Ashandaa, ashandiyyee: Tapha shamarran Itoophiyaa kaabaa

Ashandaa/Shaaday/Ashandiyyee/Soolal ayyaana ykn tapha shamarran Itoophiyaa kaabaa (Naannoo Amaaraafi Tigraayi) naannawa  tokko  jiraatan walitti qabamuun biqiltuu ashandiyyee kan yeroo baay’ee naannawa tabbaarratti argamu mudhiitti hidhatanii, uffannaa aadaatiin miidhaganii, rifeensa haalota adda addaatii bareeffatanii, dirreettii bahanii sirbu.Mana  manarra naanna’aniis maqaa abbaa manichaa dhahuun faarsu.

Ayyaanni Ashandiyyee Naannoo Amaaraa Saqooxaa (Waaghimiraa), Laastaa Laallibalaa, Maqeet akkasumas aanaalee Walloo Kaabaatti fa’itti sirna ho’aadhaan kabajama. Tigraayittis Tanbeen, Raayyaa Azeebootti sirba ayyaana kanaaf oolu yeedaloosaa walharkaa fuudhaa sirbuun taphatama, ragadama.

Oggaa manaa manarra naanna’anii sirban kana warri manaa ni eebbisu, daabboofi farsoofaa dhandhamsiisu.  Darbee darbees ta’u dhadhaa ni muudamu. Ennaa shamarran sirban kana dargaggeessi duubaan dhufee kan onneensaa itti nahe (itti bareedde) irraa ashandaashii kutee deema. Isheenis dargaggeessichaan jaalatamuushii waan beektuuf akka qaqqaaneffachuu taati. Fakkeessuufis boohuu dandeessi.

Ashandiyyeen guyyoota 15f waan kabajamuuf akka ashandaansaanii jalaa hingogneef marga fixeensa qabu keessa bulchu. Ayyaanichi hunda biratti kan jaalatamu waan ta’eef hundumtuu waggaa eegee dhufuusaa hawwiidhaan eega.

Gama biraatiin Shaday jechuun afaan Hamxiffa jedhamuun lalisaa, magariisa jechuudha. Ayyaanichi Dhaloota Kiristoos Dura kabajamuu kan eegale ta’uutu himama. Ayyaanichi keessumaa Hagayya 16-18tti ykn hanga Masqalaatti ayyaaneffama.

Ayyaanichi qabeessa dhabeessa otoo hinjedhamne hunda biratti kabajamuun hariiroo hawaasummaa kan cimsuudha. Maatiin ijoolleesaatiif uffannaa bitee akka taphataniif eebbise eeyyamaaf. Jaarsoliinis shamarran ni eebbisu, yoo waldhabdeen mudate ni furu, sochiilee aadaadhaan ala ta’an ni sirreessu. Akka odeeffannoon Wiirtuu Aadaa Biyyaalessaa biraa argame ibsutti dardarran nageenya shamarranii eegaa akka taphataniif onnachiisu.

Ayyaana baranaa Naannoon Tigraayiifi Amaaraa wajjummaan kabajuuf akkasumas hambummaa addunyaatti galmeessisuuf hojjechaa akka jiraniidha kan ibsame. Ayyaanicha sadarkaa biyyaatti Finfinneetti sirna ho’aadhaan kabajuuf qophiin taasifamaa jira.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

4 Comments to “Ashandaa, ashandiyyee: Tapha shamarran Itoophiyaa kaabaa”

  1. Pingback: Floor Installation
  2. Pingback: slot gacor
  3. Pingback: Tal Alexander

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *