Gurmaa’ina liigii Itoophiyaarratti mariin taasifame

Finfinnee: Rakkinoota kilaboota Magaalaa Finfinneerraa yeroo yeroodhaan ka’aniifi ga’uufi dhiibaa isaanirratti taasifamu salphisuuf maaltu godhamu akka qaburratti mariin  adeemsifame.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Magaalaa Finfinnee rakkina kubbaa miilaa Itoophiyaa, akkaataa gurmaa’ina  liigiifi rakkina karaa humna namaatiin muldhatu  ilaalchisuudhaan Roobii darbe Hoteela Juppitaritti yaada furmaata jedhus dhiheesse. Marii kanarratti bakka bu’oonni kilaboota Magaalaa Finfinnee, leenjistonni, murtee kennitonni kubbaa miilaa, gaazexeessitoonniifi deeggartoonni kilabotaa hirmaataniiru.

Pirezidaantiin kilaba magaalaa Finfinnee Obbo Gazaahany Waldee akka ibsanitti, gurmaa’ina liigii Itoophiyaa kan Waldaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Addunyaa (“FIFA”)tiin adda ta’uusaatti kilabootarratti rakkina guddaa uumusaa mul’isaniiru.

Liigiin Itoophiyaa jalqabumarraa kaasee kilaboota magaalaa Finfinneefi naannolee rakkinaaf saaxiluusaatti  hedduunsaanii Faayinaansii dhabuudhaan  kisaaraa keessa galuun  diigamaniiru.

Federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa waggaatti qarshii miiliyoona 499.8 baasus haala gurmaa’ina liigichaatiin kan ka’een kubbaan miilaa Itoophiyaa achi siqu hindandenye. Kanaafuu irra deebiidhaan qoratamu akka qabus addeessaniiru.

Rakkina gurmaa’inaatiin Oromiyaarraa kilaboonni saddeet akkasumas Ummatoota Kibbaa, Amaaraa, Tigraayi, Beenushaangul Gumuziifi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa irraa  kilaboonni hedduun naannoodhaa gara naannooleetti waan ittin deddeebi’anii taphatan dhabuurraa kan ka’e diigamaniiru.

Naannoleen Gaambeellaa, Beenushaangul Gumuz, Affaar, Somaaleefi Harariin Istaadiyooma Ammayyaa ijaaranis kilaboonni  waan hin jirreefi kan itti taphatu dhabanii afaan bananii oolu. Sababin isaa akkaataa gurmaa’ina liigichaa ta’udha Obbo Gazaahaany kan addeessan.

Akkasumas jeequmsa istaadiyoomotatti ka’uun taphattoonni deeggartoonnisaaniifi murtee kennitoonni reebamaniiru, qabeenyi mootummaa ummataafi barbadaa’eera. Rakkinni kun ammoo uumamu kan danda’e akkaataa gurmaa’ina liigichaa ta’uunis hubatameera.

Ispoortiin kubbaa miilaa kun malaammatummaaf saaxilamuun kan ka’een qabeenyi federeeshinichaa  kiisii namootaa hedduu furdisaa jiraachuusaati marii kanarratti kan ibsame.

Rakkina kanaanis gareen biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota 20n darbaniif waancaa kubbaa miilaa Afrikaarraa fagaateera. Kilabonnis maqaaf shaapiyoonaa kilaboota Afrikaafi Konfedereeshina kubbaa miilaa Afrikaarratti hirmaatu malee gulaala duraa darbuu hin dandeenye.

Keessumattuu biyyattiin taphawwan biyyoolessaarratti bara 2012 gare bakka ishee bu’un hirmaatu  hinqabdu. Kaleessa wayita Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaarratti hirmaattu biyyoonni taa’anii ishee ilaalaan har’ammoo faallaa Itoophiyaan teessee ilaaluuf dirqamusheetti kan dubatame.

Waan kana ta’eef Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa pirojekitiiwwan kubbaa miilaa cimsuudhaan kilaboota  beekamoo horachuun yeroo gabaabaa keessatti biyyattiin taphawwan biyyoolessaarratti hirmaachuuf gurmaa’ina liigichaa geddaramuu qaba jedha.

Haalli gurmaa’ina liigichaa yoo hingeddaramni magaalaan Finfinnee shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaa bara 2012   hirmaachuuf qophiin hinjiru jechuudhaan Obbo Gazaahany kan mul’isan.

Leenjistoonnifi bakka bu’oonni kilabootaa gamasaaniitiin akka ibsanitti, naannoodhaa gara naannootti deddeebi’uudhaan taphachuuf  lubu taphattootaafis ta’u deeggartootasaaniif  wabii kan fudhatu waan hin jirreef ejjennoo hintaphannu jedhurra  ga’uusaanii beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

One Comment to “Gurmaa’ina liigii Itoophiyaarratti mariin taasifame”

  1. Pingback: Highbay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *