Sirna federaalizimiifi heerarratti mariin geggeeffame

Mariin sirna federaalizimiifi heerarratti xiyyeeffate Yunivarsitii Maqaleetti geggeeffame Waltajjicharratti sirna federaaliizimii diiguuf yaaliin aasifamu kamuu Itoophiyaa kallattii hintaanetti galchuu mala jedhameera.

Pirezdaantiin Yuunvarsiitii Maqalee Kindayaa Gabrahiywat marichi waliin
jireenya sabootaafi sablammoota ummattoota Itoophiyaa cimsuuf kan kaayyeffateedha jedhaniiru.

Marichaan waraqaaleen qorannaa dhiyaatanii irratti mari’atameera. Waraqaa qorannaa kan dhiyeessan Piroofeesar Hizqi’eel Gabbisaan sirni federaaliizimii Itoophiyaadhaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Piroofeesar Hizqi’eel federaaliizimiin gaaffii sabootaafi sablammoota ummattoota Itoophiyaatiif deebii kan kennuudha jedhaniiru. Heera FDRI fooyyessuuf gaaffiin dhiyaatu karaa seeraafi heeratiin mariidhan ni ta’a; kanaan ala garuu humnaan heerichi bakka na hinbu’uun diiguuf yaaluun balaa cimaa qaba jedhaniiru jechuun kan gabaase Faanaa Birodikaastiingi Korporeeti.

Recommended For You

6 Comments to “Sirna federaalizimiifi heerarratti mariin geggeeffame”

  1. Pingback: Study in Africa
  2. Pingback: nude women webcams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *