Araara Harreefi Waraabessaa

Gaaf tokko harreefi waraabessi hanga yoomiitti akka diinaatti wal ilaalla? Ammaan booda lola gidduu keenya jiru dhiisnee walitti yaa araaramnu jedhanii waliigalan. Araarichis maatiiwwan harreefi waraabessaa bakka argamanitti akka ta’u murteessuun beellama qabatan.

Guyyaa beellamaa sana waangoon jaarsa taatee harreefi waraabessaan diinummaafi lola isin gidduu jiru dhiisaatii walitti araaramaatii fira ta’aa, akka maatiittis waliin jiraadhaa jetteen. Yeroo kana  harroonniifi waraabeyyiin  yaada waangootti waliigaluufi gammaduu isaanii harka walitti rukutanii ibsan.

Waraabeyyiin garuu sa’aatiin araaraa  utuu hinga’in dura waangoo waliin walitti hasaasaafi harroota irratti shira xaxaa turaniiru. Dhuma irratti jaarsi waraabessaa tokko ka’ee araarri keenya garaa guutuudhaan ta’uu isaa agarsiisuuf walhaadhungannu yaada jedhu dhiyeesse. Shira waangoofi waraabessi irratti xaxaa turan kan hubate harree keessaa tokko ka’ee araaramneerra; waldhungachuun haa hafu jedhee taa’e.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

4 Comments to “Araara Harreefi Waraabessaa”

  1. Pingback: original site
  2. Pingback: Koh Tao Scuba Club

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *