“Oromiyaan dirree olaantummaan seeraa itti mirkanaa’e akka taatun hawwa” -Aadde Loomii Badhoo Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Gaazexaan Bariisaa akkuma kanaan dura keessummoota guguddoo muuxannoonsaanii dubbistootaaf barumsa ta’a jedhee amane wajjin gaafdeebii gochuun dhiyeessaa jira. Maxxansa kanaanis Afyaa’ii Caffee Oromiyaa, Aadde Loomii Badhoo keessummaa godhachuun isinii dhiyeesseera.

Bariisaa: Aadde Loomiin eessatti dhalatan, baratan?

Aadde Loomii: Abbaa koo Obbo Badhoo Qumbii Irreessaafi harmee koo Aadde Dammee Korbuu Badhaasaarraan Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Dugdaa, Ganda Shubii Gamoo, Magaalaa Maqiirraa kiiloo meetira jaha fagaattee argamuttin dhaladhe. Maatiin magaalaatti waan galaniif mana barnootaa Kaatolikii magaalattiitti argamutti barumsa koo jalqabee achumatti xumure.

Sana booda Kolleejii Leenjii Barsiisota Adaamaa seenuun leenji’eera. Digrii jalqabaa barumsa Seeraatiin fudhadheera. Amma ammoo saayinsii hoggansaa liidarshiippiidhaan digrii maastarsii xumuraan jira.

Bariisaa: Isin maatii keessaniif intala meeqafaadha?  obbolaa meeqas qabdu?

Aadde Loomii: Warra kootiif intala hangafa. Obbolaa torban qaba (dhiira afuriifi dubara sadii).

Bariisaa: Aadde Loomiin umrii daa’imummaatti maal ta’uu hawwaa turan?

Aadde Loomii: Umrii daa’imumamatti barsiisummaan hawwaa ture. Kanumarraa ka’uunis hojii koo barsiisummaadhaanin eegale. Waan ummata keenyarras ta’e saboota biroorra ga’aa turerraa ka’ee ammoo olaantummaa seeraafi hanqina haqaatiin walqabatee keessumaa rakkoolee dubartootarra gahaa turerratti hundaa’uun barumsa seeraa barachuu hawwe; baradhes.

Maatiin akka hojii kabajuu qabnu ykn hojiidhaan cimnee bahuu qabnu nu gorsu. Waanin hangafa ta’eef miira ittigaafatamummaatiin waanin hojjechuu qabu hunda obbolaa kootiif karaa fakkeenya ta’uu danda’uunin hojjechaa ture.

Bariisaa:  Gama hojiitiin eessa eessa hojjettan?

Aadde Loomii: Sadarkaalee hoggansaa adda addaarratti hojjedheera. Gaggeessummaadhaan bulchituu aanaa, filannoo bara 1997tiin ummata Aanaa Dugdaa bakka bu’uun miseensa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa ta’uun marsaa tokkoof tajaajileera.

Bara 2003 hanga 2006tti Komishinara ittaantuu Komishinii Ittisa Balaafi Qophaa’ummaa Oromiyaa ta’uun hojjedheera. Sana boodas waggoota lamaaf komishinara komishinichaa ta’uun tajaajileera. Bara 2007 hanga 2008tti Hoggantuu Biiroo Daldalaafi Misooma Gabaa Oromiyaa, bara 2009 walakkaarraa eegalee hanga Fulbaana bara 2011ti Hoggantuu Biiroo Aadaafi Turizimii, Fulbaana darberraa eeralee ammoo Afyaa’ii Caffee Oromiyaa ta’een hojjetaa jira.

Bariisaa: Aadde Loomiin biyyasaaniif mul’ata akkamii qabu?

Aadde Loomii: Biyya kootiif keessumaa Oromiyaan dachee mirgoonni namoomaafi dimokraasii itti kabajame, walqixxummaan amantii, korniyaafi sabaa keessatti dhugoome arguudha.

Akkuma duudhaa sirna Gadaarraa dhaalletti aadaan, duudhaafi seenaan sun gabbachaa akka deemuudha. Akka biyyaattis ta’e Afrikaatti haaluma sirna Gadaatiin fakkeenya ta’aa turre duudhaaleen aadaa sirnicha keessa jiran guddatanii, kabajni nuti mirga namoomaafi dhala namaatiif qabnu karaa fakkeenyummaa qabuun sadarkaa itti mul’achuu danda’urratti waan hojjechuu qabnu hojjennee Oromoofi Oromiyaa sanaan beekamtu,  Oromiyaafi Oromoo qofa otoo hintaane biyyaafi ummatashii sadarkaa sanatti beekamtu, biyya hiyyummaadhaan, duubatti hafummaadhaan, beelaan gadadoodhaan, dhabamuu haqaafi nageenyaatiin beekamtu seenaashii jijjiruudha.

Hanqinoonni kunniin walduraa duubaan hiikamuun waantonni barbaachisoon itti dhugooman akka taatuuf akka nama tokkootti nan hawwa, kun mul’ata kootisi. Kanaafis anis akka nama tokkootti waanin hojjechuu qabu hojjechuudhaan qaamni biroos  waan tumsuu qabuun akka tumsuuf gahee koo bahadhee Oromoofi Oromiyaa egeree gaarii qabdu arguuf haaluma karoorfannee hojjechaa jirruun dhugoominaafi milkaa’inasaatiif hojjechuuf akka qabnu natti mul’ata.

Bariisaa: Otoo gara hoggansaatti hindhufiin, “Otoon hoggansa ta’e kanafaan sirreessa” jettanii beektuu?

Aadde Loomii: Hoggansa ta’uun ittigaafatamummaa guddaa of keessaa qaba. Gaafa hoggansatti dhuftu waanti dhimma dhuunfaa jedhamu namatti hinmul’atu. Kun ammoo dubartummaa wajjin ittigaafatamummaa dachaa ta’a. Miirri, “Anis nan danda’a” jedhu hunda keessatti dagaaguu qaba. Keessumaa dubartiin hindandeessu ykn dubartiin waan sektara kana qabatteef hojiin boodatti hafe akka hinjedhamneef xiiqiifi miirri cimaan keessoosaaniitti uumamu jira.

Barsiifatawwan boodatti hafoodhaan walqabatanii waantonni dubartootarra gahaa turan hedduudha. Dinagdeedhaanis qixa fayyadamuurratti hacuuccaafi dhiibbaan tureera. Kun akka sabaattis ta’e korniyaatti dubartootarratti raawwatamaa tureera.  Kanaanis otoon hoggansa ta’ee barmaatilee miidhaa qaqqabsiisan akka dubartummaa kootti qaama dhimmi ilaallatu wajjin seerota bahan keessatti haa ta’anii ykn eddii bahanii sirnaan akka hojiirra oolaniif waan narraa eegamu gumaachuuf qophaa’uun qaba, nin hojjedhas waan jedhu yaadaan ture.

Ummanni keenya fakkeenyaaf naannawan itti dhaladhetti gartokkeen horsiisee bulaadha. Omishni bal’inaan argama. Omisha jallisii gannaa bona argamu yeroo hunda qonna ykn loon horsiisuu malee achi keessaa bahamee daldala ykn hojii biraatti seenuuf fedhiin hinjiru. Maatiidhuma koorraa ka’ee yoon ilaale Rabbiif haa galatu! qonnaan bulaa adda dureedha hundisaanii.

Horsiisas ta’e qonna ammayyaatiin abbaafi obbolaan koo warra badhaafamaniidha. Kallattii maraan waltaanee ciminaan otoo hojjennee jijjiirama ni fidna jedheen yaada. Kanarraa ka’uun barsiisummaa maddiitti DhDUO kaleessaa ODP har’aatti makamee waanin hojjechuu qabu sadarkaa sadarkaadhaan hojjedhee sadarkaa kanarra gaheera.

Bariisaa: Biyyaafi ummata ofiitiif of kennanii hojjechuurratti keessumaa gama kaka’umsaatin hoggantoota si’anaarraa maal taajjabdu?

Aadde Loomii: Namni waa hundaan guutuu miti. Hamma danda’ametti garuu hojii kootiin yoomiyyuu namaa gadi ta’uu hinbarbaadu. Dabalataan akka qaaniitti kan natti dhagahamu waan dubartii taateef kana gochuu hindandeenye waanti jedhamu sun anarratti dhiisii dubartoota biroorratti akka raawwatamu gonkumaa hinfedhu. Waan akkasii dhagahuullee hinbarbaadu.

Waanin dubartii ta’eefiin akkana akkas ta’e/ godhe jedhanii yoo kaasan daran natti dhagahama. Kan nama dhibu ammoo jalqabuma barumsarratti haa ta’uu eddiin gara geggeessummaatti dhufee guyyuma tokkollee waanin dubartii ta’eef kana hindanda’uu laata, kun na harkatti laafee laata jedhee hinbeeku.

Yoon milkaa’es waanin hojjedheefi, ejjennoo jedhuun qaba. Yoo tarii qaawwi wayii uumame sadarkaan ilaaluu qabuun waanin hinilaalleef  rakkoon kun na qunnamen jedha malee waanin dubartii ta’eefi, waanti jedhamu sun daqiiqaa tokkoofillee keessa kootti uumamee hinbeeku.

Kanarraa ka’uun keessumaa hoggantoota biroo biratti eddiin gara geggeessummaatti dhufee, bara 1996 kaasee geggeessummaarran jira. Amma haala mijaa’oo danuutu jiru. Oggaan bulchituu aanaa turetti aanaan tokko gandoota 60 hanga 65 qaba ture. Kaabineen namoota shanii jaha. Sektaroota hanga 50 ta’antu ture. Har’a garuu yoo baay’ate gandoota 30tu jira. Kanaaf yeroo ammaa hoggansi dhiiraas ta’e dubartii haala mijataa uumameen keessumaa waggoota darbanitti Oromoofi Oromiyaaf bara 2006 irraa kaasee haalli keessa turre ulfaataadha.

Bu’aa bahii sana hunda keessa darbamee, achi keessattis warri nu biraa harca’anii hafan kaayyoo ganama manaa bahaniif dagachuun, fageessanii ilaaluufi yaaduurra akkasumas faayidaa waliigalaa ykn kan sabaarra kan dhuunfaarratti waan xiyyeeffataniif rakkoon mudataa ture. Ta’us harki caalu gatii hanga lubbuutti kanfalamuu qabu kanfaluun sammuusaanii cuunfanii hojjetaa turaniiru.

Keessumaa haaromsaa as haala mijataa akka paartiittis ta’e mootummaatti uumameen akkasumas fudhatama ummata biraa argameen akkamitti fayyadamaa jirra jennee yoo ilaalle waanti sektaroota tokko tokko biraa mul’ataa ture ammaan tana cabaafi dadhabaa yeroo dhufetti akkamiin deemaa jira jennee oggaa ilaallu kanaan olitti hojjechuu akka qabnu namatti agarsiisa.

Waan haaraa uumanii hojjechuu mitii isuma karoorfame milkeessuurratti kaka’umsiifi kutannoon jiru quubsaa miti. Sadarkaa jijjiiramaa biyyi irra jirtuufi ummanni barbaadaa jiru hubachuu dadhabuun, haaluma kaleessaa keessa turuun, achi keessaa bahuu dadhabuun, haala addunyaan irra jirtu, haala biyyi keenya eessa gahuu qabdi jedhu jiddugaleessa godhatanii hojjechuurratti warri ta’e jedhaniis ta’u waan hojjechuu qaban raawwachuurratti ammas waanti hafu akka jiru nan arga.

Haalli amma keessa jirru carraa lammata argamu waan hintaaneef hunduu kanatti fayyadamee of jijjiiruun naannoo, biyyaafi ummata jijjiirame uumuuf tattaafachuu qaba. Haaluma sanaan ammoo kanneen otoo fayyaafi maatiisaaniitiif hin yaadiin hojiisaaniitiif dursa kennanii halkanii guyyaa hojjechuun fageenya dheeraa deeman jiru. Inni duubatti hafe isaan fakkeenya godhachuun waan irraa eegamu hojjechuu qabu yoo hojjete gaariidha.

Bariisaa: Aadde Loomiin yaada ofii tartiibaan ibsachuurratti cimtuudha jedhamuutii muuxannoon kun eessaa dhufe?

Aadde Loomii: Eeyyee, namoonni baay’een akkas jedhu. Barumsa kootiin barattoota fooyyee qaban keessaa tokkon ture. Waanin al tokko qabadhe dafee hindagadhu. Eddiin itti amanee waan sana jalqabee milkeeffachuuf baay’een tattaafadha. Namoota yaadnisaanii na hawatu, haalli hoggansasaanii natti tolu yoon argadhe nan fudhadha;hordofas.

Hundaa ol waanin jalqabe tokkoof jireenya dhuunfaa koo keessattis ta’u hojii mootummaa keessatti xiyyeeffannoo guutuudhaan harcaatii tokko malee raawwachuuf hanga humna koo nan tattaafadha. Tokko haalichi kanarraa madda jedheen yaada. Lammaffaa uumamuma kootiin baay’ee dubbachuu hindanda’u. Ergaan dabarfachuu qaburratti garuu nan haasa’a. Dubbachuurra baay’ee dhaggeeffachuutu natti tola; akkaataan maatiin itti na guddises baay’ee dubbachuurra baay’ee akkan dhaggeeffadhutti waan ta’eef.

Ergaa gaarii dabarfachuuf dursanii sirriitti dhaggeeffachuun akka barbaachisu ittin amana. Waa qixeessee qabachuuf fedhiifi kaka’umsa olaanaan qaba. Akkasumas ittigaafatamummaa naa kenname yoon dhiiseen deema ta’e dhiisee deemuun qaba. Kanaa achi yoon hojjedhe sadarkaa nama madaaluun waan biyyaafi ummata koo gammachiisuufi fayyadu, waan paartiifi mootummaan bakka bu’ee hojjedhu milkeessuu akkan danda’u mirkaneessaa deemuun qaba malee maqumaaf waajjira seenee bahuu hinqabu.

Akkuman irranatti jedhe yaada sirnaan qixeessanii dabarfachuuf maatiin keessatti guddattes murteessaadha. Kanaaf ammoo hunda caalaa abbaan koo waan guddaa naa gumaacheera. Abbaan keenya namni hojii irratti bobba’e kamiinuu duubatti hafuu hinqabu miira jedhuun nu guddisan.

Fakkeenyummaan fuulduratti deemuu qabdu jechuun nu onnachiisaas turan. Kun keessoo koo waan jiruuf natti fakkaata milkaa’inni kun kan argameef. Gaafan waa hir’ise keessi koo natti hima. Baay’ees natti dhagahama. Haalli akkanaa akka irra hindeebi’amneef nan eeggadha. Geggeessitoonni dubbisaniifi dhaggeeffatan daran milkaa’oo akka ta’an hubadheera. Warren faallaa kanaan jiraniifi kan ofii malee waan namni jedhuun hindhageenye hojii kennameef raawwachuurratti hanqina qabu. Kan koo baay’ee dhaggeeffachuufi dubbisuurraa madde jedheen yaada.

Bariisaa: Of kennaniifi amanamanii hojjechuurratti hoo maal jettu?

Aadde Loomii: Hamman danda’etti sa’aatii hojii mootummaa qofa eegeen hojjedha waan jedhu hinqabu. Haalli hojii koo daangaa kanaan ala na hojjechiisa. Amalli hojichaa akkan ofii barbaaddetti kan deemu miti. Keessumaa haala ammaan tana biyyattiis ta’e Oromiyaa keessa jiruun walqabatee har’a waajjiratti kanan hojjedha jedhamee yoo qabame haala sanaan deemuu dhiisuu danda’a. Sanaan walqabatee gara godinafaa deemuun ni jiraata ykn asumatti waltajjiin biraa uumamuu danda’a.

Hanga danda’ametti garuu barsiifanni dhuunfaakoo yoo hojiin dabalataa naa kennamellee hojii sektara itti ramadamnee tokkoffaa taasisnee raawwachuudha. Kana warri seektaroota adda addaatti wajjin hojjenne ragaa naa bahu. Inni dabalataa gareedhaan abbaa qabaatee waan hojjetamuuf tartiibasaa eeggatee itti deemamuu qaba ejjennoo jedhun qaba. Waan walgargaarru walgargaaraa hojii idilee keenya haa hojjennun jedha.

Waltajjiirra taa’ee dhimmi waajjira kootiin walqabatu yoo naa dhufe yaadannoo qabadheen hojiirra oolchuuf yaala. Bilbilees miiltoowwan kootti nan hima. Sanas otoo walirraa hinkutiinin hordofa. Hojii muddaan jiraannaan sa’aatiin seensaa, laaqanaafi bahiinsaa dirqama eegamuu qaba jedhee hin yaadu. Sanbattanis akkasuma. Ejjennoon koo namni bakka itti ramadametti dhiigsee hojjechaa kan walgargaaruu qaburrattis dhibaa’ummaa tokko malee hojjechuu qabna kan jedhuudha. Hoggansi siyaasaa haala jiru keessatti mijeeffatanii hojjechuu barbaada. Waajjiran itti ramadametti faakkeenya gaarii ta’uun barbaada. Hojjetaa hoggannu wajjin yeroowwan adda addaatti waltajjii uumnees ta’u tooftaalee birootiin walagarree ni mariyanna.

Bariisaa: Haaromsaa as hordoffiifi to’annoon Caffeen Oromiyaa raawwachiistotarratti taasisu haala kamiin ibsama? Ga’umsi miseensotaa hoo?

Aadde Loomii: To’annaafi hordoffiin caffichi raawwachiistotarratti taasisu fooyya’ina qaba. Waantonni waggoota afran darbanitti hojjetamaa turan akka jalqabbiitti gaariidha. Sababinsaas ummata biraa fedhiin rakkoon bulchiinsa gaarii akka hiikkatuuf jiru akkasumas gaaffiii ummata biraa ka’aa dhufe sana eenyuunuu olitti qabatee yaadicha tarkaanfachiisaa kan ture miseensota Caffeeti.

Miseensi caffee yaa’ii caffeerratti keessumaa dubartoonni godinaalee Oromiyaa adda addaarraa dhufan haala kamiin hirmaachaa akka turan ni beekama. Kanarraa ka’amee akka mootummaatti xiyyeeffannaan addaa kennameefii qaamoleen mootummaa sadanuu imaammatoonniifi tarsiimoowwan akkasumas sagantaafi karoorri bahee hirmaannaafi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu keessatti sadarkaa kamiin hojiirra oolaa jiru kan jedhurratti akka bakka bu’ummaasaatti hordofuu kan danda’u caffeedha.

Kanarraa ka’uun miseensonni caffee karaa koreewwan dhaabbii saddeetiin raawwii hojii raawwachiistotaa sektara sektaraan qoodanii kurmaana kurmaanaan ni qoratu. Waggaatti yeroo lama ummata bira deemuudhaanis ni mariisisu. Raawwachiistonni caffeetti akka ka’umsaatti gargaaramaa turan; jirus.

Ummanni hirmaannaafi fayyadamummaarratti maal akka jedhu nu biraa odeeffannoo argatu. Gama to’annoofi hordoffiitiinis iddoo tarkaanfiin fudhamuu qabutti ni fudhanna. Sadarkaa Caffeetti iddoo rakkoon nageenyaa ture ilaalcha keessa galchuun haala ittifufiinsa qabuun hordoffiifi to’annaanfi deggarsi ni taasifama, duddeebiinis ni kennama. Kanaanis sektaroota fooyya’insa agarsiisanifi hinagarsiisne jedhamee ilaalamuun duddeebiin kennamaa ture. Kanaaf adeemsi gama kanaan jiru akka caffeetti fooyya’ina kan qabuudha.

Bariisaa: Sektaroota dubdeebii kennameef irratti caffeen tarkaanfii akkamii fudhateera?

Aadde Loomii: Akkuman irranatti ibse qophaa’ummaan gama sektarootaatiin jiru gaariidha. Kun ta’uun ammoo fedhii qofa otoo hintaane dirqamasi. Fedhiin ummataa dabalaa waan dhufeef hoggansi jijjiiramaa sektaroota geggeessus haaluma barameen geggeessuu keessaa bahee haala qabatamaa sadarkaa sadarkaan jiru hubatee hoggansa kennuu qaba.

Kanaanis dubdeebii caffeen kennus akka galteetti waan fudhataniif guutummaatti keessa darbineerra jechuu baannus rincicummaan baay’inaan hinjiru. Fakkeenyaaf sektaroota fayyaa, qonna, barnootaa, manneen murtiinfaa galtee caffeen kennuuf fudhatanii hojiitti hiikuurratti fedhiifi kaka’umsa gaariitu jira.

Miirri waldorgommiilee uumamaa waan jiruuf taateen gara tarkaanfiitti nu geessu hinuumamne. Akka dhuunfaatti namoonni waan kennameef fudhatanii hojiirra oolchuurratti hanqina qaban ni jiru. Isaanis waamnee sadarkaa geggeessaa koree dhaabbiitti, darbees akka hoggansaatti ragaa jiru qabannee ni qoranna, akka sirreeffatuufis kallattii itti agarsiisna. Miirri ammaan tana qaamolee mootummaa sadan biru jiru haala kamiin walutubnee fuulduratti tarkaanfanna kan jedhuudha.

Bariisaa: Labsiiwwaniifi danbiiwwan caffichi baasu dafanii ummata biraan gahuurratti maaltu hojjetamaa jira?

Aadde Loomii: Akkuma jedhame gama kanaan rakkoon jira. Hojiiwwan caffeen hojjetu keessaa inni ijoon seera tumuu qofa otoo hintaane qaqqabdummaasaaniirrattis hojjechuudha. Sadarkaalee biyyaattis ta’e naannootti seerota baay’eetu bahaa jiru. Garuu ummata bira qaqqabaa hinjiran. Haala rakkoon kun hiikamuu danda’urratti xiyyeeffannaan hojjetaa jirra. Kanaanis wiirtuuleen maxxansaaleen seeraa itti gurguraman Waajjira Caffeefi Adaamaatti darbees sadarkaa aanaaleetti banuuf hojjetaa jirra.

Harkafannaan maxxansa seerotaarra tures akka fooyya’u taasisneerra. Waajjira Caffeetti daarektoreetiin dhimma kana hordofu hundaa’ee hojjetaa jira. Dhimma kanarratti Abbaa Alangaafi Mana Murtii Waliigalaa wajjin dhiyeenyaan hojjetaa jirra. Hanqinni kun bara ittaanu guutummaatti ni hiikama. Seeronni bahan hundi haalatti kalliittiilee Oromiyaa afran akka qaqqaban ni taasifama. Seerota bahan websaayitii Caffeerrattis gadidhiisaa jirra. Hanga ammaattis seeronni 200 caalan websaayitiirratti gadilakkifamaniiru. Qaqqabummmaa kana “eLibrary”dhaan utubuufis hojjetamaa jira.

Bariisaa: Seerota afaanota adda addaatiin jiran gara Afaan Oromootti hiikuuf hoo maaltu hojjetame?

Aadde Loomii: Seerota amala addaa qabaniifi sadarkaa federaalaatti qophaa’an gama Afaan Oromootti hiikuutiin waanti xumurame hinjiru. Hiikanii ummata biraan gahuurratti akkasumas heerri keenya waan jedhuuf akkamitti qaqqabsiisuu dandeenya waan jedhurratti akkasumas seerota fayyadamummaa ummata keenyaa daangessan kamfaa akka ta’an addaan baasuuf Abbaa Alangaa Waliigalaa wajjin qorannoon geggeeffamaa jira.  Caffeenis adeemsa kana hordofaa jira.

Bariisaa: Caffeen Oromiyaa otoo ergamoota guguddoo qabatee jiruu waggaatti al lama ykn sadii qofa taa’uunsa gahaadha jettuu?

Aadde Loomii: Yaa’iin Caffee waggaatti al lama ykn sadii haa geggeeffamu malee sadarkaa koree dhaabbiitti qorannaan hojii kurmaana kurmaanaan geggeeffama, daaw’annaan dirree ni adeemsifama. Ji’a jaha jahaan ummata dubbisuuf waltajjin ni qophaa’a. Yeroo kanatti qabeenya kanaaf bahu daran olaanaadha. Yaa’ii tokko geggeessuuf muuxannoo hamma ammaatti jiruun jiddugalaan hanga qarshii miliyoona 5.4 baasii ta’a. Sagantaan supparvizhinii tokko hanga qarshii miliyoona 1.5 baasisa.

Oromiyaa bal’oo sektaroota 60, godinoota 20, bulchiinsa magaalotaa 19, aanaalee 334fi gandoota kuma torbaafi 430 qabdu haala kanaan bira gahuuf baasii guddaa waan gaafatuuf malaan itti deemamaa jira. Kanaaf haala qabatamaa amma jiruun gahaadha jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Caffeen dandeettii miseensotasaas ta’e kan manneen marii sadarkaan jiranii guddisuuf maal hojjete?

Aadde Loomii: Dandeettii miseensotaafi manneen marii sadarkaa sadarkaan jiranii gabbisuun toorawwan xiyyeeffannoo caffichaa keessaa isa tokko. Seera tumamurratti, komii ummataa akka dhaggeeffatu gochuurratti hojjetameera; hojjetamaas jira. Qaamoleen kunniin keessumaa barana carraa qabeeyyii turan jechuun ni danda’ama. Gaheen caffeefi manneen marii seera baasuu, qaqqabummaa seeraa mirkaneessuu, walitti bu’iinsa uumame hiikuutiin, deggarsa, hordoffiifi to’annootiin maal fakkaachuu qabu kan jedhurratti hayyoota ciccimoodhaan leenjiileen heddu kennamaniiru. Afyaa’otaafis leenjiin kennameera. Kanaafis dubdeebiin miseensota ta’e raawwachiistota sadarkaan jiran biraa argamaa jiru daran onnachiisaadha.  Waan karoorfanne keessaa waltajjii qaamolee mootummaa sadanii qofatu gara gannaa kanatti ce’e.

Bariisaa: Argannoo Manni Hojii Odiitaraa dhiyeessurratti Caffeen tarkaanfii akkamii fudhata?

Aadde Loomii: Barana argannoorratti hojii guddaa hojjenneerra. Argannoowwan pirojektota guguddoofi ittifayyadama bajata mootummaatiin walqabatanii dhiyaatan ni jiru. Bajata bara 2011f ramadame keessaa harki 93 ol hojiirra ooleera. Hanqinni xiqqaan kan mul’ate bajata kaappitaalaarratti. Raawwi bajata marmaartuutiin dhibbantaa 97.56 irra jirra. Kan himannaan irratti baname naannawa qarshii miliyoona 18.2 ta’uudha. Kana keessaa harka 30 kan ta’urratti murtiin kennameera. Walumaagalatti caffeen, komishiniin farra malaammaltummaafi manni hojii odiitii qisaasama qabeenyaarratti araarama tokko malee hojjetu. Waggaan eegamee yaa’iidhaaf dhiyeessuu qofa otoo hintaane adeemsasaa hordofuurratti wajjummaan hojjechaa jirra.

Bariisaa: Faayidaa foramii afyaa’otaa waggaa waggaadhaan naannolee adda addaatti geggeeffamuu otoo nuu ibsitanii? Keessumaa kan barana Magaalaa Maqaleetti geggeeffameen walqabsiisatanii.

Aadde Loomii: Foramiin afyaa’otaa sadarkaa sadarkaadhaan jiraachuun daran barbaachisaadha. Faayidaa guddaas qaba. Muuxannoon waljijjiiruufis ni gargaara. Aadaa wajjummaan hojjechuu, sirna hordoffiifi deggarsaa walii qooduuf gargaara. Hariiroo akka sabaattis ta’e hoggansaatti jiru cimsuufis ni gumaacha. Foramiin kun akka Oromiyaattis sadarkaa godinaaleetti ni jira. Sochiilee hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa naannolee jidduu jiru wajjummaan geggeessuu keessatti iddoo olaanaa qabaata.

Bariisaa: Dhaabiinsa biqiltuu biliyoona afurii akka biyyaatti qabame milkeessuu keessatti shoorri miseensota caffichaa akkamitti ibsama?

Aadde Loomii: Sagantaa kana milkeessuu keessatti miseensota caffeerraa waan guddaatu eegama. Miseensonni kunniin ofii hirmaataa hawaasa hirmaachisuun shoorasaanii ni bahatu. Akkuma Ministirri Muumeen Abiyyi ibsanitti, Oromiyaan gama dhaabiinsa biqiltuu kanaan dursaa waan jiruuf kana caalaatti milkeessuuf miseensi caffee ittigaafatamummaa dachaa isaanirra jiruun dirqamasaanii ni bahatu amantaa jedhuun qaba.

Miseensi caffee 534 biqiltuu dhaabee kunuunsuudhaan hawaasa bakka bu’eef fakkeenya ta’uu qaba. Warra kaanis qabatamaan hirmaachisuun irraa eegama. Dhaabiinsi biqiltuu miseensota kanneen hirmaachise har’a Adaamaa, Naannawa Galma Abbaa Gadaatti ni geggeeffama. Kanaanis miseensi tokko hanga biqiltuuwwan 20 ni dhaaba jedhamee eegama.

Bariisaa: Lakkooftuun sagalee galma Caffeetti argamu eddii hojii dhaabee bubbuleeraatii sababnisaa maali jettu?

Aadde Loomii: Maashinichi rakkoo sistamii mudateen hojii dhaabeera. Dhaabbata wayiitti himnee qarshii guddaa nu gaafate. Ta’us bara bajataa kanatti kutaa kutaadhaan sirreessisuuf qorachiisaa jirra.

Caffeen Oromiyaa raawwii karoora misoomaa, rakkoolee bulchiinsa gaarii, nageenyaafi kkfn bara 2011tti qabame keessaa maaltu akka milkaa’eefi hafe walumaagalatti raawwii hojiilee guguddoo ni qorata. Kallattii hojii bara ittaanurratti ni mari’ata.

Bariisaa: Hawwiin keessan?

Aadde Loomii: Hawwiin koo kutaan hawaasaa hundi tibba gannaa kanatti hojii bu’aa qabeessa hojjetee misoomaan, nageenyaan caalee tokkummaadhaan cimee waa hundaan fakkeenya ta’ee fuulduratti akka tarkaanfatudha. Hundarra ammoo Oromiyaan dirree olaantummaan seeraa itti mirkanaa’e, hariiroon sabootaafi sablammootaa itti dhugoome akka taatun hawwa.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Oromiyaan dirree olaantummaan seeraa itti mirkanaa’e akka taatun hawwa” -Aadde Loomii Badhoo Afyaa’ii Caffee Oromiyaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *