Qabxii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa

Finfinnee: Ji’a Amajjii bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan,Kaartumitti  kan jalqabame walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa waggoota 62 lakkoofsiseera.Waggoota kanneen keessatti  yeroo 32faf adeemsifameera.

Hanga ammaatti walmorkiiwwan kanarratti biyyoonni miseensota Konfedereeshina Kubbaa Miilaa Afrikaa 56 keessaa 39 qofatu hirmaachaa ture.

Isaan keessaa biyyoonni 17 carraa hirmaannaa argachuu hindandeenye. Biyyoonni shan ammoo al tokko tokkoo qofa hirmaataniiru.Waancaa kan fudhatan biyyoota 14 yoo ta’an, Misiri si’a torba waancaa fudhachuudhaan biyya duraati.

Kaameerun yeroo shan, Gaanaafi Naayijeeriyaan ammoo al afur afur fudhataniiru. Koti’divaariifi Riipaabilikii Dimokiraatawaa Kongoon lama lama yoo fudhatan, Tuniziyaan, Sudaan, Aljeeriyaan, Morookoon, Itoophiyaan, Afrikaan Kibbaa, Kongoo Kinshaasaafi Zaambiyaan si’a tokko tokko fudhataniiru.

Biyyoota tapha waancaa irratti hirmaatan keessaa ammoo 25 hirmaannaan alatti waancaa fudhachuuf hinmilkoofne.  Biyyoota waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kana hundeessan keessaa  Itoophiyaan takka taatus hanga ammaatti yeroo   10n hirmaachuudhaan sadi keessummeesite, tokko mo’achuunshee kan yaadatamuudha.

Kanarraa kan ka’e yeroo hedduu daawwataan kubbaa miilaa gareen biyyaaleessaa yoo mo’amu ofitti aaraa gara manasaatti gala tureera. Gaaffii, “Itoophiyaan waancaa kanarratti yoom hirmaatti?” jedhuufis  gaafa carraa qopheessummaa argatte qofa jechuun deebisaa turaniiru.

Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa kun baranas ALA Waxabajjii 21 hanga Adoolessa 19 biyyoota 24 jidduutti istaadiyoomota magaalota Misiritti  adeemsifamuudhaan kaleessa galgala xumurameera. Qabxiin isaanii maxxansaaf nudhaqqabuu baatus walmorkiin kun biyyoota tapha waancaaf dhihaatan Senegaaliifi Aljeeriyaa jiddutti adeemsifameera.

Senegaal tapha waancaa kanaaf kan dhaqqabde Taanzaaniyaa 2-0n, Keeniyaa 3-0n, Beeniiniifi Tuniziyaa qabxii walfakkaatu 1-0n mo’achuudhaan, akkasumas Aljeeriyaafi Ugaandaadhaan haaluma walfakaatu 1-0n mo’amuudhaan.

Aljeeriyaan ammoo Keeniyaa 2-0n, Senegaal 1-0n, Taanzaaniyaafi Giinii qabxii walfakkaatu3-0n, Kotidivaar 4-3n, Naayijeeriyaa 2-1n gaggeessuudhaan ta’uun beekameera.

Tapha sadarkaa sadaffaaf Roobii darbe Naayijeeriyaafi Tuniziyaa jidduutti adeemsifameetti Naayijeeriyaan Tuniziyaa  1-0n mo’achuudhaan sadaffaa ta’uun meedaaliyaa nahaasaafi doolaarii miliyoona lama badhaafamteetti. Tuniziyaan ammo afraffaa ta’uun  miiliyoona tokko argatteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

3 Comments to “Qabxii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa”

  1. Pingback: dultogel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *