“Dhimma ilaalchaarratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba” -Afyaa’ii Ittaanaa Mana Marii Finfinnee

Finfinneen kutaalee magaalaa 10fi aanaalee 16 caaseffamtee jirti. Magaalattiin Adoolessa 10 bara 2010 irraa eegalee kantiibaa ittaanaadhaan hogganamaa kan jirtu yoo ta’u, waggaa tokko kana keessatti gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin maaltu akka raawwatameefi haferratti, akkasumas haala to’annoofi hordoffii raawwachiistotaarratti hojiin akkamii akka hojjetamerratti Gaazexaan Bariisaa Kamisa darbe afyaa’ii ittaanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Obbo Tasfaayee Tarfaasaa dubbiseera. Isaanis ibsa ittaanu kennaniiru.

Manni Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee akka mariitti kan hundeeffame bara 2000. Sana dura hojiin raawwachiistuufi qaama to’atuu waluma keessa adeemsifamaa ture. Manni marii amma jiru marsaa lammaaffaadha. Baay’inni miseensotasaas namoota 138.

Manni marii kun kutaa magaalattiitti kan hundeeffame kutaa magaalaarraa namoota 14tu bakka bu’an yoo ta’u, Aqaaqii Qaallittiin garuu baay’ina jiraattotaarratti hundaa’ee namoota 12n bakka buufame. Manni marichaa koreelee dhaabbii torba qaba.

Manni marii waggaa shaniif filatame kun yeroonsaa bardheengaddaa kan raawwatame yoo ta’u, haala nageenyaa biyyattiin keessa turterraa ka’uun filannoo geggeessuun waan hindanda’amneef Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa chaartarii ittiin bulmaata magaalattii kanaan dura ture fooyyesse.

Kanaanis hanga filannoon geggeeffamutti manni mariis ta’e raawwachiistuun akka hojiisaanii ittifufan labsii lakkoofsa 94/10n karaa seeraqabeessa ta’een murtaa’e. Faallaa kanaatiin yaadonni adeemsa bulchiinsichaa ilaallatanii ka’aa turan sirrii miti.

Biyyattiitti waantota baay’eetu jijjiirame. Kana keessatti manni marichaas ta’e bulchiinsi Injiinar Taakkalaadhaan geggeeffamu jijjiiramicha milkeessuuf waan guddaa hojjetaa turaniiru. Manni marichaas haaluma kanaan qoodasaa bahachaa tureera. Kanumaan walqabatee to’annoofi deggarsi taasifamu akka fooyya’u ta’eera. Kanaanis rakkooleen uumaman akka furamaniif manni marichaa deggarsa barbaachisu gochaa tureera.

Hojiilee magaalattiitti raawwatamaa jiranirratti waltajjiilee ummataa sadarkaalee adda addaatti qopheessuudhaan yaadni akka funaanamu taasifameera. Ummanni qaamolee mootummaa wajjin hojjechuun hanqinoonni mul’atan akka furamaniif hojjetameera. Kanneen hinhiikamne ammoo qaamni dhimmi ilaallatu akka ittideemuuf kallattiin kaa’ameera. Manni marichaas kallattiin kaa’ame kun raawwatamuufi dhiisuusaa yeroo kamuu caalaa si’aayinaan ni hordofa.

Hariiroon qaama raawwachiistuufi mana marichaa jidduu ture waggaa tokkoo as daran jijjiirameera. Duraan hordoffii qofarratti malee deggarsi manni marichaa kennu hubannaa argatee itti deemamaa hinturre. Amma garuu hojii gabbisa hubannoo hojjetameen manni marichaa humna ta’uu hubachuurratti jijjiiramni dhufeera. Kunumti mataansaa bu’aa imala waggaa tokkoo bulchiinsa Injiinar Taakkala Uumaa keessa argameedha.

Faallaa kanaan duraatiin har’a miirri koottaa nu daaw’adhaa bal’inaan uumamaa jira. Raawwiin hojiis kurmaan kurmaanaan qoodamee dhiyeenyaan hordofamaa jira. Hojmaanni ture laafaa ta’uufi kan ammaa fooyya’aa ta’uu qo’annoon geggeessineen mirkaneessineerra.

Sadarkaa caasaatiin adda addummaa haa qabaatu malee hanqinni gama ilaalchaatiin jiru ammallee xiyyeeffannaadhaan irratti hojjechuu barbaada. Sadarkaa magaalaatti gama kanaan fooyya’inni jira. Kutaan magaalaa sadarkaa jiddugaleessaatti kan argamu yoo ta’u, aanaatti gama ilaalchaa kanaan hanqinni guddaan akka jiru hubatameera.

Kanaaf tajaajilliifi ummanni bal’aan kan jiru sadarkaa aanaa waan ta’eef dhimma ilaalchaa kanarratti amma xiyyeeffannaan hojjechuu barbaachisa. Dhiyeessitii tajaajila bishaaniifi geejibaafa’irratti manni marichaa rakkoon akka jiru hubatee hordofaa jiraachuu eeraniiru. 

Akka mana mariitti hojii tola ooltummaa haala qindaa’een geggeessuufis hojjemaa jira. Yoo xiqqaate aanaa tokko keessatti mana harka qal’eessa tokkoo haaromsuuf akka hojetamuuf kallattiin kaa’ameera. Haala qabatamaa jiruun lakkoofsa qabamee oliin raawwatamaa jira.

Karoora meeshaalee barnootaa barattoota manneen barnootaa mootummaatti barataniif akka magaalaatti qabame keessattis manicha marichaa aanaa tokko keessatti yoo xiqqaate barattoota afuriif meeshaalee barnootaa guutuu jedhu qabatee tattaafataa jiraachuus himaniiru.

Gama qulqullina magaalattii eeguutiinis miseensonni mana marichaa bakka jiranitti dhaabbiidhaan haala fakkeenyummaa qabuun akka hirmaataniif waliigalamee hojjetamaa jira.

Bulchiinsi magaalattii dhimmoota karaalee adda addaatiin Magaalaa Finfinneerratti xiyyeeffatanii ka’aa jiraniif yaada mo’ataadhaan deebii kennuu qaba. Miira wajjummaa jiraachuufi duudhaalee waloo akkasumas tokkummaa ummata magaalatti caalaatti cimsuurratti dagaagfachuurrattis xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba. Kanaarratti ummatarraas manni mariirraa waan guddaatu eegama.

Qaama faallaa kanaa deemus karaa qabsiisuunis barbachisaasha. Ummanni nagaa barbaadu olola gareeleen adda addaa karaa midiyaaleesaanii diigumsaasaa facaasaniin burjaaja’uu akka hinqabnes dhaamaniiru. Mootummaasaa cinaa dhaabachuu qaba.

Ummanni Oromoo Finfinnee keessa jiraatu dhiibbaa sirnoonni darban irraan gahaniin kaan qe’eesaarraa dhiibamee, gariin ammoo xinsammuudhaan waan miidhameef haalatti fayyadamummaasaa mirkaneeffaturratti hubannaa gahaa qabaachuu baatus kana keessaa bahee ummatoota biroo wajjin ta’ee kan koo waan taateef magaalattiittin fayyadama miira jedhu dammaqinaan gabbifachuu qaba.

Saboonni kaanis tokkummaafi jaalala ummata Oromoo wajjin qabu caalaatti cimsachuu akka qabu ibsaniiru. Kanaa achi olola diinni ummatoota walitti buusuufi waljibbisiisuuf hafarsuuf gurra kennuu hinqaban.

Ummanni Oromoo magaalattii keessa jiraatu afaansaaniin tajaajloota adda addaa akka argatuuf gama barumsaatiin waanti jalqabame jira. Bara 2011 keessa manneen barnootaa 20tti barumsi idilee Afaan Oromootiin akka kennamu taasifameera.

Magaalattiitti Afaan Oromoo afaan hojii gochuuf kanaan dura sadarkaalee adda addaatti mariin jalqabame akka ture yaadachiisanii, ammas guddina Afaan Oromoorratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

7 Comments to ““Dhimma ilaalchaarratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba” -Afyaa’ii Ittaanaa Mana Marii Finfinnee”

  1. Pingback: dayz hack free
  2. Pingback: free webcams
  3. Pingback: c2c chat
  4. Pingback: sexy chat
  5. Pingback: live webcam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *