Jigjigaan magaalaa guddoo bulchiinsa mootummaa naannoo Somaaleeti. Obbo Abdurramaan Sheeh Ahmad jiraataa magaalaa Jijigaati. Akka isaan jedhanitti, lafti magaalattii biyyee gurraacha waan ta’eef yeroo qotan ni jijjiga. Kanarraa ka’uun magaalattiin Jigjigaa jedhamtee moggaafamte. Afaan Oromoofi Afaan Somaalee waan hedduudhaan walitti dhufeenya qaba. Jechi Jigjigaa jedhus Afaan Oromootiinis ta’e Afaan Somaaleetiin hiika tokko qaba.
Omishaalee hedduun karaa Somaalee gara biyyoota alaatti waan ergamaniifi gara biyyatti waan galaniif magaalaan Jigjigaa wiirtuu daldala Itoophiyaa bahaati. Jigjigaan magaalaa sabootniifi sablammoonni biyyattii hundi irratti walga’aniifi keessa jiraataniidha.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011
5 Comments to “Maaliif Jigjigaa jedhame?”