“Miidhaa Meeteek nurraan gaheen rakkoof saaxilamneerra” -Qeerroo Yaayyoo

Babal’achuun indastrii rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa furuun alatti guddina dinagdee biyyaa saffisiisuu keessatti shoora olaanaa taphata. Kun ta’us takka takkammoo ulaagaa seerri invastimantii kaa’u osoo hingunne  misoomawwan diriirfaman jiruufi jireenya lammiilee yaaddoo keessa kan galchan ta’anii argamu.

Isaan kanneen keessaa warshaan Xaa’oo Godina Iluu Abbaa Booraa, Aanaa Yaayyoo, Ganda Waxateetti argamu jiruufi jireenya dargaggoota naannawichaa ni fooyyessa jedhamee abdatamus abdichi qileensarratti hafuu dargaggoonni naannawichaa ni dubbatu.

Jiraataa Ganda Waxatee kan ta’e Dargaggoo Hasan Ibraahiim, misooma warshaa xaa’oo kanaaf lafa qonnasaarraa kaafamuu eeree, tilmaamni lafasaa kennameef waliin dhahaamaafi madaalawaa akka hintaane dubbata.

Kun ta’us osoo lafarraa hinkaafamiin dura beenyaa quufsaan tilmaama waggaa 10 siif kaffalama jedhamee akka buqqa’u taasifamus kan waggaa tokkoo qofa kennuufiin qonnasaarraa adda baasuun miira eeggattummaa jalatti akka kufu taasifamuusaa eera.

Akka Dargaggoon kun jedhutti hojjetee ofiifi biyyasaaf abdii ta’uu osoo danda’uu bara 2004 kaasee kallattiin jireenyaasaa harkaa baduun du’aafi jireenya gidduu akka galu ta’uu ibsa. Dargaggoo Hasan osoo lafasaarraa hinbuqqa’iin dura lafasaarratti boqqolloo omishuun maatiisaa gargaaraa jiruufi jireenyasaa mo’achuuf kan kaatu ture. Ta’us guyyaa ijaarsi warshaa kanaa eegalee kaasee waan qabatee gadilakkisu dhabuusaa garee Gaazexeessitootaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa tibbana bakkichatti argameef ibseera.

Ijaaramuun warshaa kanaa isaafi waahillansaaf abdii borii ta’ee tajaajila jedhamus jalqabamee dhaabachuunsaa akkasuams beenyaa seera qabeessi kennamuufii dhabuun abdii akka kutatu isa gochuusaa eera.

Akka Dargaggoo Hasan jedhutti, komiin dargaggoonniifi qonnaan bultoonni beenyaa wajjin walqabsiisanii dhiyeessan akka furamuuf gaaffiin ka’us ‘isin farra misoomaati’ jedhamanii reebamaafi dhiitamaa waan turaniif afaan qabatanii beelaafi dheebuuf saaxilamaniiru.

Laftisaanii kaleessa jiddugalaan boqqolloo kuntaala 55 argamsiisaa ture maqaa Warshaa Xaa’oo ijaarra jedhuun dhaabbanni Meeteek harkaa fuudhee miirri eeggattummaa akka babal’atuuf sababa ta’eera.

Mootummaan haaromsaa erga taayitaa qabatee as tilmaamni sirriin irra deebiin isiniif kennama jedhamee abdiin kennameefii akka jiru Dargaggoo Hasan yoo himu, komiin kaleessaa irra deebiin akka hinkaaneef sirnaan hojjetamuu akka qabudha kan kaase.

Ijaaramuun warshichaa rakkoo hojidhabdummaa dargaggoota naannawichaa fura jedhamee nutti himamus dargaggoo naannawichaa dhiisuun naannawaa biraarraa fe’anii fiduun dargaggoota Aanaa Yaayyoo hojiin ala taasifameera kan jedhummoo Dargaggoo Adam Asaffaa jiraataadhuma, Ganda Waxateeti.

Lafti dargaggoon kun irraa buqqa’e lafa qotiisaa yoo ta’u, laftisaa safaramee akkasumas bunnisaa lakkaa’amee beenyaa gahaan waggaa 10 akka hinkennamneef eeree, beenyaa waggaa tokkoo qofaan akka gaggeeffame kan kaasu.

“Bakka bu’insi lafaa isiniif kennama jedhamnee gowwomfamnee lafarraa buqqaaneerra” kan jedhu dargaggoon kun lafti bakka bu’insaa kennamuu dhabuun hojii hiikuusaa hima.

Akka ibsa Dargaggoo kanaatti takkaan warshichi ijaaramee rakkoo hojidhabdummaasaanii  hinfurre, takkaanimmoo  omishnisaanii bunaan ala kanneen akka maangoo, paappaayee, avokaadoo, muuziifaa tilmaama keessa hingaliin hafaniiru.

“Waytuma komii kana kaafannu tilmaama kana yoo feetan fudhadhaa yoo diddan ammoo ummata kuma 80 kana dhabamsiisnee ummata Itoophiyaa miliyoona 80 jiraachisna deebii jedhutu kennamaa jira” jedha.

Sodaachifamnee tilmaama lafa keenyaaf hin malle fudhannee of harkaa fixneerra  kan jedhe Dargaggoo Adam, aarii kanarraa  kan ka’e dargaggoon qabeenyasaa fixee of ajjeese jiraachuu kaaseera.

Harki kaleessa qotee dilbii safaraa ture  har’a lafa seenu wayita dhabu du’a  ofirratti murteessaa kan jiru yoo rakkoo kanaaf sababni guddaan ilaalcha maal nadhibdeefi  ofittummaa  dhaabbatni  Meeteek qaqqabsiisaa tureeni jedha.

Dhaabbanni Meeteek misooma warshaa Xaa’oo kana itti fufsiisuu dhabuusaatiin dabarfamee mootummaa harka galuu kan kaase Dargaggoon Adam safarriifi tilmaamni sirriin lafasaanii irra deebiin raawwatee beenyaa madaalawaan akka kennamu itti himamuu kaasus wanti isa harka gahe akka hinjirreedha kan kaase.

Dargaggoon kun dubbii dubbateen abdii maallaqaa isaanitti horamuun olitti lafti bakka bu’insaa kennamuu qabu dhimma yeroo fudhachuu hinqabneedha jedha.

Kanamalees misoomni warshaa kun dargaggoota naannichaaf  carraa hojii dursaa kennuun osoo irra jiraatuu bakkee biraarraa fe’ee fiduun fayyadamummaan dargaggoota lafasaaniirraa kaafamanii akka hinmilkoofne godheera.

Kanneen carraa hojii yeroo argatanii jiranis sarbamni mirgaa hooggantootaan irratti qaqqabaa turuu dargaggoonni yoo ibsan, gochi kun daangaa seeraa qabaachuufi mirgi hojjettootaa kabajamuu akka malu Dargaggoon kun yaadachiiseera.

Hojjetootni  ijaarsa warshichaa keessa hojii humnaa  hojjetan hedduunsanii kaffaltii mindaa gadi aanaan akka hojjetan taasifamaa turuullee kan kaase Dargaggoon kun, warreen komii kaasanimmoo hojiirraa  ari’aa miirri hirkattummaa dargaggoota akka babal’atu godhamaa tureera.

Keessumaa  dargaggoonni  ijaarsa  warshichaarratti  bobba’uun hojjetaa turan tokko tokko kufanii miidhaan qaamaa irra qaqqabe akka jiran eeree, beenyaan itti of yaalsisan osoo hinkennamiifiin kanneen ciisanii du’a eeggatan jiraachuu dubbateera.

Komii hawaasni Aanaa Yaayyoo Ganda Waxatee kaasu sirrii akka ta’eefi furuufis hojjetaa  jiraachuu  kan  himan ammoo Bulchaa Ittaanaa Godina Iluu Abbaa Booraa Obbo Tashoomaa Kabbadaati. Keessumattuu beenyaa lafaa wajjin walqabatee komiin ka’u akka furamuuf tilmaamni irra deebii gaggeeffamuu himanii, yeroo ammaattis karaa lama kaffaluu eegalleerra jedhu.

Beenyaan kaffalamu kun namoota guutummaatti buqqa’aniifi lafa mana jireenyaa bakka buusuun tilmaama lafasaanii akka fudhatan taasifamaa akka jiru Obbo Tashoomaan yoo himan, kanneen gamisaan lafasaaniirraa buqqa’aniifimmoo walakkaan akka baasii ta’u taasifamaa jiraachuu himan.

Lafarra harkifachuun kaffaltichaa itti fayyadama qonnaan bultoonni maallaqa kanarratti qaban of eeggannoo akka qabaatuuf hojiin hubannoo uumuu hanga kennamutti maallaqni kun yoo laatame hojiirra oolmaansaa waan shakkisiisuuf sodaatameeti jedhan.

Haata’uutii beenyaan biqiltuulee gara garaa lakkoofsa keessa hingaliin hafe jiraachuu kan ibsan Obbo Tashoomaan isa kana irra deebiin ilaaluun komiin qonnaan bulaa akka furamu taasifamuutti jiraachuu kaasaniiru.

Kanamalees hojjetoota humnaa miidhaan qaamaa ijaarsa warshaarratti irra qaqqabe yaaliifi beenyaa barbaachisaa akka argataniif sosochiin walirraa hincinne taasifamaa jiraachuu yoo kaasan, tattaaffii kanaan dura taasifameen miidhamtoonni deeggarsa barbaachisaa akka argatan taasifamaniiru jedhan.

Akka ibsa Obbo Tashoomaatti ijaaramuun warshaa kanaa baasii olgalchee (import) biyyaa  furuun  alatti dargaggoota hojidhabeeyyiif  carraa  hojii kan banuufi  rakkoo dhiyeessii xaa’oo kan furu waan ta’eef deeggarsa ummata bal’aa qabaachuutu irraa eegama.

Walumaagalatti dargaggoonniifi qonnaan bultoonni  misooma warshaa Xaa’oo Yaayyoof lafasaaniirraa kaafaman beenyaa madaalawaa safara lafasaaniin walgituufi lafti bakka bu’insaa  kennamuufii  kan qabu yoo ta’u, komiin kun yeroo gabaabaa keessatti furmaata akka argatuuf  sochiin  eegalamuu  Obbo Tashoomaan himanii, hawaasnis kana beekee mootummaa waliin dhaabachuu qaba jedhan.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Miidhaa Meeteek nurraan gaheen rakkoof saaxilamneerra” -Qeerroo Yaayyoo”

  1. Pingback: her latest blog
  2. Pingback: 86kub
  3. Pingback: Continue Reading

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *