“Namni uumama gaaffii gaafatuudha. Yeroo dhalannee kaasnee gaaffii gaafachuu jalqabna. Seenaan ilmaan namootaa, gaaffiifi deebii nuti uumneen kan guutameedha jechuun ni danda’ama.”
–Barreessaa walaloo lammii Meeksiikoo, Oktaabiyoo Paaz
NAMNI nyaata qopheessu nyaata haaraa hojjechuuf kan isa kakaasu maaliidha? Qorataan tokko naannoowwan fagoo dhaquudhaan lubbuusaa balaarra akka buusu kan isa godhu maalinni? Mucaa xinnoon gaaffiiwwan hedduu akka gaafatu kan isa kakaasu hoo? Yeroo baay’ee namoonni akkas akka godhan kan kakaasu fedhii waa beekuuf qabaniidha.
Yaada haaraa ykn deebiin gaaffii nama hawwisiisu tokkoo maal akka ta’e beekuuf ni hawwinaa? Fakkeenyaaf, jireenya kan arganne akkamitti? Lafarra kan jiraannu maaliifi? Fedhiin waa beekuuf qabnu, ijoollummaadhaa kaasee baay’een keenya gaaffiiwwan kanneeniifi kkf gaafachuu dandeenya.
Waantonni tokko tokko maaliif akka ta’an beekuu barbaanna. Wanta tokko beekuuf yommuu hawwinu, wanta sana beekuuf waan dandeenye hunda goona. Kanaafuu, waan tokko beekuuf hawwuun faayidaawwan hedduu qabaachuu danda’a. Haata’u malee, hawwiin kun rakkina namatti fiduufi balaarra nama buusuus ni danda’a.
Of eeggachuufi ilaalcha sirrii qabaachuu
Namoonni baay’een mammaaksa, “Indaanqoon haatee haatee haaduu ittiin qalan baafti” jedhu beeku. Eeyyee, namni tokko fedhii waa beekuuf qabutti karaa sirrii hintaaneen yoo fayyadame, balaan isarra ga’uu danda’a. Fakkeenyaaf, daa’imni tokko hawwiisaarraa kan ka’e ibidda tuquufi balaadhaaf of saaxiluu danda’a. Karaa biraatiin garuu gaaffii gaafachuu kan jaallannu ta’uun keenya, beekumsa keenya bal’ifachuufi waan tokko gadi fageenyaan hubachuuf nu gargaara.
Beekumsi miidhaa geessisuufi barbaachisaa hintaane akka jiru beekamaadha. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan, gochawwan hafuurota xuraa’oo, barumsa gantootaa ykn waa’ee dhaadhessitootaa beekuuf hawwuun, balaadhaaf nu saaxiluu danda’a.
Kana malees, miidhaa qabaachuu baatullee, beekumsi gatii hinqabneefi barbaachisaa hintaane jira. Fakkeenyaaf waa’ee jireenya taatota fiilmii ykn namoota beekamoo beekuun faayidaa maalii qaba? Waa’ee gareewwan ispoortiifi taphattootasaanii waan hunda beekuun, waa’ee meeshaawwan elektirooniksii ykn waa’ee konkolaattota moodeela haaraa beekuun faayidaa maalii qaba? Namoonni hedduun karaa kanaan “hayyoota” ta’uunsaanii faayidaa tokkoyyuu isaaniif hinargamsiisne.
Fakkeenya gaarii
Waan tokko beekuuf hawwuun faayidaa qabaachuu akka danda’u beekamaadha. Haala Aleeksaandar Voon Haamboolti jaarraa 19fa Jarmanitti qorataa uumamaa ture ilaaluun gaariidha. Iddoon Haamboolti Karanti jedhamuufi qarqara Ameerikaatti dhihoo jiru, maqaa nama kanaatiin moggaafame.
Yeroo tokko Haamboolti, “Ijoollummaa kootii kaasee, iddoowwan fagoo namoonni Awurooppaa yeroo baay’ee daawatanii hinbeekne dhaquuf hawwii guddaan qaba ture” jechuudhaan dubbateera. Fedhii akkasii kan qabaate, ‘wanti barachuu danda’u hedduun akka jiru waan isatti dhaga’ameefi beekuuf hawwii guddaa waan qabuuf’ akka ta’e ibseera. Yeroo umriinsaa waggaa 29 ta’u gara Giddu Galeessaafi Kibba Ameerikaa kan deeme yommuu ta’u, waggoota shaniif achi tureera. Booddees, odeeffannoowwan walitti qabuudhaan, kitaaba waa’ee adeemsasaa dubbatuufi jildii 30 qabu qopheesseera.
Wantonni xiyyeeffannaa Haamboolti harkisan ho’a galaanichaa, qurxummiiwwan achi keessa jiraniifi biqiltuuwwan deemsasaarratti argeedha. Namni kun gaarota ba’eera, lageen ilaaleera, akkasumas dooniidhaan galaanarra deemeera. Qorannaan inni taasise guddina saayinsii ammayyaatiif bu’uura ta’eera.
Kana hundumaa gochuuf kan isa kakaase, fedhii guddaa waa beekuuf qabuufi hawwii umriisaa guutuu beekumsa argachuuf qabuudha. Abbaan barruu Ameerikaa keessa jiraatuufi Raalfi Waakdoo Eemarsan jedhamu, “Haamboolti, namoota dinqisiisoo … dandeettii sammuu namaa nu hubachiisaniifi darbee darbee argaman keessaa tokkoodha” jedheera.
Wanta qoratamuu qabu
Baay’een keenya, qorattoota ta’uufis ta’e guddina saayinsiitiif gumaacha gochuuf carraa baay’ee akka hinqabne beekamaadha. Haata’u malee, beekumsi sammuu keenyatti fayyadamnee argachuu dandeenyu jira.
Waa beekuuf fedhii qabaachuu
Baay’een keenya, qorattoota ykn namoota waa uumuudhaan beekamnu ta’uu akka hindandeenye beekamaadha. Kana malees, umriin keenya gabaabaa waan ta’eef, wanta beekuu barbaannu hunda beekuu hindandeenyu. Kana jechuun garuu, waan tokko beekuuf fedhii qabaachuu hinqabdu jechuu miti.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011
4 Comments to “Fedhii waa beekuuf qabnutti sirnaan fayyadamuu”