“Muka seera Gadaa cabsinee lafarraa fixine, seeruma Gadaatiin bakkatti deebisna” -Hayyuu Yuuba Dachaasaa Jiruu

Oromoon biqiltuuf bakka guddaa qaba. Akka dhalasaatti waan ilaaluuf kunuunsa addaatiin guddisa malee hinmiidhu. Sirna Gadaa keessattillee biqiltuu muruufi biqqisuun aadmale. Sababnisaa maddii jiidhinaafi badhaadhina Oromiyaa biqiltuu waliin kan walqabatu waan ta’eefi.

Akka Sirna Gadaatti, Oromoon lafa qotee biqiltuu hindhaabu, lafa qotuun aadmale. Biqiloonni uumamaan baay’atu. Simbiroota, beeladootaafi bineensootatu yommuu nyaatan waan tuttuqaniif iji mukkeenii faca’ee biqila. Yookiin namumatu cabsee dhaaba. Dhalli namaa garuu seera Gadaa kana cabsuun mukeen ciree balleesse. Ammammoo kana bakkatti deebisuuf ifaajjii olaanaan taasifamaa jira. Duudhaasaa ganamaa deebisuufis tokkummaan ka’ee jira.

Hayyuun Yuubaa Dachaasaa Jiruu Oromoon biqiltuu akkamiin ilaala, akkamiin balleesse, akkamiin sirreessa isa jedhurratti gaazexaa Bariisaa waliin gaafdeebii taasisaniiru. Akkasaan jedhanitti, Oromoof lakkoofsi shaniifi saddeet lakkoofsa bu’uuraati. Kanarraa ka’uun yommuu wantoota qooduufi ilaalu shaniin yookiin saddeetiin qoode kan ilaaluuf. Biqiltuufi daraaraas gadifageenyaan ilaaluun qoodeera. Biqiltuun waan shan of keessaa qaba. Hundee, hidda, jirma, dameefi baala. Mukti immoo waa shan qaba; gona (bocee), qola mukaa, muka, uka, ija. Qolli mukaa yookiin qunceenis alaa gara keessaatti waan shan qabata. solloqqee, foloda, quncee, qacceefi ancaqqeedha.

Dagaagaa mukaa gaafa qoodummoo akka Tuulamaatti, damee, dachee, daree, darabee, laccee akka Baareentuutti Damee, Makkallaa, laaxaa, haafa, luxaa akka jedhamu kaasanii, daraaraanis, qunxaa, abaaboo, daraaraa, meexxiifi oboraa jedhee akka qoodu himu. Haala kanaan dandeettii saba sanaarratti hundaa’uun shaniin yookiin saddeetiin moggaasni kennama jedhu.

Akka ibsa hayyuu kanaatti, Oromoon wantoota kanneen gadii fageenyaan ilaalee kan itti moggaasu jireenyasaa waliin hidhata waan qabuufi. Akkuma moggaasa itti kennummoo ni kunuunsas. Fakkenyaaf daraaraarratti billaachatu qubata; kanniisatu xuuxee damma hojjeta. Dammimmoo qoricha ta’a. Kanaafi, Oromiyaan biyya dammaati, badhaatuudha kan jedhamtuuf. Kana malees marga horiitu nyaata, horiin immoo aannan kenniti. Baalas akkasuma beeladoonni ni nyaatu qorichummaafis ni fayyada. Biyya aannanii kan jedhamuufis kana ta’uuf nuu mirkaneessa. Kanarraa ka’uun Oromoon biqiltuu kamiifuu kabaja qaba. Kichuutti hinmuru. Akkuma daa’imasaatti ilaalee kunuunsa.

“Oromoon muka waliin hariiroo qabaachuusaa kan mul’isu biraan ammoo kan araara adeemsisu, nageenya labsuu, amantiisaa kan adeemsifatu muka guddaa Odaa jalatti. Odaan qulqulluudha, qamaleenis bineensonni kaan hinkoran. Wanti Odaa jala taa’amee mari’atameefi labsame bira hindarabamu akkasumaanis hindhiifamu” jedhu.

Akka Hayyuu Dachaasaan jedhanitti, akka aadaa Oromootti lafti ulfaa waan ta’eef Oromoon lafa hinqotu. Lafti biyya; biyyimmoo biyyeedha. Biyyee kana gadi garagalchuun waa itti hindhaabu. Oromoon lafa kan qotu tokko nama awwaaluuf tokkommoo dallaa yookiin mana ijaaruufi. Mukas akka malee hinmuru. Kan jalaa umurii dheeraa lakkoofsisee, goge akkasumas, yoo murame dafee bakka bu’uu danda’uufi kan garmalee walitti yabbatee bineensonniifi beeladoonni baala nyaatan akka garaasaanii keessa deemuu rakkatan filachuun muree ittiin dallaa yookiin mana ijaara.  Akki itti muranis seera qaba. Daa’imni ol adeemu hinmuru. Sababni isaas muka tokko muruun nama tokko ajjeesuudha jedhamee waan amanamuuf cubbuun anarratti haa dabdu jedhanii maanguddoonni muru.

“Biqiltuuwwan uumamaan dhaabbatu. Fakkeenyaaf re’ee, sattawwaafi kkfn gaafa baala nyaachuuf muka koran ija mukaa irraa harcaasu. Simbirris akkasuma ija bunaafi kanneen biroo nyaattee baalleesheetiin fuutee harcaafti; isumatu biqila. Gaalli fuulduraan baala nyaachaa, bobbaasaatiin ija mukaa dhaabaa deema. Oromoon muka kan dhaabu kanneen muramanii dhaabaman akka adaamiifi waleensuufaati” jechuun ibsu.

Mukkeen akkasiis kan dhaabaman lafa irraan gadeerra yoo ta’u, hiddiisaanii biyyee ofitti qabuun gadi akka hindhiqamne gargaaruurra darbee, xaa’oon naannawa sanaas eegamee turuun namaafi lubbuu qabeeyyii achi jiraatanif akka gargaaruuf jedhee akka dhaabu himu.  Bishaan achirraa lola’us bishaan badii ta’uun galaanatti makamee nama akka hinfudhanne eeguuf kan dhaabu yoo ta’u, Oromoon kana aadaadhumasaatiin kan beeku ta’uu kaasu.

“Seerri kun yeroofi bakka sanatti seera sirriidha. Haala amma jiruun biqiltuu dhaabuun sirrii miti jechuun hindanda’amu. Seeroota abbootiin gadaa waan bade ilaalanii sirreessuuf fooyyeesanitu jira. Seera cabee bade seeraan deebisuun rakkisaadha. Seera gadaa cabsinee muka murree lafarraa fixine, seeruma gadaa cabsinee uumaa bakkatti deebisna. Nama du’uuf ka’e qaltee dhibeesaa keessaa baastee fayyisata malee cubbuudha jettee hindhiistu waan ta’eef” jedhu.

Akka ibsa hayyuu kanaatti, Oromoo qofa miti isa addunyaan seera uumaa cabsee muka lafarraa fixee warshaa babal’isuun qilleensa qulqulluu faale sana deebisuun dirqama keenya. “ilmi kan abbaa fakkaate moo kan bara fakkaate jennaan “kan bara fakkaate” jechuunis kanuma ta’uu addeessu.

Kanaaf amma ta’uu kan qabu sanyiin filatamee kamtu eessatti, maaliif dhaabata isa jedhu adda baasuun dhaabuu ta’uu eeranii, bakkee gaaddisni barbaachisu muka dameensaa bal’inaan dagaaguu, kan akka hambaabeessaa, laaftoo, xaddachaa (dhaddacha)faatu dhaabamuu qaba jedhu.

“Xaddachii akka Boorantichaatti hangafa. Ofiirraa qoree qaba, faayidaan isaa olaanaadha, yoo abiddii ka’ellee hingubatu, baallisaa yoo harca’ellee gaaddisa qaba. Mukni baala dhabee gaaddisa hindhabne xaddacha qofa. Jalasaatti marga araaraatu biqila, hurbuu (ija) isaa looniifi re’eetu nyaata. Bona waan harca’uuf lubbuu baraara. Akka seera gadaatti jalatti seerri murama. Moggaasni abbaa xaddachaa jedhus kanumarraa dhufe. Bakka kamittuu biqiluus ni dhanda’a. Mukni kun sanyiisaatu faca’aa waan ta’eef isaan akkasii bal’inaan dhaabuun gaarii ta’a. Kana malees gaaddisa Oromoo kan ta’e Odaa bal’inaan dhaabuun Gadaafis biyyaafis barbaachisaadha” jechuun ibsu.

Utuu lafti gabbinaafi yabbina qabaattee qonnee dhaabuunuu nun barbaachisu ture kan kaasan Hayyuu Dachaasaan, biqiltuu irraa fixnee waan biyyoon irraa dhiqamee haphateef qonnee dhaabuun keenya dirqama. Wal’aaluma keenyatu kana nutti fide waan ta’eef uumaa bakkatti deebisuun nurra jira. Kun suutuma suutaan bakkatti deebi’a. Ammaaf isa faalla’e haaluma faalla’een deemnee biqiltuu dhaabnee kunuunsuu qabna jedhu.

Kunuunsuuf ammoo keessumaa bakka miilli namaafi horiin heddummatuutti biqiltuu yoo nyaatanis irra ejjatanis dandamattee biqiltu, ishee qoree qabdu dhaabuu akka barbaachisu gorsu.

Walumaagalatti, biqiltuun yoo hinjiraanne jireenyi, aadaan, eenyummaan hinjiru waan ta’eef hidhata biqiltuun dhala namaa wajjin qabu hubachuun hunduu dhaabuun naannawa balleesse sirreessuun dhalootaaf haa dabarsu jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Muka seera Gadaa cabsinee lafarraa fixine, seeruma Gadaatiin bakkatti deebisna” -Hayyuu Yuuba Dachaasaa Jiruu”

  1. Pingback: 68kub

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *