Dhuma jaarraa 19fa qabeenyi bosona Itoophiyaa %30 ture. Qabeenyi bosonaa kun lafa qonnaa babal’ifachuuf, cilee gubuufi qoraaniif jecha seeraan ala cirameefi gubamee dhumee %3 irra gahee ture.
Qabeenya bosonaa kana seeraan ala ykn eegumsaafi kunuunsa tokko malee itti fayyyadamuun ammoo ho’inni dabalee bokkaan akka hir’atu gammoojjummaafi naannawawwan ongeef saaxilaman akka babal’atan, biyyeen dhiqamee omishni qonna akka xiqqaatu taasiseera. Qabeenyi bishaan lafa irraafi lafa keessaa hir’achaa dhufeera. Bineensotni bosonaas dahoo dhabanii akka bakka biraatti godaanan taasiseera.
Rakkoolee mancaatii bosonaa hordofanii qaqqabaa jiran hir’isuuf waggoota muraasaa as waggaa waggaan duulli biqiltuu dhaabuu sadarkaa biyyaattis ta’es ta’e naannootti geggeeffamaa jira.
Ganna baranaa akka biyyaatti biqiltuuwwan biiliyoona afur dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Duulli biqiltuu dhaabuu kun barana xiyyeeffannoo addaatiin adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, iftaan guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 200 dhaabuuf karoorfamee qophiin barbaachisu xumurameera. Duulli biqiltuu dhaabuu kun rikardii addunyaa Hindiin guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 60 dhaabuun qabatte kan fooyyessu ta’a.
Tattaaffii waggoota muraasaa as lafa bosonni irraa bade deebisanii misoomsuuf taasifamaa jiruun jijjiiramni gaariin mul’achaa jira. Qabeenyi bosona biyyattii %4 ga’ee tures gara %15 oltti guddateera. Qabeenya bosonaa biyyattiin qabdu kana keessaa %70 Oromiyaa keessatti argama. Hojiin qabeenya bosonaa eeguufi kunuunsuu kun ammayyuu xiyyeeffannaa olaanaa barbaada. Biqiltuuwwan dhaabamnis ta’e qabeenya bosonaa jiru eeguufi kunuunsuun dirqama hunda keenyaa ta’uu qaba.
Kunuunsaafi eegumsa waggoota muraasaa as qabeenya bosonaatiif taasifamaa jiruun lafti bosonni irraa bade deebi’ee misoomaa jira. Dhiqamni biyyee hir’achaafi gabbinni biyyee, omishni qonnaa, hangi bishaan lafa irraafi jalaa dabalaa jira. Bineensonni dahoo dhabanii bakka biraatti godaananii turanis deebi’aa jiru. Jijjiiramni kun dinagdee biyyattii utubuu keessattillee gahee olaanaa qaba.
Biqiltuu dhaabuun kunuunsuufi seeraan itti fayyadamuun aadaa, duudhaafi safuu ummanni Oromoo hanga har’aatti ittiin beekamuufi bu’aa olaanaa irraa argachaa turedha. Duudhaan kun keessattuu biqiltuu dhaabuu qofa osoo hintaane kabajni biqiltuuf qabu olaanaadha. Safuu ummanni Oromoo qabeenya uumamaaf qabu ummaticha abbaa qabeenya uumamaafi abbaa dachee magariisaa taasiseera jedha ibsi ejjennoo mootummaan naannnoo Oromiyaa dheengadda baase.
Dacheen Oromoo magariisa ta’uun immoo ummanni Oromoo akka qabeenya horiitiifi uumamaatiin badhaadhaa taa’u taasise, bineensota bosonaa sadarkaa addunyaatti hinargamne akka jiraataniifi mandhee bineensota bosonaa bebbeekamoo akka ta’an, akkasumas dhala namaatiif qilleensi mijaawaan akka uumamu, midhaan dachee Oromiyaarraa akka biqilu taasisuun hawattummaa naannoofi ummata naannoo Oromiyaaf uumeera jedha ibsichi.
Oromiyaan dachee magariituufi madda qabeenya uumamaati wayita jedhamu akka feeteedhaan kan argame osoo hintaane, dhaloonni darbe biqiltuu dhaabee, kunuunsee, eegee yoo mure bakka buusee, waan seeraan itti fayyadamaa tureefi. Haata’u malee waggota muraasaa as qabeenyi uumamaa mimmiidhagoon, hawattummaansaanii sadarkaa addunyaatti beekamaniifi wabii jiruufi jireenya dhala namaa jedhamanii abdatamaa turan balaawwan adda addaatiif saaxilamaa dhufaniiru.
Balaan qabeenya uumamaarra gahaa ture irra caalaansaanii namaan kan uumamaa turan yommuu ta’an, keessattuu immoo biqiltuuwwan abbootii keenyaan dhaabamanii kunuunfamaa turan sababa garagaraatiin manca’anii iddoowwan bosona turan golgolaa’anii qilleensa gogaafi namas ta’ee lubbu qabeeyyiin irra jiraachuu hin dandeenyetti jijjiiramaa jiru.
Duudhaan Oromummaa ganamaa sirna Gadaatiin dhaalle garuu muka muruun dura kamtu, yoom muramaan sirna qaba; bakka buusuuniis akkasuma. Kanaafuu seenaa kanatti deebi’uun Oromummaa calaqqisiisuudha, dhaloota egaree ijaaruudha, Kana irraa ka’uudhaan qabeenya uumamaa keenya iddoo ganamaatti deebisuuf sochii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad sadarkaa biyyaatti duula biqiltuu dhaabuun “Ashaaraa magariisaa haa keenyu” jedhuun iftaan duulli biqiltuu dhaabuu akka naannoofi biyyaa ni gaggeeffama.
Biqiltuu dhaabuun dachee magariisaa gochuudhaan qilleensa mijataan jiruufi jireenya dhala namaatiif tolu akka uumamu taasisa. Laggeeniifi haroowwan sababa gogiinsaatiin burqaan isaanii goge deebi’ee dandamatee faayidaa dhala namaatiif akka oolu taasisa. Bokkaa gahaan akka jiraatu taasisa. Dhalli namaas ta’e bineensonni dawoo argachuurra darbanii rakkoo tokko malee waan ittiin jiraataniifi keessa jiraatan akka argatan taasisa. Godaansa lubbu qabeeyyiifi dhala namaa akka dhaabbatuufi hawwatummaan turiizimii akka dabalu taasisa.
Biqiltuu dhaabamanis ta’e bosona kunuunsuun faalama qilleensaa hir’isuu, burqaan iddoo duudhaa ganamaatti akka deebi’u taasisa. Dhiqama biyyee ittisuudhaan burqaawwan gogan deebi’anii akka mirgiosaniifi bineensonni bosonaa bakka biraatti godaananii turan akka deebi’an taasisa.
Bosona eeguufi kunuunsuun dhaloota boruuf seenaa kaa’a. Dhaloonni kun qabeenya uumamaa jiru ofumaa fayyadamee kan darbu otoo hin taane waa’ee jireenya dhaloota boriif yaaduufi eenyummaa isaa kaleessaatti deebi’ee biqiltuu dhaabee kunuunsee boru lammiif galaa kaa’uu Sirna Gadaatu isa barsiise.
Ummanni Oromoo biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu keessatti muuxannoo guddaa qaba. Ummatni Oromoo yeroo ammaa bakkeewwan bosonni irraa manca’ee bade yeroo gabaabaa keessatti biqiltuun uwwisee magariisaa taasisuuf xiiqiidhaan hojjetaa jira. Hojiin biqiltuu dhaabuu, bosona eeguufi kunuunsuu kun guutummaa biyyaatti bifa walfakkaatuun adeemsifamuu qaba. Bu’aan bosona irraa argamus ta’e miidhaan manca’uu bosonaatiin dhufus kan waliiniiti waan ta’eef.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011
3 Comments to “Qabeenya bosonaa: Wabii jireenya dhala namaafi bineensotaa”