Xiyyeeffannaan dhaabiinsaaf kenname kunuunsaafis

Biyyiifi ummanni Itoophiyaa iftaan cidha guddaa tokko qabu; cidha nyaatanii dhugan otoo hintaane cidha lafa biqiltuun irraa ciramee golgolaa’e deebisanii magariisa gochuuf biqiltuu dhaabuudha.

Biqiltuun dhala namaatiif waa hunda; eddii guddatee yeroo aduu  gaaddisa, roobaaf dibaabeedha, hafuura, bishaani, soorata, mana, qoraani, barcumaafi kkf jennee waa’ee biqiltuu baay’inaan tarreessuu dandeenya. Kanarratti namoonni falaasamaa addaddaas waan jedhan qabu.

Wiliyaam sheekispiir, “Namni tokko oggaa uumamatti siquu eegalu hawaasa addunyaa guutuu maatii godhachuu eegala” jedha. Dubbii nama kanaa keessaa kan hubannu namni hanguma uumamatti siqaa dhufu dhimma ofii keessaa bahee waan yaaduuf lubbuqabeeyyii hunda maatii gochuu akka danda’uudha. Maartiin Luutar Kiingis gamasaatiin “Addunyaan boru gara biyyoota xixiqqootti akka deemtu yoon hubadhellee biqiltuu dhaabuu hindhiisu” jedhee dubbachuusaatu himama.

Namni Kaliin Jibraal jedhamus waa’ee biqiltuuleerratti “Mukeen walaloowwan lafti samiirratti barreessituudha” jechuun dubbatee ture. Viiktoor Huugoon ammoo, “Jaalalli akka mukaati, jaalalaafi tokkummaasaatiin guddata. Hiddasaa lafa keessa fageessuun fakkii guddaa nuu kenna” jedha.

Biyya keenya waggoota muraasa dura biyya falaasamni kun itti dhugoome turtus gama mootummaatiinis ta’e ummataatiin xiyyeeffannaa gahaa dhabuun bosonni biyyattiin ittiin beekamtu garmalee cirameera. Kanaafis kan kaleessaarraa barannee qalbii jijjiirrachuun dirqama.

Bu’uuruma kanaan Ministirri Muummee mootummaa RFDI Abiyyi Ahmad(‘PhD’) ganna baranaatti biqiltuuleen biliyoona afur akka dhaabamuufi ashaaraan magariisummaa dhaloota kanaan akka kaa’amu kallattiifi qajeelfama kennaniin hojjetamaa kan jiruudha.

Cidhi biqiltuu dhaabuu iftaan bifa duulaatiin guutummaa biyyattiitti geggeeffamu kun fuula keenya gara uumamaatti deebisuu qofaan kan ibsamu otoo hintaane abdiin, jaalalli, waldhageettiin, fageessanii yaaduun, ciminniifi kkf kan keessaa mul’atu ta’uu qaba.

Kanaaf ammoo achi keessatti egeree biyyaafi ofis alaalatti ilaalaa xiyyeeffannaa dhaabbiif kennine kunuunsa biqiltuufis ta’e walii keenyaaf haa kenninu.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

4 Comments to “Xiyyeeffannaan dhaabiinsaaf kenname kunuunsaafis”

  1. Pingback: ปลูกผม
  2. Pingback: Uni
  3. Pingback: ปลูกผม

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *