Bara durii
leenci tokko osoo bosona keessa deemuu daa’ima saamtonni haadhaafi
abbaa irraa ajjeesan tokko argatee nyaachuuf yoo deemu haatiifi abbaan kan irraa
du’an ta’uu argee daa’ima sana qabee gara mana jireenyaa isaatti fudhatee gale.
Sana booda waan ofii nyaatuufi dhugu hunda irraa kenneefii mucicha guddise.
Mucaan sun erga guddatee booda gara dhala namaatti maxxanuu jalqabe. Adeemsa keessa namoota wajjin walarguufi yaada waljijjiiruu jalqabe. Namootni mucicha waliin walarganis “Atoo ilmoo namaati, maaliif leenca bineensa bosonaa waliin jiraattaa?” jedhanii gaafannaan, mucichi “Reeffa abbaa koofi haadha koo gidduudhaa fuudhatee galee kan naguddise leenca, inni anaaf abbaan koo akka lubbuutti jaaladhuudha. Kanaafuu, anis gara abbaa koottan gala; isinis nagaan naa bulaa jedheenii, gara mana abbaasaatti gale.
Mucichi
guyyaa biraa namoota wajjin yoo walargu “Hanga ammaatti leencicharratti waan
badaa tokkollee argitee hinbeektuu?” jedhanii gaafannaan, “Yeroo na hammatee
rafu bobaan isaa natti xiraa’uu irraa kan hafe waan badaa tokkoyyuu irratti
argee hin beeku” jedheenii; nagaan
bulaa jedheenii gara mana abbaasaatti gale. Leencichis mana jala dhaabbatee waan mucichi namoota sana
waliin dubbachaa ture hunda dhaggeeffachuun mucicha dura fiigee manatti gale.
Erga
mucaan gale booda, “Maal ilma koo eessa turetee dhufte?” jedhee gaafate.
Mucichis “Asumaa utuun sanyii mukaa funaannadhuu natti galgalaa’e,” jedheen.
Leencichi bakka mucaan turee dhufe waan argeefi waan inni namoota waliin
dubbachaa ture hundumaa waan dhagaheef, aaree eeboo fuudhee “hoodhu na
waraani!” jedhee mucaatti kenne. Mucaanis “Reeffa haadha koofi abbaa koo
gidduudhaa fuutee naguddiftee, ammaan na geessee akkamittan si waraana? jedheenii
deebiseef. Leencichi na waraani jedhee waan isa dirqamsiiseef mucichi leencicha
waraanee madeesse.
Leencichi erga waraanamee booda, hanga madaan koo fayyutti, wanta argatte mara natti funaaniitii na fayyisi jedheen. Mucichis tole jedhee, waanuma argate funaanee hanga madaan isaa fayyutti isa gargaare. Leencichi erga madaan isaa fayye booda, kottu yaa ilma koo, ilaa madaan ati eeboodhaan nawaraante ni fayye: jechi ati gaafa sana mana firakee teessee nan jette garuu garaa kootii hinbanne. Ani guddisee si’i hinnyaadhu, atis gara fira kee; anis bobaa xiraa’aa kootii wajjin kara bosona koo jedheenii geggeesse jedhama.
“ Arrabni lafee hinqabu lafee cabsa.” jedhama. Kanaafuu waan dubbannu hunda dura itti yaaduun barbaachisaadha.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011
5 Comments to “Leencaafi dhala namaa”