Baay’ee sirbameefiira; utubaa dinagdee madda galii biyyaa, mul’istuu qabeenyaa, inni omishe kan itti duroomu inni funaane kan itti hundee godhatu ture, bunni. Dur dur qonnaan bulan omisha bunaasaarraa gatiifi itti quufiinsa argate” Ayee yaa Bunaa fayyuun baranumaa” jechaa gammachuusaa ibsachaa ture.
Haala waggoota 13 keessatti mul’atee hinbeekneen barana gadi bu’uun gatii bunaa qonnaan bulaarraa kaasee hanga ergitootaatti mootummaafi bittoota alaa kan mufachiise ta’ee argameera.
Dhimma kana ilaalchisuun Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa tibbana dhimmamtoota wajjin marii kan gaggeesse yoo ta’u, ergitoonni bunaa yaada kennaniin damichi xiyyeeffannoo ala ta’eera jedhan.
Daarektarri abbaa taayitichaa Doktar Addunyaa Dabalaa ibsa gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin gadi bu’uu gatii bunaatiif hudhaaleen gara garaa akka jiraniidha kan kaasan.
Hudhaaleen damichaa heddummaachuun jiruufi jireenya qonnaan bulaa gadadoo keessa galchuurra darbee dinagdee ergitootaa, kan biyyaa, akkasumas fedhii maamiloota buna nurraa bitaa turanii kan miidhu ta’uus eeraniiru.
Hudhaaleen gadi bu’uu gatii bunaatiif sababa ta’an hedduu ta’uus himanii, isaan keessaa tasgabbaa’uu dhabuu gatii bunaa, bunni lakkoofsaan ol ka’ee qulqullinaan gadi bu’uu, babal’achuu hannaa, daldaltoonni seermaleeyyiin baay’achuun, kontirobaandistoonni heddummaachuu, biyyoonniifi ergitoonni bunaa waliigalatee bittaa gurgurtaa haquufaati jedhaniiru.
Yaaliin hudhaalee kana dhabamsiisuuf taasifamaa ture guutummaatti akka hinmilkoofneef haalli nageenya biyyittii sadarkaa yaaddessaa keessa turuu daariktarichi akka sababa birootti eeranii, hattoonniifi kontirobaandistoonni heddummaachuu wajjin walqabatee rakkoo qulqullinaa muadateen galiin sharafa bunaa akka gadi bu’uufi waliigalteen bittaa gurgurtaa akka haqamuu godheera jedhan.
Akka ibsasaaniitti, babala’chuu daldaltoota seermaleeyyiifi kontirobaandistootaan walqabatee ergitoonni bunaa konteenarii tokkotti hanga qarshii kuma 700 nyaatamaniiru.
Qonnaan bulaan jiruufi jireenyisaa omisha bunaarratti hirkatee ture hudhaa kanaan yoo liqimfamu biyyaaf kufaatii guddaa ta’uu kan himani Doktar Addunyaan, fayyadamummaa qonnaan bultoota haalaan mirkaneessuuf alergii bunaa ofumaa akka gaggeeffatan haalli mijataan uumamuusaa beeksisaniiru.
Keessumattuu sosochii gama kanaan taasifamaa tureen qonnaan bultoonni 30 ergitoota ta’aniiru. Kanneen rakkoo faayinaansiin sakaalamanii turanis furmaata akka argataniif abbootii qabeenyaa ykn ergitoota waliin hidhata uumuun akka hojjetan yaalii taasifameen abdii gaariin jiraachuus dubbataniiru.
Fakkaatota qonnaan bultoota buna alatti erganii kumaatama horachuun omisha bunaa qulqullina qabu gabaa addunyaatiif dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhan.
Galii alergii bunaarraa argamu qofaan sharafa alaa galmeessisna jedhanii yaaduun sirrii akka hintaane kan himani Doktar Addunyaaan, alergii mi’eessituuwwan gara garaa Naannoo Ummatoota Kibbaatti omishamuun damicha cimsuuf alergiin mieessituuwwanii akka gaggeeffamu taasifamuu dubbaniiru.
Ergitoonni moodeela ta’uun sharafa alaa bunaarraa argamsiisaa jiran gamasaaniin haasa’a taasisaniin hudhaaleen ka’an sirrii ta’uufi hordoffiin mootummaa laafuu komachaa jiru.
Obbo Israa’el Dagafaa gaggeessaan hojii dhaabbata dhuunfaa Alergii Bunaa Qarcaanshee yoo ta’an, barana akkaataa karoorfataniin galii sharafa bunaarraa argachuu malan hinarganne jedhu.
Kun kan ta’eefis dhaabbannisaanii eeyyama guutuun hojichatti seenee ofiifi biyyasaa jijjiiruuf tattaafachaa jiraachuu yoo himan, heddummaachuun daldaltoota seeraan alaafi kontirobaandistootaa qulqullinarratti rakkoon akka mudatu godheera jedhan.
Kana wajjin walqabatee maamiloonni biyya alaa buna Itoophiyaa bitaa turan dudduubatti akka deebi’aa jiaachuu kan eeran Obbo Israa’el, hordoffii gama kanaan mootummaan taasisu xiyyeeffannoo akka hinarganne ibsu.
Hudhaalee kanneen dandamachuun dhaabbanni ergitoota bunaa akka Itoophiyaatti galii guddaa argamsiises kansaanii ta’uufi badhaasa jajjabinaallee argachuu himanii, barana doolaara milyoona 70 argamsiisuun dursaa jiraachuu dubbatu.
Karoorrisaanii kanaa ol argamsiisuuf tattaafachuu akka tures eeranii, bakkeewwan omishni bunaa kun itti gaggeeffamaa ture Qellem Wallaggaafi Gujii rakkoo nageenyaa mudateen karoorrisaanii haalaan kan hinmilkoofne ta’uu ibsu.
Kun ta’us Yuuroo miliyoona 500 baasii gochuun mankuusaa ammayyaafi maashinii qulqulleessituu bunaa hojiirra ooleen buna qulqullina qabu meetrik toonii kuma 24 erguun galii doolaara miliyoona 70 galmeessisuun dhaabbanni Alergiifi Misooma Bunaa Qarcaanshee isa jalqabaa ta’uu eeran.
Haalli mijataan osoo uumameefii kanaa ol galmeessisuuf gahumsa qabaachuu kan ibsan Obbo Israa’el, komiin qulqullina wajjin walqabatee bittoota alaarraa ka’aa jirus furmaata argachuu akka qabu dubbataniiru.
Hudhaalee akka abbaa taaytichaatti adda bahuun harcaatii kanaaf sababa ta’an irratti hojjetamuu qaba jedhanii, fuulduratti kanaa ol galmeessisuufi qonnaan bultoota gabaa alergiitti makaman dabalataan horachuuf tumsi mootummaa cimuu qaba jedhaniiru.
Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen gamasaaniin dubbii dubbataniin galiin damicharraa argamu abdii biyyaafi qonnaan bultootaa ta’uu himanii, mootummaan hudhaalee adda bahanirratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabu kaasaniiru.
Hudhaaleen kunniin dhabamsiifamuu kan dandahan sosochii mootummaan taasisu qofti gahaa kan hintaane kan ibsame yoo ta’u, keessattuu hannaafi kontirobaandii wajjin walqabatee komii ka’uu furuuf ergitoonni gahee guddaa qabu jedhan.
Kun kan jedhameefis eenyu daldalaa seera qabeessaa akka ta’eefi hintaane eenyu hunduu walquba qaba kan jedhan Obbo Umar, damichi qabsoo waliinii kan gaafatu ta’uu kaasaniiru.
Walumaagalatti alergiin buna Itoophiyaa bara bajataa 2011 kun lakkoofsaan qofa dabaluun rakkoo qulqullina dhabuun akka liqimfamu gochuurra darbee galiin damicharraa argamu haala waggoota 13 as mul’atee hinbeekneen kan gadi buuse waan ta’eef xiyyeeffannoo kennamuufii baannaan egeree biyyaatiif yaaddoodha.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011
2 Comments to “Alergiin bunaa xiyyeeffannaa olaanaa barbaada”