Arba Minci Naannoo Kibbaatti, magaalaa guddoo Godina Gaamooti. Barsiisaan Yunivarsitii Arba Minci, Doktar Saamu’eel Gondaree akka jedhanitti, maqaan magaalaa kanaa ‘Arba Minci’ jedhamee kan moggaafameef sababa qaba. Akkuma maqaansaa ibsu burqituuwwan 40tu gaara Gaantaa jalaa madda.
Kana irraa ka’uudhaan maqaan magaalattii ‘Arba Minci’ jedhamee moggaafame. ‘Arba Minci’ jechuun ‘Burqituuwwan Afurtama’ jechuudha. Burqituuwwan kunneen ammayyuu ni jiru. Akka isaan hingogneefis hojiin biqiltuuwwan dhaabuufi kunuunsuu gaaricharratti adeemsifamaa jiraachuu himu.
Magaalaan Arba Minci, Paarkii Biyyaalessaa ‘Nacci Saar’, bosona, gaarreen, bineensota bosonaa, horsiisa naachaafi qurxummii, omisha maangoofi appilii akkasumas haroowwan Abaayaafi Caamootiin beekamti. Magaalattiin miidhagina uumaan gonfachiiseen kan badhaate waan taateef hawata tuurizimiif daran filatamtuudha jedhu Doktar Saamu’eel.
Haroowwan kunneen madda hawata tuurizimii magaalattii isaan ijoo waan ta’aniif yunivarsitichi qabeenyawwan uumamaa magaalattii eeguufi kunuunsuurratti xiyyeeffannaa olaanaadhaa hojjechaa jira kan jedhan Doktar Saamu’eel, aramaa ‘Imbocii’ Haroo Abaayaarratti mul’ate dhabamsiisuufis hawaasa waliin ta’uun hojjechaa kan jiran ta’uu himu.
Natsaannat Taaddasaatiin
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011
10 Comments to “Maaliif jedhame?Arba Minci”