Dhukkuba Garaachaa

Namoonni tokko tokko “Garaachan qaba” yoo jedhan ni dhaga’ama. Kunis dhukkuba garaachaa ibsuuf haala isaan itti fayyadamaniidha. Garaachi qaama dhala namaati malee dhukkuba miti. Kanaaf “dhukkuba garaachaan qaba” kan jedhuun osoo sirreeffamee bareedaadha.

Dhukkubni garaachaa mallattoo akkamii argisiisa? Akaakuuwwan akkamiis qaba?

Dhukkubbiin garaachaa kan ‘dyspepsia’ jedhamu, walumaagalatti mallattoo akka: Garaa gubuu kan handhuuraa olii, garaan bokokuu (afuufamuu), qilleensa deeffachuu (belching), miirri olguurraa (balaqqamaa) namatti dhaga’amuu, waanti hadhaawaan afaan keessatti namatti dhaga’amu, garaan wacuu (iyyuu), osoo nyaata baay’ee hin nyaatiin garaan guutuufi mallattoowwan biroo hedduu namarratti argisiisa. Mallattoowwan armaan olii irratti dabalataan, mallattoowwan dhukkuba cimaa ta’uu argisiisaniifi yoo ofirratti argine dafnee gara mana yaalaa deemuu qabnu keessaa ammoo: Ulfaatina osoo hinbarbaadiin daran hir’isuu, balaqqama sardaafi dhiiga ofkeessaa qabu, halluun bobbaa gara gurraacha waan gubataa fakkaatutti jijjiiramuu, nyaata liqimsuu dadhabuu, dadhabbii cimaa, afuuraa cituufi dhukkubbii lapheeti.

Dhukkuba qunca’uu garaachaa (Peptic ulcer diseasae)

Mallattoolee armaan olii kana gara namoota harka 25tu qaba. Kana jechuun namoota afur keessaa tokko qaba jechuudha. Haa ta’u malee hedduunsaa dhukkuba osoo hintaane akkasumaan kan itti dhaga’amu yoo ta’u, kanneen muraasni immoo mana yaalaayuu deemanii yoo qorataman dhukkuboota gara garaatu irratti argama. Dhukkuboota mallattoo kana nutti fidan keessaas: Kulkuluu garaachaa (gastritis), qunca’uu garaachaa (peptic ulcer disease), cirracha hadhooftuu (gall stone), gogiinsa garaa (constipation), gara qoonqootti ol deebi’uu qabiyyee garaachaa (Gastro-esophageal reflux disease)fi dhukkuboonni biroo kanneen muraasa. Kaanneen keessaa armaan gaditti qunca’uu garaachaa (peptic ulcer disease) kan ilaallu yoo ta’u, kanneen biroo ammoo yeroo biraa itti deebina.

Dhukkubni garaachaa kan namoonni yeroo baay’ee ittiin miidhaman kan “peptic ulcer disease” ykn “qunca’uu garaachaa” jedhamu kun qunca’uu garaachaa (stomach)fi mar’umaan isa gara garaachaatti olaanuu (duodenum) irraa kan dhufu yoo ta’u, kunis walmadaaluu dadhabuu asiidii garaachi keenya omishuufi wantoota uumamaan hubaatii asiidiin kun garaacha keenya irraan gahu ittisan gidduutti uumamuun kan dhufuudha.

Hawaasa keessatti dhukkubni kun harka 1 (1%) ga’a jedhama. Haata’u malee kun kan mana yaalaa deemee galmaa’e dhukkubasaa baree wal’aansa argate qofa. Meeqatu qarshii ittiin yaalamu dhabee, kan mana yaalaa geessu dhabee mana keessatti dhukkubasataa? dhibbantaan 1 (1%) kan jedhu kun biyyoota guddatan keessatti malee biyya keenya keessatti, sababoota wantoonni dhukkuba garaachaa namatti fidan kun baay’ataniif lakkoofsa sana caalaa harka baay’ee olka’aadhaan hawaasa akka hubuu malu tilmaamuun ulfaataa miti.

Dhukkuba kana maaltu nutti fidaa?

1. Baakteeriyaa H. Paylori. Baakteeriyaan kun garaacha keenyaf mar’umaan keenya olaanu miidhuudhaan kan dhukkuba kanaaf nu saaxilu yoo tahu, biyya keenya keessatti namootni harka 80 baakteeriyaa kanaan qabamoodha. Haa ta’u malee namoonni baakteriyaa kanaan qabaman hundi dhukkuba kana hinqaban. Baakteriyaa kana qoricha mana yaalaa deemnee fudhachuudhaan dhabamsiisuu (eradicate) gochuun ni danda’ama.

2. Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman ‘NSAID’ jedhaman. Isaan kunniin kanneen akka ‘aspirin, indomethacin, ibuprofen’, fi kkf. Qorichootni kunniin yoo waa tokko nu dhukkubu dhukkubbii sana balleessuuf yeroo hedduu ajaja ogeessa fayyaarraa ala kan ofii keenyaa fudhannu waan ta’aniif miidhaasaanii ogeessa fayyaa gaafachaafi akeekkataa fayyadamuu qabna. Keessuumaa namootni duraan dhukkuba garaachaa xiqqaa tahe qaban gara sadarkaa cimaatti waan dabarsuuf bakkasaanii ogeessa fayyaa mariisisuun qorichoota biroo fudhachuutu filatama.

3. Tamboo xuuxuu. Dhukkubni garaachaa akka dafee sadarkaa badaa irra ga’uufi yaaluuf ulfaataa sadarkaa ta’u rra akka ga’u taasisa.

4. Alkoolii dhuguu. Alkoolii keessumattuu kan qabiyyeen alkoolii isaa olka’aa ta’e dhuguun yokaan ammo kan qabiyyeen alkoolii isaa gadi aanaa tahe baay’isanii dhuguun dhukkuba garaachaa yeroo gabaabaa (acute gastritis) kan namatti fidu yoo ta’u yeroo tokko tokko haga garaacha keenya dhiigsuutti deemuu dandad’a.

5. Rakkoo haawasummaa. Rakkoon hawaasummaa ka’umsaafi itti babal’achuu rakkoo garaachaatiif sababa akka tahan kitaabonni hedduun ni heeru. Rakkoolee hawaasaa kana keessaa muraasni: maatii waliin waldhabuu, hojii garmalee bay’achuu, hojii dhabuu, galii baay’ee gad aanaa argachuu, mana midhaafi kkfdha.

Akkamiin of gargaaruu dandeenyaa?

1. Waantoota armaan olitti dhukkuba kana fidu jedhaman irraa of qusachuu (alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja malee fayyadamuu fi of dhiphisuu).

2. Nyaata dhukkuba kana nutti cimsanirraa fagaachuu. Nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaannaan nutti cimsu beeknee nyaata sanarra fagaachuu qabna. Walumaagalatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna baay’isanii dhuguu, nyaatotaafi dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaanitti hadhaa’an (fakkeenyaaf: farsoo naqamee ture) namatti kaachisu.

3. Nyaata dhukkuba kana irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu, isaan keessa dammi isa hangafaafi fayyuu garaacha madaa’eef gargaaruudha. Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa H. pylori jedhamu sanaaf akka haalli hinmijanne taasisa (ofii isaatiin garuu garaacha gubuu mala), kuduraafi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.

Haalota armaan olii kanaan ofgargaaruun akkuma jirutti ta’ee, mana yaalaa deemuun sadarkaa dhukkubni kun irra jiruufi yoo baakteriyaan H. pylori jiraate qorichasaa fudhachuu, akkasumas dhukkubni biraa yoo jiraates yaalamuun dirqama.

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Kiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

9 Comments to “Dhukkuba Garaachaa”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *