Omishaafi oomishtummaa qulqullinaafi lakkoofsaan dabaluuf itti fayyadamni sanyii filatamaafi guddistuu callaa murteessaa ta’us hanqina wajjin walqabatee rakkoo mudatuun bu’aaan callaarraa eegamu gadi bu’uunsaa kan oolu miti.
Bu’aan callaa lakkoofsaafi qulqullinaan gadi bu’uunsaammoo qonnaan bulaa miidhuurra darbee dinagdee biyyaaf gooluunsaa egeree biyyaafis balaadha.
Dinagdeen utubduu biyyaa jiraachuu lammiileef wabii ta’e qonna ammayyaan yoo deeggaramuu baate muka ijaafi baala hinqabneedha jechuun nidanda’ama.
Tibbuma kana dhimma hojiif gara Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa wayita deemnetti qonnaan bultoota kan dubbisne yoo ta’u, harkifannaafi hanqina sanyii filatamaafi guddistuu callaa wajjin walqabatee komiin jiraachuu kaasaniiru.
Qonnaan Bulaa Naziif Abbaa Goojjam jiraataa Aanaa Oomoo Naaddaa, Ganda Burqaa Hasaandaaboo yoo ta’an, harkifannaa sanyii filatamaaf guddistuu callaa mudachaa jiru wajjin walqabatee komiin akka jiru himanii, bu’aa callaarratti rakkoo fiduu kan dandahu ta’uu kaasu.
Keessumattuu sanyii filatamaa yeroon facaafachuuf lafasaanii qophheeffachaa turuus eeranii, sanyiin harkifachuurra darbee hanqina godhachuusaatiin gatii olaanaadhaan daldaltootarraa bituuf dirqamaniiru.
Akka ibsa qonnaan bulaa kanaatti gatiin bittaa sanyii dachaan dabaluunsaa humna qonaan bulaatii ol ta’uurra darbee kan dhabe sanyii biyya keessaa akka facaasu kan isa dirqimsiiseedha.
Akka fakkeenyaatti sanyii filatamaan boqqolloo shoonee karaa mootummaa qarshii 670n gurguramaa ture harkifachuusaatiin daldaltootarraa 1000n bitamaa ture.
Hudhaa kana wajjin walqabatee bu’aan callaa bara dhufurraa eegamu kan waggaa darbee gadi ta’uu akka hinoolle sodaan jiraachuu Obbo Naziif himanii, toorri xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf qabu harkifataa akka ta’etti komatu.
Keessumattuu Obbo Naziif omishni sanyii boqqolloo, guddistuu callaafi farri aramaa yeroosaa eegee dhiyaachuu dhabuun miira ofitti amanamummaa qonnaan bulaarratti dhiibbaa geessiseera jedhan.
Dhamaatii qonnaan bulaan waggaa guutuu taasisaa ture hudha harkifannoo dhiyeessiitiin walqabatee gadi bu’uunsaa rakkoo hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa qaqqabsiisuu akka hinoolles kaasanii, fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuufis tumsi jiru fooyya’uu kan maludha jedhu.
Lafti qonnaa keenya lafa gurraacha waan ta’eef dura faca’uun akka irra ture dubbatanii, erga yeroon darbee sanyiin waan dhiyaateef biqilaan boqqolloo yeroonsaa darbe raammoon nyaatamuu akka danda’u himu.
Fuuldurumattuu raabsaan sanyiifi guddistuu callaa amala lafa qonnaarratti hundaahee yeroon kennamuu qaba kan jedhan Obbo Naziif, erga yeroonsaa darbee raabsi taasifamu baasii dabalataa qonnaan bulaatti fiduun ala bu’aa kan buusu ta’ee akka hinargamne ibsu.
Daldaltoonni biyya keessaas hordoffii waan hinqabneef yeroorraa yerootti gatii sanyii, guddistuu callaafi farra aramaa dabaluusaaniin Obbo Naziif himanii, qonnaan bulaan lafasaa agabuu bulchuurra jedhee qotiyyoo gurguree baasii hinmalleef of saaxilaa tureera jedhu.
Akka ibsasaaniitti, kanaan dura lafa heektaara tokkorraa boqoolloo keeshaa 60 ol argachaa turanuu himanii bara kana hudhaa jiru kana sababeeffachuun gara keeshaa 50tti gadi bu’uu dandaha yaaddoo jedhu qabaachuu dubbatu.
Dhimmi kun yaaddoo egeree qonnaan bulaa ta’uus himanii, hordoffii mootummaan gama kanaan taasisu fooyya’uu mala jedhu.
Komii qonnaan bultootaa kana ilaalchisuun Daariktariin Dhimmoota Kominikeeshinii Ministeera Qonnaa, Obbo Alamaayyoo Biraanuu ibsa laataniin komiin ka’e sirrii ta’uu himanii, rakkinichi hanqina geejjibaafi rakkoo nageenyaa wajjin kan walqabatuudha jedhan.
Dhiyeessiin sanyii filatamaa yeroon akka waliin hingeenyeef haalli nageenya biyyaa yaaddessaa ta’uu akka sababaatti kan kaasanii, hudhaa kana jalaa akka baraaramaniif qonnaan bultoonni sanyii fooyya’aa biyya keessaa akka fayyadaman taasifamuu dubbatu.
Kun ta’us bara oomisha 2011tti sanyii boqoolloo kuntaala miliyoona lama raabsuuf karoorfamuu himanii, kana keessaa kuntaalli miliyoona 1.5 raabsamuu dandaheera jedhan.
Yaata’uutii hanqina sanyii filatamaa mudate maqsuuf dhiyeessiin sanyii filatamaa kuntaala kuma 600 raawwachuu kan himan Obbo Alamaayyoon, guutummaatti komii jiru furuun akka hindanda’amne addeessu.
Rakkoo guddistuu callaa mudate jedhame kana ilaalchisuun naannooleen fedhii bittaa meetrik toonii miliyoona lama kan gaafatan ta’uu daarektarichi himanii, kana keesssaa meetrik tooniin miliyoona tokko raabsamuu dandaheera jedhan.
Komiin dhiyeessitii akka furamuuf naannoleen hojii waliin gahinsaa hatattamaan akka raawwataniif kallattii taa’een fooyya’insi argamuus ibsaniiru.
Akka ibsa Obbo Alamaayyootti raabsaan guddistuu callaa harkifannaa keessa seene rakkoo geejjibaan kan walqabatu ta’uu himanii, komii qonnaan bultoonni kaasan akka furamuuf xiyyeeffannoofi hordoffiin walirraa hincinne akka kennamu ta’eera jedhan.
Walumaagalatti komii dhiyeessii sanyii filatamaa, guddistuu callaafi farra aramaa ilaalchisuun qonnaan bultoonni Godina Jimmaa kaasan isaan kaanis kan ilaallatu waan ta’eef rakkoo dinagdee, hawaasummaa gamanumaa dhufuu dandahu jalaa lammiilee baraaruuf xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf laachuu qabu fooyya’uun irra jiraata.
Waasihun Takileetiin
Suurri Haddush Abrahaatiin
2 Comments to ““Harkifannaan dhiyeessiilee qonnaa baasii hinmalleef nusaaxileera” -Qonnaan bultoota Godina Jimmaa”