SI’ACHI TELEVIZIYOONA ILAALLA UTUU HIN TA’IN TELEVIZIYOONATU NU ILAALA

Qindeessaan giddu gala dhaabbata basaasaa Amerikaa (CIA) kan turan General Mikaa’el Haaydan sadarkaa teknolojiin televiziyonaa irra ga’e yeroo ibsan, “Si’achi dhaabbanni basaasa Ameerikaa (‘CIA’n) uummata Ameerikaa televiziyoona irraa hindhaggeeffatu” jedhan. Sababiin isaa Televiziyoonnii saamsangii yeroo ammaa kan dhaggeeffatan qofa utuu hinta’iin jireenya dhuunfaa namni mana isaa keessatti jiraatu sagaleefi suuraan deggeramee gara qaama sadaffaatti erguu eegaluu isaa irraan kan ka’e ture. Hojii kanaaf ammoo sagaleefi suura kan waraabu kan of keessaa qabu bakka bilbilli (Wi-Fi) jirutti hojii kana akka hojjetu dubbatu.

Haa ta’u iyyuu malee dhoksaa namootaa qaama sadaffaatti dabarsuun sirriidhaa gaaffii jedhuuf namootni yeroo televiziyoonii kana bitatan waraqaa waa’ee fayyadama televiziyoonichaa ibsuu wajjin ni fudhatu. Beekanii bitu jechuudha. Rakkoon isaa namoonni yeroo hedduu waraqicha utuu hindubbisin itti fayyadaman rakkoo kanaaf ni saaxilamu; dhoksaan isaanii namoota sadaffaatiif ni kennama.

Egaa George Orwell namni jedhamu waa’ee teknoloojii televiziyoona kanaa yeroo dubbatu namoonni kan of eeggachuu qaban haasaa isaanii yookaan wanta eeggannoo barbaadu hubannaa malee akka hinraawwanne akeekkachiisu. Si’achi akka kanaan duraa miti. Meeshaan haasaa isaanii waraabee qaama sadaffaatti ergu mana seeneera. Namni waa’ee dhunfaa isaa mana isaa keessatti maatii isaa wajjin haasa’u akkasumaan kan hafu hinta’u.  

Egaa televiziyooniin suuraafi sagalee waraabee bakka garaa garaatti erguu qofa miti. Akkuma faayidaa guddaa qabu baroota keessatti nama dhuunfaa, dhalootas ta’e biyya balaa suukkanneessaaf saaxiluu isaa seenaan ni dubbata. Xiinxalaan gaazexaa ‘The Guardian’ Nataliyaa Nugayirede jedhamuu akkas jedhe, “Oduun sobaa dur iyyuu tureera. Jaarraa kana keessa garu saffisaan karaa faca’u argate” jedhe.  Odeeffannoon sobaa bara mootummaa Roomaatii eegalee faca’aa tureera.

Fakkeenyaaf Antooniifi Kilee’optaraa irratti dhara faca’een Oktaviyaan bakka Antonii mootummaa qabateera. Jecha maqaa Antoonii balleessu Dhaloota Kiristoos Dura bara 44 saantima ittiin fayyadaman irratti qirixee daldalaaf facaase. Saantimni bara sana ‘facebook’ har’aa ta’e. Manni maxxansaa Gutenbergi bara 1493 eegaluun sobni Awurooppaa keessa akka karaa argatee naanna’u ta’eera.

Gaazeexaan ‘New York Sun’ jedhamu duraa duubaan barreeffama ja’a bara 1835 suuraan kan deggerame namni ji’a irra ni jiraata jedhe maxxanse. Jaarraa 20ffaa keessa televiziyooniifi raadiyoon eegaluun sobni akka gaariitti faca’u dhugaa fakkaatee dhaloota burjaajesse. Dhuma jaarraa 21ffaa kana keessatti babal’achuu sab-qunnamtii hawaasaan da’atee kan caalu ta’uu hinoolle.

Egaa televiziyooniin bu’aa akka qabu hundumtuu irratti waliigala. Yeroof garuu baroota darban keessatti duguuggaa qomoof, jibba facaasuu, seeraa maleesummaa babal’isuufi kkf keessatti maal godhee? Maal ta’uutu irra turee? Ummannis maal gochuu qabaa? Kan jedhuufi kkf gabaabaatti ilaalla. Gaazexessitoonnis ta’an televiziyooniin sirriitti waan irraa eegamu raawwachuu hafuun rakkoo mudatu keessaa muraasni:  

  1. Daandii Duguggaa Qomoo, Dirree Jibbaafi  Gombisaa Sobaa Ta’a. 

Dhumiinsa dimshaashaa biyya Ruwaandaaf geggeessitoota biyyaa yeroo sanaa geggeessan qofa  utuu hinta’in miidiyaan biyya Ruwaandaa keessumaa Raadiyoon biyyichaa shora guddaa taphateera. Ilaalcha sirriifi madaalamaa kan qabu, dhugaaf kan dhaabate utuu hinta’in gaazexessitoota jibba facaasuufi namoota walitti naquu qofaaf uumamaniin namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru.

Sababiin isaa miidiyaan akka ummata tajaajiluuf dhaabate ummata walficcisiise. Miidiyaa gadhiisiin mootummaa Ruwaandaan darbu ummata Tuutisiin “bararii” jechuun akka bakka argamanitti ajjeefamaniif labsuu eegale. Miidiyaanis gadhiisii waan tureef isa kana namni ittisu hinturre.

Namni hubannaan ilaalee rakkoo inni bor fidu hubate jira jedhee hin yaadu Namoota seenaan yoom iyyuu balleessaa isaaniitiif hindaganne, biyyiifi dhaloonni kan itti amane garuu kan hinamanamne, dhaloota oolchuu irra, biyya guddisuurra, gorsaafi beekumsa fiduurraa faallaa kanaaf kan uumaman; walitti fiduu irraa kan tamsaasan, ijaruurra kan diigan ta’an.

Biyya Ruwaandaa akka biyya tokkootti haa ilaallu malee biyyoonni hedduun isa kana arganiiru. Fakkeenyaaf waraana addunyaa isa jalqabaa bara 1914-1918tiitti miidiyaaleen waraana jechoota nama qirqidan kan akka “Biyyi kee si barbaaddi; Duula keessatti maal gootee?” jedhu facaasaa turan. Itti fufuun bara 1917 maxxansaan garaagaraa  kan akka ‘The times’; ‘the daily mail’ kan jedhaman gaazexaan biyya Ingilizii biyya Jarmanii ni seexaneesse. Akka Jarmaniin moora reeffa loltoota isheetiitti fayyadamtu dubbata ture.

Bara 1933 maxxansaafi diraamaa addaa addaatti fayyadamuun biyya Awurooppaa keessa jibba ummata Yihudotaa facaasuun akka balleessaniif shora taphateera.

Bara 1965 biyya Indoneeziyaa keessatti ajjeechaa jeneraalota ja’aatti aansee oduu sobaa irraa kan ka’e namoonni walakkaa miliyoonaa dhumaniiru. Bara 2003-2011 tti walitti fufiinsaan meeshaan waloon nama fixu Iraq keessa akka jiru ‘The New York Times’ kan jedhu maxxansuun isaa booda soba ta’e.

Kana malee danuutu jira. Kan biyya keenya keessaa ammoo yeroo Televiziyoonota naannoolee, kan dhuunfaafi darbee darbees kan biyyoolessaa seera gaazexessaa kan hineegne, dhugaa gadi qotanii baasuun tamsaasuu, dhugummaa hojiisaaniitiif itti gaafatamummaa fudhachuu, miidhaa jiru hir’isuu, ummata tajaajiluuf akka hinhojjenne baay’eesaanii argaa jirra.

Isa kana ilaalchisee biyyoota garagaraa irraa baruun dhaloota qaruu, biyya ijaaruu, ummata barsiisuufi rakkoolee addumaan bara kana keessatti calaqqisiifaman xiqqeessuu irratti yoo hojjetan ceephoo seenaa jalaa ni miliqu.

Darbees dhaloonni kun waan hunda qoree ilaalu qaba. Yeroo hedduu miidiyaalee gara garaarratti wantoota darban utuu gadi fageenyaan hinilaalin wantoonni tamsaa’an hundumtuu sirrii jennee fudhachuun har’a illee taanaan balaa guddaaf akka nu saaxilu beekuun barbaachisaadha.

Miidiyaaleenis dhaloota kan qaran, mul’ata dhaloota keessa kan kaa’an utuu hinta’in dhaloota kana jibbaaf, jeequmsaafi kkf., kan kakaasan ta’anii argina. Inni kun akka nu hingargaarre warra kaan irraa argineerra. Isa kana gadi fageenyaan qoruufi of irraa qolachuun gaarii ta’a.

  •  Miidiyaan Sammuu Daa’ima Irratti Miidhaa Hamaa Ni Geessisa.

Televiziyooniis ta’e sab-qunnamtiin hawaasaa mucooliifi daa’imman irratti dhiibbaa guddaa akka geessisu qorannoon ni addeessa. Fakkeenyaaf namni waggaa 15nii tokko hanga mana barumsaa dhaqu caalaa kan televiziyoonii ilaaluutu caala. Inni kun ammoo baay’inaan akka isaan jeequmsaaf saaxilaman qorannoon ni agarsiisa.

Darbees akka isaan qabeenya guddaa argachuuf hawwan ni taasisa. Haa ta’u iyyuu malee attamitti argatu, eessa argatu kan jedhu sirriitti hubachuu dhabuu ni danda’u. Salphaadhumatti hawwiin guutamu.

“Oduun sobaa dur iyyuu tureera. Jaarraa kana keessa garu saffisaan karaa faca’u argate”

Kanaaf maatiin ijoollee isaanii irratti cimsanii hojjechuu, sagantaa isa kam akka daawataniifi isa kam daaww’achuu akka hinqabne sirriitti adda baasanii hubachiisuufi tumsa barbaachisaa gochuufii; hundumaa irra ammoo ijoollee isaaniif kutaa ciisicha isaaniitti televiziyoona utuu hinta’in naqaa kitaabaa qopheessuufiin gaariidha.

Zarihun Gabree

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

165 Comments to “SI’ACHI TELEVIZIYOONA ILAALLA UTUU HIN TA’IN TELEVIZIYOONATU NU ILAALA”

  1. Ozempic without insurance [url=https://ozempic.art/#]ozempic generic[/url] ozempic coupon

  2. Ozempic without insurance [url=https://ozempic.art/#]buy ozempic pills online[/url] ozempic

  3. rybelsus price [url=https://rybelsus.shop/#]buy semaglutide pills[/url] semaglutide online

  4. semaglutide tablets [url=http://rybelsus.shop/#]semaglutide online[/url] rybelsus coupon

  5. pin up [url=http://pinupru.site/#]пин ап казино зеркало[/url] pin up

  6. пин ап казино [url=http://pinupru.site/#]pin up казино[/url] пин ап казино зеркало

  7. price of neurontin [url=https://gabapentin.auction/#]gabapentin price[/url] brand name neurontin

  8. zithromax antibiotic [url=https://zithromax.company/#]zithromax for sale[/url] zithromax prescription

  9. amoxicillin 250 mg price in india [url=https://amoxil.llc/#]amoxicillin 500mg price[/url] amoxicillin generic brand

  10. zithromax 250 mg pill [url=https://zithromax.company/#]zithromax for sale[/url] how much is zithromax 250 mg

  11. Rybelsus 14 mg [url=http://semaglutide.win/#]Rybelsus 14 mg[/url] Buy compounded semaglutide online

  12. neurontin 300 mg pill [url=https://gabapentin.auction/#]gabapentin price[/url] neurontin cost australia

  13. semaglutide [url=https://semaglutide.win/#]buy semaglutide online[/url] buy semaglutide online

  14. buy cheap generic zithromax [url=https://zithromax.company/#]buy zithromax z-pak online[/url] generic zithromax azithromycin

  15. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharm24.pro/#]medication from mexico pharmacy[/url] buying prescription drugs in mexico online

  16. cheap erectile dysfunction pills online [url=https://drugs24.pro/#]viagra without a doctor prescription[/url] ed doctors

  17. pharmacies in mexico that ship to usa [url=http://mexicanpharm24.pro/#]buying from online mexican pharmacy[/url] mexican drugstore online

  18. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharm24.pro/#]buying prescription drugs in mexico online[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  19. mexican drugstore online [url=https://mexicanpharm24.pro/#]buying from online mexican pharmacy[/url] mexican rx online

  20. buying prescription drugs in mexico [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexican online pharmacies prescription drugs[/url] mexican pharmaceuticals online

  21. best online pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]india pharmacy mail order[/url] online shopping pharmacy india

  22. minocycline 100mg for acne [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol fast delivery[/url] cost of ivermectin 1% cream

  23. buy ivermectin uk [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st shop[/url] ivermectin 0.08

  24. buy semaglutide online [url=http://rybelsus.icu/#]Semaglutide pharmacy price[/url] rybelsus cost

  25. cheap plavix antiplatelet drug [url=https://clopidogrel.pro/#]clopidogrel pills[/url] buy clopidogrel bisulfate

  26. buy minocycline 100mg [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol shop[/url] ivermectin 400 mg

  27. minocycline 50 mg tablets for humans for sale [url=https://stromectol1st.shop/#]buy online[/url] buy minocycline 100mg for humans

  28. stromectol generic name [url=http://stromectol1st.shop/#]cheapest stromectol[/url] minocycline 50mg for sale

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *