Maaliif jedhame? Magaalaa Shaashamannee

Shashamanneen magaalaa guddoo Godina Arsii Lixaati. Maqaan magaalaa kanaa akkamitti moggaafame?

Obbo Kamaal Elemoo magaalaa Shashamannee Ganda  01 jiraatu. Akka isaan jedhanitti, dur dubartii Shaashee jedhamtutu naannawaa kanatti Farsoo gurgurti  turte. Qonnaan bultoonni naannawaa mana Farsoo Shaasheetti walarguuf wal beellamu turan. Magaalaan Shaashamannee mana Farsoo Shaashee jedhamurraa ka’uun kan moggaafame ta’uu seenaadhaan dhageenyeerra jedhu. Siidaan Shaashees seensa magaalattiirra dhaabbatee kan jiru ta’uu himu.

Magaalattiin daandiiwwan Finfinnee, Baalee, Wando Gannat, Hawaasaafi Arba Mincirraa gara magaalattii seenan shan kan qabdu, wiirtuu daldalaa ta’uun beekamti kan jedhan Obbo Kamaal, akkasumas magaalattiifi naannawaan ishee omisha qonnaatiin beekamtuudha. Shaashamanneefi naannawaan ishee omisha xaafii, dinnicha raafuu maramaa, kaarootii, hunde diimaa, boqqolloo, atara, baaqelaa, qamadii, garbuu, boloqqee, shumburaa, shonkoraa akka fakkeenyaatti eeraniiru.  Xaafiin yeroo ammaa haamamee galuunsaa magaalattiifi naannawa ishee naannawwaa biroo irraa adda kan taasisu ta’uus himaniiru.

Omishaaleen qonnaa ummata magaalattiifi naannawa isheerra darbee hanga Harargeefi Jigjigaatti fe’amaa jira  jedhanii, guyyaatti yoo xiqqaate konkolaatonni Izuuzuu 200 ol omishaalee qonnaa fe’anii kallattiiwwan adda addaatiin magaalattii keessaa ba’aa jiraachuu dubbatu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

2 Comments to “Maaliif jedhame? Magaalaa Shaashamannee”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *