Hubadhu

  • Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoo hintaane, nama sammuu hiyyoomeedha!
  • Beekaa jechuun nama dogoggora ofii beekee, irraa sirraa’eedha!
  • Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka hinmuran!
  • Mo’uu jechuun 1fa bahuu qofa osoo hintaane, jijjiiramas agarsiisuudha!
  • Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hintaane, barumsi nama keessa darbuudha!
  • Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!
  • Nama si sobu wajjin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti himu wajjin gadditee boohuu sii wayya!
  • Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbaniiyyuu qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha!
  • Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aarii xinnoon bishaan bobeessiti!Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa tokkootti jijjiirama!

Maddi: Barruu waggaa 50fa Mana Barumsaa Caboo Wancii sababeeffachuun qophaa’e)

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

3 Comments to “Hubadhu”

  1. Pingback: exchange crypto

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *