Dhaabiinsa biqiltuu bunaa mil. 298 Wallagaa Bahaafi Lixaatti

Ammaan tana biyya keenyatti hojiin dhaabiinsa biqiltuu bal’inaan geggeeffamaa jira. Hojii kana keessatti biqiltuuleen faayidaalee adda addaatiif oolanis xiyyeeffannaa argataniiru. Biqiltuun dhaabamaa jiru keessumaa bunaaf faayidaa guddaa qaba.

Ganna kana godinaalee Qeellam Wallaggaafi Wallagga Bahaatti biqiltuun bunaa miiliyoona 298 ol dhaabamuusaa waajjirri qonnaafi qabeenya uumamaa godinichaa ibseera.

Ittigaafatamaa ittaanaan waajjira qonnaafi qabeenya uumamaa Godina Qeellam Wallaggaa Obbo Olbiraayit Hundeessaa akka ibsanitti Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, omishtummaa bunaa qonnaan bulaa guddisuuf biqiltuuwwan bunaa jiddugaleessota qorannoo qonnaarraa ba’aniifi dhukkuba dandamachuu danda’an miiliyoona 200 dhaabbiif qophaa’anii ture.

Amma ammaatti biqiltuuwwan bunaa miiliyoona 199 fi kuma 597 fi 478 lafa heektaara kuma 31 fi 141 irra dhaabamaniiru.

Qonnaan bultoonni godinichaa kuma 97fi 994 hojii misooma bunaa kanarratti kan hirmaatan yoo ta’u, sanyiiwwan bunaa haaraan kunneen godinichatti jiddugaleessaan omisha bunaa lafa heektaara tokkorraa argamu kuntaala 6.6 irraa gara kuntaala torbaatti guddisuu kan dandeessisudha jedhu.

Waggaa darbe godinichatti biqiltuuwwan bunaa dhaabaman miiliyoona 230.5 keessaa miiliyoonni 100.6 qabachuusaanii ittigaafatamaa ittaanaan kun ni dubbatu.

Godinichatti jiraataa Aanaa Gidaamii, Ganda qonnaan bulaa 02 kan ta’an qonnaan bulaan Alamaayyoo Eerregaa yaada kennaniin, omisha bunaa dabaluuf ganna baranaa kana amma ammaatti biqiltuu bunaa filatamaa kuma lama dhaabuusaanii ni ibsu.

Lafa bunaa heektaara afur qaban sanyii bunaa haaraadhaan bakka buusaa akka jiran ibsanii, biqiltuuwwan hunda paakeejiidhaan kunuunsanii guddisuuf yaalii taasisaa akka jiranis ni dubbatu.

Aanaa Gidaamii kan jiraatan qonnaan bulaan Ragga’aa Atoomsaa gamasaaniitiin biqiltuu bunaa sanyii filatamaa kuma 12 qopheessanii kana keessaa kuma lama biqiltuu bunaa kuma lama ofiif dhaabanii kuma saddeet gabaaf dhiheessuun galii qarshii kuma 16 argachuusaanii beeksisaniiru.

Waajjira Qonnaafi qabeenya uumamaa Godina Wallagga Bahaatti qajeelchaan garee misooma bunaa Obbo Asaffaa Mokonnin akka ibsanitti, baatii Waxabajjii darbee kaasee amma ammaatti aanaalee godinichaa 17 keessatti biqiltuun bunaa miiliyoona 98 fi kuma 731 fi 46 lafa heektaara kuma 21 fi 685 irra dhaabamuusaa qajeelchaan garee kun kan ibsan.

Walumaagalatti dhaabiinsa biqiltuu ammaan tana guutummaa biyyaatti akka dhuunfaattis ta’e gareedhaan adeemsifamaa jiru biqiltuuwwan akka bunaa fa’iif haala mijataa uumee dinagdee biyyaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qabuuf ciminaan ittifufuu qabaan dhaamsa keenya.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

7 Comments to “Dhaabiinsa biqiltuu bunaa mil. 298 Wallagaa Bahaafi Lixaatti”

  1. Pingback: bk8
  2. Pingback: Diyala Bauc14
  3. Pingback: lsm44
  4. Pingback: สวนหิน

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *