Afaan Oromoo eddii afaan barnootaafi hojii ta’ee waggoonni kurna lamaa ol lakkaa’amaniiru. Ta’us haala qubeessaa, hiikaafi moggaasa jechootaarratti miidyaalee dabalatee iddoowwan adda addaatti garaa garummaan tokko tokko ni mul’atu.
Gaazexaan Bariisaas dhimma kanaafi kanaan walqabatanirratti Yunivarsitii Ambootti Afaan Oromoo barsiisaa kan jiran Gargaaraa Pirofesaraa Duula Kafanaa wajjin turtii taasiseera. Hayyuun kun Afaan Oromoo barsiisuudhaan muuxannoo waggoota kudhanii kan qaban yoo ta’u, afaanicharratti qo’annoowwan adda addaas geggeessanii waltajjiilee gara garaarratti dhiyeessaniiru, dhiyeessaas jiru.
Hayyichi ibsasaanii waaltinaan walqabsiisuun oggaa eegalan, akkaataa itti afaan sana barsiisuuf kaanetu murteessaadha jedhu. Kan barnootaa taasisne sirna barnootaa keessa galchine Oromiyaa guutuutti jechoota walfakkaataatti fayyadamuuf nama gargaara.
Akka saayinsii fayyadama jechichaatti kan yeroo dubbannu nutti hinulfaanne, kan ummanni bal’inaan itti gargaaramuufi hawaasa biratti bal’inaan beekamu filannee gargaaramnee ogbarruu barreessina, akkaataa kanaan jechoonni afaanicha keessa jiran waalta’aa deemu jedhan.
Kan faffaca’ee jirus haala kanaan akka waalta’u taasifama. Saayinsiinsaas kanuma jedha. Jecha kallattumaan hiika barbaadame bakka bu’ee sun tarii iddoo biraatti hiika biraa qabaachuu danda’a. jechoonni safuufaa kan keessatti eeramu. Kana waaltinatu sirreessuu qaba. Loogni kun sadarkaa sagaleefi jechaarratti ni mul’ata. Gaafa waa’een loogaa ka’u isaan kanneentu xiinxalamuu qaba. Gaafa barreessinus xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa ta’uu kaasu.
Kun qulqullinaafi guddina afaanichaa eeguufi mirkaneessuuf faayidaa guddaa qaba. Jechoota walfakkaatoottis fayyadamuu qabna. Loqodni waliigaltee hinmiidhu jedhama. Garuu akka saayinsiisaatti afaan yoo walirraa fagaataa deeme keessumaa afaan afaan hojiifi barnootaa hintaanerratti dhiibbaa ni qabaata. Kun Afaan Oromoos mudatee ture jedhu.
Afaan Oromoo kanaan dura otoo afaan barnootaa hinta’in dura Oromoon Oromiyaa kibbaafi lixaa walbira qabnee yoo ilaalle garaagarummaan jechootaafi haala dubbii walirraa fagoo ture. Inni kun gaafa afaanichi afaan ogbarruufi barnootaa ta’u waaltessuu babraada. Kun waaltina afaanii keessatti iddoo guddaa akka qabu eeru.
“Afaan Oromoo rakkina akkanaa qaba. Fakkeenyaaf yoo na gaafatte naannoodhuman ittidhaladhee ittiguddadhen gargaarama. Miidiyaarrattis kanuman fayyadama. Hawaasni kamuu gaafa gaaffii akkanaa gaafatamu jechootuma hawaasa keessatti guddatte waliigaluun yaadasaa ibsa. Isa haa waalta’u jedhameef hangana xiyyeeffannaan hinkennamu. Hundumtuu kanuma naannawa naannawasaa fayyadama jechuudha” jedhu.
Akka gargaaraa Piroofeesaraa Dulaan jedhanitti, oggaa kun ta’u jechoonni ittifayyadamee yaadasaa ibsataa jiru Oromoo kallattii biraarratti argamuuf ni galaa laata jedhee yaaduun hangana hinmul’atu. Kun isa barates ta’e hinbaranne biratti bal’inaan miidiyaarratti mul’ata. Kanaaf jechoota waalta’oo fayyadamaa yoo deemne afaanicha gara tokkotti fiduuf xiyyeeffannaa kennaa yoo deemne ni fooyya’a jedheen yaada.
Hogbarruus jechoota naannawa beeknuutti fayyadamanii barreessuun ni mul’ata. Jechoota waalta’an fayyadamuuf xiyyeeffannaan kennamu hangana miti. Kunis inni Harargee jiru kan Wallagga jiru na hubatinnaa jedhee hangas mara hin yaadda’u jechuudha. Ergaasaa dabarfachu malee waa’ee dhaggeeffataa xiyyeeffannaa keessa akka hingalchine kaasu.
Akka ibsa barsiisaa kanaatti, yunivarsitiitti barattoonni naannawawwan adda addaarraa waan dhufaniin darbee darbee oggaa jechoota tokko tokko fayyadamnu bitaa itti galuun ni mul’ata. Jechichi kan qaanii ta’ee yeroon barattoonni ittiqaaneffatan ni jira. Fakkeenyaaf “geeba” jechuun Booranatti jecha saalfiiti. Iluu Abbaa Booraatti jechi “Bukkee” jedhamu qaaniidha. Kanaanis oggaa barattoonni miira saalfii keessa galan ni mul’ata.
Jechoota waalta’oo namoonni baratan ittifayyadaman babal’achuu akka qabuufi kanas jechoota namoonni danuun beekamanitti fayyadamuun akka barbaachisus ni gorsu.
“Koree Waaltina Afaan Oromoo Jiddugala Aadaa Oromootti argamutti jechoonni ni waalta’u. Kunis barruu Wiirtuu jildiiwwan adda addaatiin maxxanfamee baha. Garuu namoonni dubbisanii jechoota waalta’an kanneenitti ittifayyadamaa hinjiran. Hundumtuu ofumaaf akka ittifakkaatetti fayyadamaa jira. Jechi ogummaa, ogbarruus ta’e qorannoo haaluma kanaan hiikamaa jira. Kanuma ofii keenyaa beeknutti fayyadamaa jirra malee isa akka waliigalaatti ittiyaadanee barreessaa hinjiru. Kun ogbarruus ta’e miidiyaarrattis ni calaqqisa” jedhu.
Akkan barsiisaan kunjedhanitti, keessumaa miidiyaaleen waan koreen waaltinaa baase ofiifis ittifayyadamaa kanneen biroos barsiisuu qabu. Inni waalta’e kun karaa sirrii ta’een walgahaa hinjiru. Jechoonni kunniin waalta’anii akka kitaabota deggarsa barnootaatti dhaabbilee barnootaatiif dhiyaachuu qabuuyyu. Akka galmee jechootaattis faayidaarra ooluu qabu.
Inni argates kan walii dhiisee kanuma ofiitti deebi’uun ni mul’ata. Fakkeenyaaf oggaa Ingiliffa barsiisnu koreen waaltinaa maal jedhe jechuurra ofumaaf hiikkanna. Asirratti qaawwa lamatu jiru. Tokkoffaa akkaa itti waalta’urratti hojjetamee waantota lafa jiran gaggaragalchee ilaalanii fayyadamuun hinmul’atu. Kanaafis carraa bal’aan akka hinjirre addeessu.
Namni dhama’uurra akkasumas afaanicha nan beeka jechuun kanuma ofii qabutti gargaarama. Ergaan koo yoo iddo biraa deeme na jalaa gufatinnaa jedhee kan yaadu hinjiru. Walumaagalatti ittiyaaduufi itti dhama’uun hinjiru. Akkuma fedhanitti hiikuuf tattaafachuun mataansaa cimina garuu ammoo kana keessa akkuma barbaadametti hiikuun waan mul’atuuf kun hanqina jedhu.
Kitaabonni, barruuleefi kkfn barreeffamuun gaariidha garuu loqoduma naannawaatiin barreeffamaa jiru. Giddugalli kanneen to’atee gara tokkotti fidu jiraachuu qaba. Keessa waaltessaa deemuun barbaachisaadha. Asoosamoonni Afaan Oromootiin waggoota dheeraa dura maxxanfaman kanneen akka Kuusaa Gadoofaa jechoota haasaatti fayyadamuuni kan barreeffaman. Har’as akkaataadhuma namni barreessu sun hubateen barreeffama malee waaltesssuuf iddoon kennamaa hinjiru. Waaltina ittidhama’amee hojjetametti fayyadamu dhabuunuu hanqina ta’uu addeessu.
Jechoota hiikuurratti akkuma irranatti ibsame hunduu garuma hubatutti hiikaa jira. Hiikamaa kan jiru yaadirimeedha. Jechi walgitu jiraa, maaltu waalta’e jedhamee yaaduun daran hinmul’atu. Jecha qofa otoo hintaane caasaansaas xiyyeeffannaa argachuu qaba. Akka Oromoof mijatutti ta’uu qaba. Dhimmoonni akkanaa ilaalamuu qabu jedhu.
Jechoonni ogummaafi teknikiis haaluma walfakkaatuun hiikamaa jiru. Jechuma waajjirasaatti isa mudaterraa ka’ee hiika. Fakkeenyaaf ogeessi fayyaa eksireeyii jedhee achumatti dheeressee ittifayyadamuunis ni jira. Oggeessonni fayyaa naannawumsaaniitti hiiku. Inni biraas akkasuma jedhu Gargaraa Piroofeesaraa Duulaan.
Walumaagalatti,rakkoon gama fayyadamaafi qubeessa Afaan Oromootiin jiru qorannoo gadi fageenyaa kan barbaaduufi dafee falli itti kennamuu kan qabudha. Kunimmoo tattaaffii mootummaatiin qofa kan ta’u osoo hintaane qaamni dhimmichi ilaallatu hundi tumsuu kan qabudha. Kanaaf hayyoonniifi ogeessoonni afaanii beekumsasaanii utuu hinqusatiin adda durummaan hojjetanii mootummaalee dadammaqsuu qabu jenna.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011
5 Comments to “Haalatti ammaan tana Afaan Oromoo barreeffamaa jirurratti yaada hayyuu”