Finfinneetti manneen barnootaa mootummaa 113 keessatti barnootni Afaan Oromootiin ni kennama

-Galmeessi barattootaa kuma 32fi 970rra gaheera

Finfinnee: Kutaalee Magaalaa Finfinnee hunduma keessatti manneen barnootaa mootummaa 488 ta’an keessaa 113 keessatti  barnootni Afaan Oromootiin kan kennamu ta’uusaa Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Zalaalam Mulaatuu Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, manneen barnootaa mootummaa magaalaa Finfinnee hunda keessatti Afaan Oromootiin barnoota jalqabsiisuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jira. Kanaanis Adoolessa 15 bara 2011 irraa kaasee galmeen barattootaa raawwatamaa kan ture yoo ta’u, hanga dheengaddaatti, barattoota kuma 32fi 970 galmeessuun danda’ameera jedhan.

Manneen barnootaa mootummaa 488 keessatti Afaan Oromootiin barnootni akka kennamuuf karoorri qabamus hubannoon maatii barattootaa baay’ee gadaanaa waan ta’eef, akkaataa yaadameen deemaa akka hinjirres ibsaniiru. Ittigaafatamtootni manneen barnootaa tokko tokkos Afaan Oromootiin barnootni akka kennamuuf fedhii waan hinqabneef, akkawaan barattootni afaanichaan baratan hinjirreetti odeeffannoowwan dogoggoraa dabarsaa turaniiru; harka lafa jalaanis hanga galmee barattootaa dhorkuuttis ga’aniiru jedhan.

Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnees ittigaafatamtoota manneen barnootaa hojichi galmaan akka hingeenyeef duubatti harkisaa turanirratti  tarkaanfii fudhachuu eeranii, kanaanis ittigaafatamummaa qabanirraa akka kaafaman ta’eera. Waardiyyootaafi barsiisota odeeffannoo dogoggoraa kennaa jiranirrattis tarkaanfii walfakkaatu fudhachuuf ragaaleen qabatamaan qindeeffamaa akka jiranis himaniiru.

Afaanota Itoophiyaa kamuu barachuun jireenya hawaasummaa keessatti qooda olaanaa qaba kan jedhan Obbo Zalaalam, barnootni Afaan Oromoo manneen barnootaa mootummaa Finfinnee hunda keessatti akka kennamu gochuun akka carraatti malee yaaddootti fudhatamuu akka hinqabne ibsaniiru. Afaan Amaariffaa waliin Afaan Oromootiin barnoota kennuu eegaluun tokkummaa biyyaalessaa kan cimsu waan ta’eef, milkeessuuf hunduu dhimmamuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Qacarriin barsiisotaas waggoota lamaan durarraa kaasee haaluma karoorfameen deemaa jiraachuusaa himanii, kan bara darbee malee barana qofa barsiisota kuma tokkoofi 600 mindeessuuf calalliin raawwateeraa jedhan. Barsiisotni kunneen garuu baay’ina barattootaarratti hundaa’uun kan mindeeffaman ta’uus eeraniiru.

Bara darbe magaalittii keessatti Afaan Oromootiin barnootni manneen barnootaa 27 keessatti kennamaa kan ture yoo ta’u, bara haaraa 2012tti ammoo manneen barnootaa mootummaa 113 keessatti kan jalqabu ta’uu mirkanaa’eera.

Fedhii maatii barattootaarratti hundaa’uun manneen barnootaa hunda (488) keessatti afaanichaan hojii baruu barsiisuu jalqabsiisuuf qophiin gahaan jiraachuusaas ibsameera. Dhalattootni Oromoo keessumaa kutaalee magaalittii mara keessa jiraatan hubannoo uumuutiin qoodasaanii bahachuu akka qaban waamichi dhiyaateera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

7 Comments to “Finfinneetti manneen barnootaa mootummaa 113 keessatti barnootni Afaan Oromootiin ni kennama”

  1. Pingback: remisolleke

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *