Oromiyaa baranaafi bara dhufuu

Caffeen Oromiyaa walga’iisaa idilee 10ffaa, waggaa arfaffaa, bara hojii shanaffaa Dilbataa hanga Kibxata darbeetti Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti taa’ee ture.  Caffichis turtiisaatiin gabaasa  raawwii  karoora  hojii bara 2011fi kallattii karoora bara 2012 akka Oromiyaatti akkasumas, kan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaafi Waajjira Caffee Oromiyaa dhaggeeffachuun erga irratti mari’atee booda raggaasiseera. Kana malees Wixinee Labsii Kennaa Tajaajila Lammummaa naannoo Oromiyaarratti marii bal’aa taasisuun mirkaneesseera.

Kanneen malees wixinee danbii gurmaa’insa, hojmaataafi naamuusa miseensoota Caffee, wixinee qajeelfama faayidaalee ogeessootaafi hoggantoota mana hojii odiitara muummichaa, wixinee labsii dabalata bajata bara 2011, wixinee labsii bajata bara 2012fi muudama addaddaa raggaasiisuun walga’iisaa xumureera. Nutis maxxansa kanaan gabaasa hojii bara 2011fi karoora bara 2012 Pirezdaantii Ittaanaan Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dhiheessan irratti xiyyeeffachuun kan dhiheessinu ta’a.

Akka isaan jedhanitti, barri kun bara mootummaan Oromiyaa ergamoota gurguddoo heeraan kennamaniifi amaanaa ummataan itti kenname qabachuun ciminaan hojjechaa, ga’umsasaa fooyyeeffachaa itti dhufedha. Gama kanaan hojiilee karoorfaman raawwachuudhaan bu’aalee jajjabeessoon mul’ataniiru. Barri kun yeroo seenaa, sochiileefi taateewwan gurguddoo jiruufi jireenya ummatichaa jijjiiran itti galmaaniidha. Wareegama olaanaa ummanniifi hoggansi jijjiiramaa kaffalaniinis qabsoon mirgaa, haqaafi bilisummaa milkaa’ee imalli jijjiiramaa ummataaf abdii itti uumeedha.

Ijifannoon siyaasaa argames kunuunfamee haala hawaas-dingadee ummataa jijjiiruurratti kan hojjetamaa ture ta’uu kaasanii, yeroo falaasama idaa’amuutiin dirreen siyaasaa itti bal’ateefi tarkaanfii seena qabeessa mootummaan fudhateen lammiileen sababa ilaalcha siyaasaatiin mana hidhaa turan gadi lakkifamuusaanii, miidiyaaleen u ggura  jala  turan  ba’uusaaniifi kanneen ala turan galuunsaanii hojii boonsaa ta’uu kaasu.

Adeemsa kana keessatti qormaati guddaa mudate, humnoonni jijjiramni kun hinliqimfamneef tokko tokko fedhiifi faayidaa ummataa dura dhaabbachuun biyyaafi ummata miidhuuf socho’aa turuufi shira xaxuun sabaafi sablammoota akkasumas, ummattoota biyyattii walitti buusuun buqqaatii hawaasa bal’aa uumuun naannoofi biyya walitti buusuuf socho’uusaanii akka ture addeessu.

Humni kun ‘neetworkii’ uumuun jijjiramicha gufachiisuuf meeshaalee seeraan alaa kan akka kotirobaandii, meeshaalee waraanaafi naanneessa maallaqa sobaa gaggeessuun obsa mootummaan dirree siyaasaa bal’isuuf taasise akka dadhabinaatti ilaaluun hanga yaalii fonqolcha mootummaa taasisuutti socho’aa  akka turan ibsu.

Ta’us hirmaannaa ummataafi humna nageenyaatiin guutuummaatti fashalaa’uusaa eeranii, humnoota badii kana raawwatan irrattis mootummaan araarama tokko malee tarkaanffii fudhachaa kan jiru ta’uufi fuuldurattis akka itti fufu Obbo Shimallis ni hubachiisu.

Akkasumas, dirree siyaasaa uumameen dhaabbileen siyaasaa gara biyyaatti seenan hedduun isaanii karaa nagaa socha’uuf fedhii kan qaban ta’us, humnoonni tokko tokko waamicha mootummaa, ummataafi abbootii Gadaatiin taasifame diduun kaayyoo badii filatanii ummataafi caasaa mootummaarratti miidhaa geesisaa turan qormaata biroo ta’uu yaadatanii, mootummaan garuu obsaafi bilchinaan hogganuun gama tokkoon shira diinaa qolachaa, gama biraatiin lammiilee sababa kanaan buqqa’an qubachiisuun hojiin hojjetamuu ibsu. Kanneen nageenya booreessan to’achuuf mootummaan yoomiyyuu caalaa ummata waliin hojjechaa jiraachuu addeessu.

Bilisummaan, walqixxummaafi dimokraasiin seeraafi sirnaan ala hin yaadamu. Kan jedhan pirezdaantii ittaanaan kun, kaayyoo ummanni Oromoo qabsaa’eef galmaan ga’uun kan danda’mu yoo seeraafi sirni ijaarame qofa ta’uu ibsu. Ummannis adeemsa kana aarsaa kaffalee jijjiiruusaatiif galateeffatanii, nageenya waaraa buusuuf, injifannoo argame tiksuufi humniifi dandeettiin caasaa nageenyaa tumsuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjetaa akka ture himu.

Hariiroon ummattoota waliin jiru akka cimuuf waltajjiwwan obbolummaa naannoolee Amaaraa, Somaalee, Affaar, Hararii, Gaambeellaa, Beenishaangul Gumziifi Ummattoota Kibbaa waliin taasifameen ummanni aadaa waliin jireenyaafi jaalalasaa tikafatee akka turu ta’uusaa ni kaasu.

Akka Obbo Shimallis jedhanitti, waggoota sadan darban lammiilee shira humnoota badiitiin qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an miliyoona 1.4 ta’an keessaa miliyoonni 1.3 (%91) sochii ji’oota sadan darbanitti taasifameen qe’eesaaniitti deebi’aniiru. Warreen hafanis lammilee naannoo Somaalee buqqa’an kuma 132 (%9) qofa ta’an yeroo ammaa godinaaleefi aanaalee addaddaa keessatti kan deggaramaa jiran yoo ta’u, gara qe’eesaaniitti akka deebi’aniifis mootummaa naannoo Somaalee waliin ta’uun hojiin deebisanii dhaabuu hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

“Akka waliigalaatti waggaa kana qormaanni kallattii addaddaan mudachaa turus qindoomina mootummaafi ummataatiin kallattii hundaan bu’aa hedduun galmaa’eera. Nageenyi amansiisaanis uumamee ummanni fuula isaa gara misoomaatti akka deebisu akkasumas, nagaafi tasgabbiin naannichaa mirkanaa’ee olaantummaan seeraa akka kabajamuuf mootummaan naannichaa yoomiyyuu caalaa hojjechaa jira. Nageenyaafi olaantumma seeraa mirkaneesuufi haaromsa jalqabame dhugoomsuuf deemamaa ture keessatti yeroo bal’aan fudhatamee hojjetamaas tureera” jedhu.

Akka ibsa Obbo Shimallisitti, hojii tajaajila haqaa si’oominaafi qulqullina qabu akkasumas, bu’a qabeessa ta’e hawaasaaf kennuudhaan amantaa ummanni sirna haqaafi mootummaarratti qabu akka dabalu gochuuf qindoomina qaamolee haqaatiin hojii bal’aan hojjetameera. Bara kanattis eeruu simachuun qorannoo yakkaarraa eegalee hanga murtii haqa -qabeessa kennisiisuutti hojii raawwatameen galmeewwan yakkaa gosa hedduu dhihaatan keessaa harka caalaasaaniirratti murtiin kennameera.

Kenniinsi tajaajilaa hojii abbaa alangummaa akka saffisuufi bu’a qabeessa taasisuuf ummanni tajaajila kana bifa qindaa’een iddoo tokkotti akka argatu taasisuuf tajaajilli abbaa alangaa mannen hojii mootummaa addaddaa bifa bittinaa’een kennamaa ture bakka tokkotti akka gurmaa’u taasifamee gara hojii qabatamaatti akka seenu taasifamaa jiraachuu kaasu.

Hirmaannaafi hubannoo hawaasni yakka ittisuu keessatti qabuufi yakki raawwatamee yoo argames saaxiluun ragaa ba’uurratti yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufus ammallee rakkooleen akka ragaa sobaa, ol’aantummaa seeraa kabachiisuun walqabatee gochoota duudhaafi safuu ummataa waliin hindeemne raawwachuun darbee darbee akka mul’atu himanii, gama kanaan hubannaa ummataa cimsuurratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka gaafatu eeru.

Hojii amala sirreefamtoota seeraa sirreessuuf bal’inaan hojjetameen sirreefamtoonni seeraa naannichaa hojii misoomaarratti bobba’uun lammii oomishaa akka ta’aniif hojiilee hedduun raawwatamaa turuu kan kaasan ittaanaan pirezdaantichaa, kanneen yakka raawwatanitti gaabbuun jijjiirama amalaa fidan mootummaan akkaataa seeraatiin dhiifama kan taasiseef yoo ta’u, bara kana sirreeffamtoota seeraa kuma 12 oliif dhiifamni taasifamusaas ni addeessu.

Malaammaltummaafi hojmaata badaa xiqqeessuufis hojiin hubannoo uumuu bal’inaan kan hojjetame yoo ta’u. fuuldurattis cimee kan itti fufu ta’uu ibsu.

Walumaa galatti, hojiileen gama siyaasaan hojjetaman kunneen kan bara tokko qofa hojjetaman osoo hintaane, kan yeroo maraa waan ta’aniif keessumaa waggaa dhufu mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuudhaaf yoomiyyuu caalaa kutannoon kan hojjetu ta’uu addeessu. Ummanni naannichaas tasgabbaa’ee jiruu hawaas-dinagdeesaa akka fooyyeffatuuf wantoota nageenya ummatichaa jeeqan irratti araarama tokko malee tarkaanfii sirreessaa fudhachaa kan hojjetamu ta’uu akeekkachiisuun, ummannis mootummaa cinaa akka hiriiruuf waamicha dhiheessu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Recommended For You

9 Comments to “Oromiyaa baranaafi bara dhufuu”

  1. Pingback: pglike
  2. Pingback: dultogel 4d login
  3. Pingback: pgg369
  4. Pingback: best shows
  5. Pingback: pgslot168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *