Imala waggaa 1fa kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee

Magaalaan Finfinnee bulchiinsa haaromsaatiin buluu eddii eegaltee Adoolessa 10 bara 2010 irraa kaasee waggaan tokko lakkaa’ameera. Yeroon hojii bulchiinsa magaalattii xumuramus haala nageenya biyyattii keessa tureen bara darbe filannoo geggeessuun waan hindanda’amneef Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa baruma dheengaddaa chaartarii magaalattii fooyyessuun sadarkaa kantiibaa ittaanaatti hojii kantiibaa akka hojjetaniif Injiinar Taakkalaa Uumaa muudaman.

Bulchiinsi magaalattii muudama seera qabeessaan aangoo qabatee socho’aa jiru kun hojiilee waggaa tokko keessatti ni hojjetamu jedhamanii hin yaadamne hedduu hojjeteera. Hawaasaan walitti dhiyaachuun komiiwwan ummata biraa ka’aa turan furuuf tattaaffii cimaan taasifameera.

Hojiilee waggaa tokko keessatti raawwataman hunda fuula kanarratti  tarreessuun rakkisaa ta’us kanneen ijoo ta’an  eeruuf, hojii tola ooltummaa mana haadholii harka qal’eeyyii haaressuun bardheengaddaa eegalame, marii qaamolee hawaasaa adda addaa wajjin taasifame, haaromsa manneen barnootaa mootummaa, hospitaalaa, manneen barnootaa magaalattiitti argaman hundatti Afaan Oromootiin barumsi idilee akka kennamu taasifamuun, uffata seeraa (uniform) fi meeshaalee barumsaa bara barnootaa ittaanuuf qophaa’uuf jedhufaa kaasuun ni danda’ama.

Qulqullina

Sagantaan qulqullinaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin guutummaa biyyaatti akka geggeeffamuuf yaadame keessumaa Magaalaa Finfinneetti ciminaan yeroo sadaffaaf adeemsifameera. Kanaanis magaalattii kosii qofarraa otoo hintaane yaada badaafi jibbiinsa sammuu namaa keessa jiru dhabamsiisuunis akka akeekaatti qabamee ittideemamaa jira. Bulchiinsi magaalattii hojii kana abbummaan fudhatee haala walirraa hincinneen deemsisaa jira.

Hanna dhabamsiisuu

Gocha hannaafi saamicha akkasumas seeraan alummaa biroo doqdoqqeedhaan deggaramee magaalattiitti raawwatamaa ture dhabamsiisuuf bulchiinsi danbii cimaa ummata aara galfachiise fudhateera. Kanaanis gochoonni yakkaa akka hir’atan ta’eera. Kunis jiraattotaafi poolisoota tiraafikaatiin dhugaan bahamaafii jira. Gochi kun guutummaatti akka dhabamsiifamuufis ummanniifi mootummaan harka walqabatanii akka socho’an gaafatamaa kan jiru. Gochi yaachisaan kun babal’achaa jiraachuu kan hubate bulchiinsi magaalattii ummata biratti ija dinqisiifannaatiin fudhatameera. Kunis bu’aa hojii bulchiinsa jijjiiramaa Injiinar Taakkalaa Uumaatiin hogganameeti.

Tola ooltummaa

Bulchiinsichi hariiroo gaarii ummata wajjin uummachaa jiruun qaamolee adda addaa wajjin ta’ee hojiilee tola ooltummaas raawwataa jira. Kanaanis mana harka qal’eeyyiifi dhaabbilee barnootaa haaressuu dabalatee hojiilee tola ooltummaa adda addaa geggeessaa jira. Keessumaa hojii baruu barsiisuu milkeessuuf manneen barnootaa 488 haaromsaa jira.

Kana maddiittis bulchiinsichi barattoota sadarkaa gadiitti qabee hanga kutaa 12fati jiraniif meeshaalee barnootaa dhiyeessuuf tattaaffii cimaa gochaa jira. Hanga ammaattis abbootii qabeenyaafi tola ooltota adda addaarraa dabtaroota miliyoona 7.2 barbaachisu keessaa miliyoonni jahaa ol walitti qabameera. Uffannaa seeraa sadarkaasaa eeggate barattoota manneen barnootaa mootummaatti baratan maraaf akka dhiyaatu ibsi tibbana sekrateriyaatii bulchiinsichaarraa argame kan mul’isu.

Barattoota kutaa 1fa irraa eegalee hanga kutaa 8fatti jiran sooruuf hojiin eegalame bara ittaanuttis cimee akka ittifufuu kan ibsame. Hojii tola ooltummaa bulchiinsi magaalattii qaamolee adda addaa hirmaachisuun raawwataa jiru kana jiraattota magaalattii hedduu kan gammachiise ta’uunis yaada kennamaa jirurraa hubachuun ni danda’ama.

Bulchiinsichi turtiisaa waggaa tokkoo kana keessatti gama daandii, nageenya mirkaneessuu, tajaajila si’aayaa kennuufi kkfn hojii guddaa hojjetaa akka jiruu kan hubatame.

Hojiileen milkaa’oon hawaasatti abdii gaarii uuman haa jiraatan malee ammas bulchiinsichi gama qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuutiin, dhiyeessii manneen jireenyaa si’eessuutiin, daldala seeraan alaa to’achuutiin, tajaajila geejibaa fooyyessuutiin, qaamolee seeraan ala ijaaramanii ummatarratti roorrisaa jiran dhabamsiisuutiin, ijaarsa seeraan alaarratti tarkaanfii fudhachuutiin hojmanee guddaan akka isa eeggatu hubatee ciminaan hojjechuu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

One Comment to “Imala waggaa 1fa kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *