama.

Akkuma olitti tuqame mootummaa Gumaay iddoo lamatti qoodanii ilaaluun ni danda’ama. Mootummaa warra Badiifi mootummaa gosa Adamiiti. Mootummoota gosa Oromoo lamaan armaan olitti eeraman malee isaan duraafi yeroodhuma tokko mootummaan warra Kafaay xixiqqaan naannoo kana walmaddi akka tuanis ni dubbatama. Booda garuu kun  gara Kafaatti yoo socho’u kan hafan akkuma aadaa Oromootti Moggaasaan gara Oromootti kan galaniifi akka Gabaroo ta’aan himama.  Oromoon Gabaroo warra heeraan bulaniidha. Mootoleen warra Kafaa iddoo Galligaayoo jedhamu wiirtuu godhatanii jiraachaa kan turaniif  hambaan masaraa isaanii ejersa Galligaayootti argama.

Waraana Kafaafi Oromoo gidduutti taasifameen warri Kafaa yeroo sanatti akka horii looniif ta’u hinmul’anne  rifeensa mataa namaatiin cuqqaalaa turuunsaanii ni himama. Kunis Oromoon lafa horaa kan barbaaduuf loon horsiisuuf hora waan jaallatuuf akka irra hinqubanneef jecha jedhu. Akka fakkeenyaatti Hora Gindibiifi Hora Kiiloolee fudhachuun ni danda’ama. Mootiin warra Badii inni beekamu nama Horaa Waarraa jedhamu yoo ta’u, innis saboota adda addaa kan Gumaay keessa turan mara hacuuccaan akka bulchaa ture ni dubbatama. Horaa Waarraa Mootii Badii yoo ta’u, kan dhalate gosa Badii keessaayi. Gosti Badii kun immoo sadii yoo ta’an isaaniis Badii Sadan jedhamu. Kunneenis  Oromoo Carii, Gaaminaafi Habadhii jedhamu.

Horaa Waarraa mootii yeroo ture Oromoon gosa Badii malee gosni kan biroo akka aangoo hinqabanne seera baasee ture. Seerrii kunis gosni Badiiti ala kuun hir’uudha jedhee waan amanuufi. Gosoota jiraattoota naannoo Oromoo dabalatee saboota isaaf gabbaran (Gabaroo) hunda cunqursaa ture. Seerri inni baases gosoonni kan biroo aangoo akka isa harkatti hinqabanneef malee namoonni ciccimoon isa caalan akka jiran ni beeka. Gosoonni hir’uun /seeraa hinqabne/ jedhaman Adamii, Waata, Tumtuu, Innamasa, Inanbiroo, Asaarii, Buraayyaa, Saphira, Sadachaafi kan birooti jedha.

Kanaaf gosa Adaamii keessaa Dallee Abungee kan Horaa Waarraa irratti fincila kaasee aangoo irraa mulqee fudhate. Dallee Abungee kan jedhamu kun yaada kana mormuun nama kophaa isa jiraatu ture. Namni kun holqa keessa riphee jiraachaa kan ture yoo ta’u, “Abbaa Abaaloo’ jedhame beekama. Iddoo inni keessa ture ammas “Holqa Abbaa Abaaloo” jedhame beekama. Abbaa Abaaloo jechuun abbaa waranaa jechuudha. Waggoota baay’ee holqa kana keessa yoo taa’u, hojiin isaa adamoo qofa akka tureefi waanuma ajjeese kana waan bilcheeffatee nyaachaa tureef nama jabaafi kophaa isaa gafarsa ajjeesee baatudha jedhama.

Ciminaafi gootummaa Adamii (Abbaa Abaaloo) kan dhagahe mootiin warra Badii Horaa Waarraa nama kana ofitti madaqsuuf tooftaa baafate jedhama. Kanaaf Intala haftuu warra Sidaamaa “Taabootee” jedhamtu suuta suutaan akka isa boojitu kiyyoo diriirsan. Isheenis tooftaadhaan nyaata qabattee bosonatti yeroo adda addaa deemuun akka isatti madaqxee qabsiifte himama. Suuta suutaan Taaboteen Dallee Abuungee dadhabsiifte. Dallee Abungees dandeettii isaa duraa dhabee gafarsa baachuu dadhabe. Yeroo sana Horaa Waarraa itti waamtee qabsiifte. Kana booda  saaphanaan namoonni ciccimoon isa qabanii HoraaWaarraatti dhiheessan. Garuu, Horaan cimina Dallee yeroo diinotasaa waraanuuf waan barbaadeef  akka inni kabajaan taa’u taasise.

Dalleen Taabotee malee intala Oromoo fuudhee ilmaan godhate. Garuu mootummaa Warra Horaa Waarraa (Badii) keessatti ilmoon nama guutuufi hir’uu jedhamuun waan qoodamaniifi Adamiinis akka hir’utti fudhatame. Booda garuu ummata hir’uudha jedhame qindeessee mootummaa Horaa irratti fincile. Warra Badiirratti fincila adda addaatu ta’e. Fakkeenyaaf warri tumtuu akka sibila tumtee Badiitti hingurgurree, waatnis gogaa duugee isaaniif akka hinkenninefi gosti biraas Badiif akka hinajajamne taasise. Kana malees, isa Horaa ummata dirqiidhaan hora looniif waraabanii qe’eetti fidan akka hinwaraabne ajaje.

Bara bulchiinsa Horaa namoonni qe’eedhaa hanga laga horaatti tarree dhaabbatanii hora loon isaaf waraabaa turan.  Hora loon warra Badii malee kan gosa biroo akka hindhugnes  dhorkeera. Kun immoo gosoota Oromoo hedduu biratti mufaatii guddaa uumeera. Dhumarratti fincilli bakka hedduu itti baay’atee Horaa aangoo irraa buuse. Dallee Abungee (Adaamiin) Abbaa Abaaloos maqaa kabajaa kanaan mootummaa warra Gumaay hundeesseefi daangaa Gumaa akka babal’ise himama.

Obbo Alamaayyoo Haayilee
Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala
Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

3 Comments to “Mootummaa Gumaay (Gumaa)”

  1. Pingback: Dark net
  2. Pingback: site here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *