Odaan gaaddisa Gadaati. Gadaan akka afoolaa Oromooti dur-durii namni Garraamiin Walaabu (‘innocent person’) jedhamu tokko goromsi jalaa bade barbaadee akkuma argateen gammadee gaddisa Odaa jalaa yoo ta’u, achumati hirribni fudhate. Achumatti sagalee Waaqayyoo dhaggeeffachuu eegale. Sagaleen inni dhaga’e kunis heeraafi seera dhalli namaa ittiin buluu qabu tokko tokkoon kan ummatatti inni himuu qabu ture.
Garraamichi Walaabuu kunis guyyaa sanaa eegalee bakka deemutti seeraafi heera Gadaa lallabuu eegale. Kana booda waggaa saddeet saddeetiin seerri Gadaa kun Odaa jalatti lallabamuu eegale. Kun yeroo duraatiif yoo ta’u, inni lammaffaan immoo baroota dheeraa booda maatii garraamicha Walaabuu kana keessaa obbolaan walitti bu’anii hangafni quxusuu ykn maadhaa ajjeesee biyyaayis baqate.
Maatiinis ilmaan lama waan dhabaniif daran gaddan. Keessattuu obboleettiin jaraa Awwaala obboleessaarra Odaa dhaabdee bishaan malkaa Abbayyaa waraabdee obaastee kununsuun akka guddatu goote. Awwaala obboleessa ishiirratti waggaa waggaadhaan yaadannoof irreeffachuus eegalte.
Maatii ishiis wareegamaafi yaadannoo isheen raawwattu ilaaluun gaaddisa Odaa kanaa jala taa’anii araaraaf dubbachuu qaban. Gumaanis ba’ee araarris maatii keessatti uumame. Yeroo sanaa eegalee Odaan gaaddisa seeraatiif filatamuu eegale jedhama.
Kana malees oggaa baallis ta’e hundeen Odaa rukutamu bishaan aannan fakkaatu waan keessaa cophuuf jaalatamaa ykn filatamaadha warri jedhanis ni jiru. Gamaa biraatiin Odaan biqiltuu bonaafi ganna lalisuufi ongee dandamatu waan ta’eef ni safeeffatama. Akkasumas Odaan lafa heeraafi seerri itti dubbatamuufi itti madduudha. Seerri Odaa jalatti aggaamamee Caffeetti tumama. Ulfinniifi kabajni Odaaf kennamus kanarraa madda jedhama. Kanaafuu duula dhaabiinsa biqiltuu Wixata darbe geggeeffameen biqiltuun Odaa meeqa dhaabameera laata?
(Alamaayyoo Hayileetiin)
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011
รับทําเว็บไซต์ wordpress ราคาถูก ให้คุณสามารถสร้างเว็บไซต์ได้อย่างมืออาชีพ ตั้งแต่การพัฒนาจนถึงการบำรุงรักษาเพื่อให้ใช้งานได้อย่างราบรื่นและยั่งยืนในระยะยาว
myhr is typically referred to as a human resource management platform or system that helps organizations streamline HR processes. It is designed to handle tasks such as employee record management, payroll processing, performance tracking, recruitment, training, and more. Depending on the specific platform or