Imala guyyoota 100 Qeerroo Shimallis

Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii  Ittaanaa Oromiyaa ta’anii erga muudamanii  har’a guyyaa 100 guutan.  Guyyoota kannneen keessatti gama rakkoo nageenyaa furuutiin, lammiilee buqqa’an deebisuutiin, hariiroo obbolummaa naannolee waliin cimsuutiin, rakkoo dinagdee Oromiyaa furuutiin hojiilee jajjabeessoo heddu hojjetaniiru.

Ebla 10 bara 2011 gaafa muudaman Oromiyaa rakkoo keessaa baasuuf keessumaa mul’ata pirezdaantiin duraanii Obbo Lammaa Magarsaa eegalan itti fufsiisuuf gara kuteenyummaan akka hojjetaniifi aarsaa barbaachisu hunda kanfaluuf waadaa seenuun hojii eegalan.

Borumtaa muudamasaaniittis bakka komiin hawaasaa bal’inaan tureefi rakkoon nageenyaa hammaataa ture, Godina Qeellam Wallaggaa  deeman. Ummata godinichaas mariisisuun nageenya naannawichaa bakkatti deebisuuf waan hojjetamuu qaburratti yaada fudhatanii kallattiis kennanii gara godina rakkoon nageenyaa keessatti hammatee ture biroo, Wallagga Lixaatti darban. Haala kanaan godinaalee rakkoon itti hammaataa ta’e dursuun hunda bira deemuun mariisisan.

Mariisisuurra darbee pirojektonni harkifatan dafanii akka xumuramaniif kallattii kennuun hatattamaan hojiitti seensisaniiru. Lammiilee Oromoo Geedi’oorraa buqqa’aan miliyoona tokko caalan qe’eesaaniitti deebisiisaniiru. Kanneen Somaaleerraa buqqa’anis harka caalu deebisuun warreen hafanis akka deebi’aniif mootummaa naannichaa waliin haalduree jiru xumuraniiru.

Qaamolee hawaasaa, qarreefi qeerroo, hayyoota, daldaltoota, abbootii qabeenyaa, artiistootaafi kanneen biroo qofa qofaatti mariisisuun haala Oromummaadhaaf tokkummaan hojjechuun danda’amurratti  yaada waljijjiiraniiru. Hojii isaan guyyoota 100 kanneen keessatti hojjetanis abdachiisaa ta’uufi fuulduratti carraa hojii babal’isuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qabaniidha namoonni dhimma kanarratti Gaazexaa Bariisaatiif yaada kennan kan dubbatan.

Obbo Eliyaas Ummataa Bulchaa Ittaanaa Godina Wallagga Lixaa yoo ta’an,  Obbo Shimallis Caffeedhaan muudamanii guyyaa lama utuu hinbuliin bakka rakkoon hammaataa ture, gara lixaa dhufuun Dambidoolloorraa eegalanii  ummata mariisisaniisaaniifi naannoo ollaa waliin walqabatees buqqaatii jiru iddootti deebisuuf gara Asoosaa erga deemanii booda gara godinasaanii dhufuu dubbatu.

Yeroo isaan ummata Oromiyaa Lixaa mariisisan nageenyi guutuutti dhabamee caasaan mootummaallee diigamee turuu yaadatanii, marii ummata waliin taasisaniiniifi hojii itti fufiinsa qabu jaalleewwansaanii waliin hojjetaniin yeroo ammaa caasaan guutummaatti iddootti deebi’uusaafi ummanni nageenyisaa deebi’eefi hojii guyyuusaa raawwachaa jiraachuu ibsu.

Fuulduratti wanti akka Oromiyaatti keessumaa akka lixaatti investimantonni gurguddoon waan hinjirreef irratti hojjetamuu akka qabu kaasanii, naannawicha barataan yunvarsiitiidhaa eebbifame ba’ee hedduun hojiitti bobbo’aa waan hinjirreef xiyyeeffannaan kennamuu qaba jedhu.

Akka fakkeenyaatti Godina Wallaga Lixaa qofatti barattoonni digrii jalqabaa qaban kuma ja’aa ol jiraachuu kaasanii, kanneen hunda mana mootummaatti mindeessuu ykn IMXdhaan gurmeessuun hojiitti bobbaasuun rakkisaa waan ta’eef investimantii babal’isuun furmaata guddaadha, qeerroonis baattuu ilaalcha diinaa ta’es ijasaa gara hojiitti deebisuuf fayyada jedhu.

Aadde Abarraash Gabrasillaasee ammoo Godina Arsii Lixaatti jiraattuu Magaalaa Shaashamanneeti. Isaanis, akka naannawaasaaniitti dhufaatii Obbo Lammaarraa kaasee haalli gaarii jiraachuu kaasanii, erga Obbo Shimallis dhufaniis jijjiiramni eegale ittifufaa jiraachuu eeru.

“Shimallis inniyyuu qeerroodha; humna ho’aas qaba. Waan hojjetu hunda waajjira taa’ee osoo hintaane deemee qaamaan argameeti. Silaa namni aangoo of tuula, namallee nagaa hingaafatu. Inni garuu hunda ofitti qabee hammatee, ofitti qabee dubbisa. Maaltu hojjetamuu qaba jedhee yaada qeerroofi qarree, haadholii, jaarsolii gaafachuun dhaggeeffata.

Isa kaleessa jiru caalaatti hojjechuuf kaayyoofi karoora baafatee, humnaafi amantii guutuun socho’aa jira. Hojjetees hojjechiisaa jira. Fakkeenyaaf yommuu biqiltuu dhaabullee gadi jedhee harkasaatiin biyyoo haadhee dhaaba. Kun waan daran nama gammachiisuufi abdii namatti hiruudha” jedhu.

Bakkee  rakkoon  nageenyaa  jiruttis  lubbuu ofii aarsaa godhanii socho’aa jiraachuu kaasanii, hojii isaan tokkummaa ummattootaa cimsuuf hojjetaniis kan jajamu ta’u eeru. Fuuldurattis keessumaa biyyattii keessaa indastiriiwwan guguddaa babal’achuu dhabuunsaanii hojidhabdummaan akka hammatuufi biyyattiinis sharafa alaa baay’inaan akka hinarganne taasisaa waan jiruuf irratti xiyyeeffatee gaarii ta’uu ibsu. Namni yoo hojii  hinqabne abdii kutatee waa balleessuutti waan deemuuf yeroon itti kennamuu hinqabu jedhu.

Jiraataa Magaalaa Finfinnee kan ta’an Obbo Kaasaahuun Inkoosaa gamasaaniin, akka waliigalaatti biyyattiin waggoota lamaan darban kanatti guddina siyaas-dinagdee taasisaa jiraachuu kaasanii, hojiilee gama kanaan hojjetamaniif beekamtii kan fudhatan immoo qeerroowwan  Oromoo  ta’u ibsu.  Obbo Shimallisis qeerroowwan Oromoo keessaa tokko ta’uu eeranii, isaaniifi garee jijjiiramaa Lammaa (Team Lamma) tiin hojiiwwan jajjabeessoo hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

“Obbo Shimallis akka qeerroo tokkotti gama barumsaanis ta’e hoggansaatiin bilchaataadha. Hojii inni gama dinagdee Oromiyaa si’eessuuf hojjetaa jirus jajjabeessaadha. Kaayyoon isaas Oromiyaa bilisoomte uumuu, dargaggoota hojiqabeeyyii baay’inaan horachuudha. Gama nageenyaatiinis biyyattiin hundee  qabattee  waan  hindhaabanneef waan gaarii hojjetaa jira” jedhu.

Fuuldurattis ilaalcha duriifi boodatti hafaa hambisuuf sammuu namaarratti hojjechuu akka barbaachisu, namni ajaja tokko malee  ofumasaatiin  ka’ee biyya kanaaf maalin gumaacha jedhee  kaka’umsa  akka  horatuuf sammuurratti hojjetamuu akka qabu dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

9 Comments to “Imala guyyoota 100 Qeerroo Shimallis”

  1. Pingback: กงล้อ888
  2. Pingback: porn sex
  3. Pingback: foger vapes
  4. Pingback: fn exploits
  5. Pingback: Jaxx Liberty
  6. Pingback: poker online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *