Mul’ata ilaalchisee waan baay’een jedhameera. Hiikkaan hedduun itti kennameera. Haa ta’uyyuu malee kan irratti waliigalamu yoo jiraate rakkoo har’a addunyaan qabdus ta’e dhaloonni qabu hiikuu kan danda’an namoota mul’ata qaban qofa.
Isaan kunniin gara fuula duraatti maal ta’uu akka qaban yookaan eessa ga’uu akka qabaniifi attamitti akka achi ga’an; rakkoo har’a jiru qaarisiisanii namoota arguu danda’an, dhagaa isaan danqe cabsanii kan ittiin yaabbannoo ijaarrataniidha. Waan hundaafuu garuu namni mul’ata hinqabne nama borii ta’uu hindanda’u. Baroonni dhufanis kan abbaa mul’ataati; bara sammuuti; kan bara namoota fageessanii ilaalaniiti.
Nuti har’a mul’ata qabnaa? Yeroo tokko barsiisaan barattootni isaa mul’ata qaban akka barreessan gaafate. Barattoota keessaa tokko mul’atni isaa lafa hektaara 200 irratti bakka namootni itti farda gulufsiisan qabaachuu ture. Barsiisaansaa yeroo kana argu itti aaree mul’ata bakka hingeenye jedheen.
Akka mul’ata isaa sirreeffatus itti hime. Baratichi garuu ni dide; mul’ata guddaa akka qabu cimsee barsiisaa isaatti hime. Dhumarratti qabxii “F” kenneef. Barataan sunis barsiisaasaatiin atis qabxii kee “F” qabadhuu taa’i, anis mul’ata koo qabadheen taa’aa jedhe.
Waggoota muraasa booda barataan sun lafa hektaara 195 irratti bakka leenjii farda gulufsiisan eegale. Kanaaf “yeroo utaaltu ji’a irratti utaali, yoo dadhabde gaara dheeraa irra buutaa” jedhama mitiiree?
Darbees addunyaa kanarratti namootni milkaa’oofi gammachuun jiraatan namoota fayyaa guutuu qaban, namoota bakka gaarii jiraatan, namoota qabeenya guddaa qaban, namoota barnoota guddaa qabaniifi kkf jennee yaaduu ni dandeenya.
Haa ta’u malee dhugaan isaa adda. Namootni gammachuu qaban namoota mul’ata guddaa qabaniidha. Mul’anni guddaan rakkoo guddaa nu mudatu caallee akka argamnu nu taasisa. Namni yeroo mul’ata dhabu sababa jiraatuuf dhaba; sababa jiraatuuf yeroo dhabu abdii dhaba; yeroo abdii dhabu ammoo fedhii jireenyaa, fedhii egeree isaa geeddaruu, maatii isaa geeddaruu, biyya isaa geeddaruufi kkf dhabaa deema. Namni hanga mul’ata qabutti jireenya mo’ichaa jiraata, injifataa deema; mul’ata dhabuun garuu jireenya kasaaraati. Umrii dheeraan illee akka mul’ata wajjin walqabatu qorannoowwangaraa garaa ni addeessu. Namootni waggaa dhibbaafi isaa ol jiraatan yeroo hedduu namoota muduraafi kudura sooratan utuu hinta’in namoota mul’ata qabaniidha. Namoota borii isaanii abdiin eeggatan, namoota ilaalcha ta’umsa (‘Positive’) qaban akka ta’e hubanna. Kanaaf mul’ata qabnaa? Mul’atni keenya maali? Yoo mul’ata qabna ta’e nama attamiiti?
- Namni mul’ataa nama jijjiiramaati
Namootni seenaa biyya lafaa keessatti jijjiirama fidan, eeggattummaa jalaa ba’anii dhalootas baasan namoota mul’ata guddaa qabaniidha. Addunyaa kana irraa namni hiyyeessiifi daran nama gaddisiisu nama mul’ata hinqabneedha.
Kanaaf Helan Kalar dubarri gurri hindhageenyeefi iji hinagarre gaaffii “Dhaga’uu dhabuufi arguu dhabuu keessaa kamtu hamaadha?” jedhamtee yeroo gaafatamtee “Iji argee mul’ata dhabuudha” jette. Mul’ata dhabuun hirkattuu nama taasisa. Addumaan biyya lafaa saffisa guddaan arreedaa jirtu kana wajjin socho’uuf mul’ata qabaachuun barbaachisaadha. Nama mul’ata qabu qofatu geggeessuu danda’a. Nama mul’ata qabu qofatu jijjiirama fiduu danda’a. Nama mul’ata qabu qofatu waan haaraa guyyaa borii keessa jiru, namoota hedduu jalaa kan dhokate arguufi agarsiisuu danda’a.
Namni mul’ata qabu halkan rafee kan abjootuufi ganama ka’ee kan hirranfatu miti. Guyyaa ilaalaa abjoota isa abjoote ammoo dhugoomsuuf ija hinlibsatu. Kanaaf bara keenya keessatti hirkattummaa, namoota beekumsa ga’aa hinqabneen dhaloota olii gadi hunkuraman akka hintaaneef mul’ata qabaachuun barbaachisaadha.
Sababiinsaas namootni mul’ata qaban akka urjii Kaabaati. Yeroo namoota jalaa kallattiin badu dukkana keessatti kanneen karaa beekaniifi kallattii agarsiisaniidha. Namootni mul’ata qaban rakkoo uumamuuf deebii ariifachiisaa qabu. Namootni mul’ata qaban callisanii gaara koru utuu hinta’in maaliif akka koran adda baasanii namoota beekaniidha.
Mul’atni balbala wajjiraa duratti fannisuurra caalaa bal’aa dha. Sababa waajjirri tokko jiraatuuf, eenyu akka ta’aniif maal ta’uuf akka tattaafataniifi maal akka adda isaan taasisu kan hammatuudha. Egaa mul’ata dhabuun kana hundumaa dhabuudha.
- Namni mul’ata qabu injifataadha
Nmani ‘Alexaander the Great’ jedhamu hanga mul’ata qabutti nama mo’ichaa ture. Yeroo mul’anni jalaa badetti loltootaan utuu hinta’in dhugaadhaan mo’ame, seenaan mo’ichasaas qodaa dhugaatii darbuu dadhabe. Mul’anni humna mo’ichaati. Mul’ata qabaannaan wanti namoota daangessu si hindaangessu.
- Namoonti mul’ata qaban namoota boriiti
Namni boriif hinqophoofne nama mul’ata hinqabne qofa. Mul’anni suura egeree yaada namaa keessa jiruufi kan namoota tarkaanfiif kakaasuudha. Mul’anni guyyaa har’aa boritti hidha. Namni mul’ata hinqabne kallattii hinbeeku. Doonii kompaasiin hinqabneedha. Dhaabbata tokko, biyya tokkoofi hawaasa tokko bakka olaanaan ga’uuf mul’atni barbaachisaadha. Sababiinsaas bakka yaadne tokko fedhuu keenya qofaan hingeenyu
Abirahaam Linkolin barumsaan hanga geggeessitoota Ameerikaa hedduusaanii hinga’u. Garuu seenaasaafi wantoota inni hojjete yeroo ilaallu namoota hundarraa kan adda isa baasu nama mul’ataa ta’uusaati. Nama abjuu qabu ture. Kanaaf nama ijaarsa hundee gaarii qabu dhaabu, adeemsasaa keessatti rakkoo isa mudatu sirriitti hubachuun nama irraa baratu, homtuu kan isa hindhaabne ture.
4. Namootni mul’ata qaban duuka buutota qaba
Geggeessaan mul’ata hinqabne duuka buutota sirrii qabaachuu hindanda’u.Geggeessitoonni biyya lafaa kana irraa deggertootaafi duuka buutota sirrii qabaatan namoota mul’ata qaban turan. Fakkeenyaaf Nelson Maandeellaan Afrikaa Kibbaa adiifi gurraachi walkabajanii jiraatan,Lechi Walessaa biyyi Poolandi hojjettootaan geggeeffamtu, Suusan B. Antoonii dubartootni Ameerikaa keessatti filachuufi filamuuf sagalee qaban arguu, Maartiin Luutar Kingi namni sababa bifasaatiin akka namaa gadiitti hinilaalamne ture.Kanaaf namoota isaanii wajjin hiriiran, aarsaa ta’uuf qophaa’an of duubaa qabu turan. Mul’atni lafa jiru duuka buutuu dhugaatu jira.
Egaa mul’atni baay’ee barbaachisaadha. Abjuu keenya utuu ijaan hinargin akka namoota %98 warra abjootanii utuu hojiitti hingeeddariin hafanii akka hintaane of eeggachuun gaariidha.
Zarihun Gabree
4 Comments to “Rakkoo addunyaa kan hiikan namoota qaariisiisanii ilaalan qofa!”