Kallattiiwwan guddina dinagdee Itoophiyaa

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Wiixata darbe walga’ii ariifachiisaa gaggeesseen baasii bajata waliigalaa mootummaa federaalaa qarshii biliyoona 386.95  raggaasiseera. Kana keessaa baasii bajata idileetiif qarshii biliyoona 109.9, kaappitaalaaf qarshii biliyoona 130.71, deggarsa naannoleetiif biliyoona 147.77fi maniiwwan misooma waaraa raawwachiisuuf qarshii biliyoonni 6.62 ramadameera.

Bajata waliigalaa kana keessaa dhibbantaan 63.3 duraa duubaan sektaroota misooma barnootaa, daandii, qonnaa, bishaan, fayyaafi  misooma magaalotaatiif ramadamuusaa Koreen Dhaabbii Dhimmoota Galii Bajataafi Faayinaansii mana marichaa ibseera.

Dhimma kanarratti Ministirri Muummee RFDI, Abiyyii Ahmad (‘PhD’) walga’icharratti argamuun gaaffiilee miseensota mana maricharraa ka’aniif deebii kennaniiru. Guddina dinagdee waggoota darban keessa galmaa’aa turan caalaatti si’eessuufis bara 2012tti kallattiiwwan guddina dinagdee mootummaan hordofuu qabu bal’inaan kan ibsan yoo ta’u, akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Itoophiyaan waggoota 15n darbaniif guddina dinagdee ariifachiisaa galmeessisaa turtus rakkooleen walxaxaa ta’an hedduun turaniiru. Ta’us, mootummaan humnaafi kaappitaala keessaafi alaan qabu walitti dabaluun tattaaffii olaanaa taasisaa kan ture yoo ta’u, kanaanis bu’aawwan mul’achuu danda’an akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Yeroo ammaa gufuuwwan guddina dinagdee biyyattii duubatti harkisaa jiran hedduu yoo ta’an, isaan keessaa qaala’insi gatii isa ijoodha. Qaala’insa gatii yoo jedhamus humna ykn kaappitaala ittiin sirna bittaafi gurgurtaa keessatti hirmaatan dhabuu jechuudha.

Kunimmoo waggoota darban keessa fedhiifi dhiyeessiin sirna gabaa keessa ture walmadaalsisuuf hojiileen hojjetamaa turan laafaa ta’uu kan mul’isuudha. Kanaaf garaagarummaa fedhiifi dhiyeessii omishaalee gidduu jiru furuun jireenya lammiilee kan akka fooyyessu hubatamuu qaba.

Kana waliinis imaammataafi ittifayyadama maallaqaa mootummaan haalaan hojiirra oolchuuf haala hawaasa hirmaachiseen ta’uu qaba. Kunimmoo maallaqa hedduu sirna gabaa keessa jiran haalaan faayidaa ummataarra akka oolaniif kan gargaaru yoo ta’u, kana toora qabsiisuuf Baankiin Biyyaalessaa qajeelfamaafi hojmaata haaraa qopheessaa kan jiru ta’uu beekamuu qaba. Kunis daldaltoota seeraan ala omishaaleefi shaqaxoota addaddaa kuusuun qaala’insa gabaa hammeessan to’achuuf kan gargaaru waan ta’eef xiyyeeffannoon hojjechuu gaafata.

Gama biraatiin ammoo rakkoolee tajaajilaa elektirikiifi loojistikii waliin walqabatanii jiran furuunis dhimma murteessaa waan ta’eef mootummaan xiyyeeffanoo olaanaadhaan kan hojjetu ta’a. Tajaajila elektirikii argachuuf fedhiin ummataa yeroodhaa yerootti daran dabalaa waan dhufeef lammiileen jireenya guyyuusaanii gaggeeffachuuf humna elektirikiirratti akka hirkatan ta’eera. Hanqinoota gama kanaan jiran furuuf dhaabbileen dhuunfaa damee kanarratti bobba’anii akka hojjetaniif carraan akka isaaniif banamu godhameera.

Kanaanis wayita ammaa abbootiin qabeenyaa damee inarjii qilleensaarratti(geothermal energy) bobba’uuf fedhii agarsiisaa waan jiraniif, mootummaan hirmaannaa ummataatiin milkeessuuf tattaaffii gochaa jira. Hojmaata lojistikiitiin walqabatanii jiran ammayyeessuuf meeshaaleefi shaqaxoota addaddaa kanneen akka boba’aa, xaa’oofi midhaanota dheedhii buufata dooniirratti kuufaman hir’isuun murteessaadha. Kana gochuuf ammoo fakkeenyaaf xaa’oo bal’inaan biyya keessatti omishuuf hojiitti galameera.

Adeemsa kana keessatti rakkooleen danuun jiraataniyyuu mootummaan haala ummata hirmaachiseen kan hojjetu taanaan milkeessuun ulfaataa akka hintaane hubachuun gaariidha. Kaayyoonsaa inni guddaanis sirni gabaa biyyattii keessa jiru lammiilee harka qal’eessa ta’anirratti miidhaa akka hinqaqqabsiisneef hojjechuudha.

Keessumaa ammoo wantoota qaala’insa jireenyaa hammeessan keessaa tokko kiraa manaa waan ta’eef kana to’achuuf mootummaan qorannoo adeemsisaa jira. Hundarra garuu mootummaan fedhiifi dhiyeessiin walunatanii akka deemaniif omishaafi omishtummaa guddisuun barbaachisaadha. Sirna gabaa biyyattiis to’achaa deemuun dhimma murteessaadha.

Fandii marmaartuu dargaggootaa ilaalchisees haalaan hojiirra waan hinoolleef bu’aan barbaadamu argamuu hindandeenye. Kunimmoo dargaggoota hojii keessa seenanii jireenyasaanii akka fooyyeffataniif hojiileen hojjetamaa turan laafaa ta’uukan mul’isuudha.

Kanaaf dargaggoota gurmeessanii hojii keessa galchuu qofa osoo hintaane hordoffiifi to’annoo walirraa hincitne gochuunis murteessaa ta’uun hubatamuu qaba. Gama kanaan mootummaan bara 2012tti dargaggoota miliyoona sadii ta’aniif carraa hojii uumuuf karoorfateera. Mootummaan federaalaafi naannolee, hoggantootni, abbootiin qabeenyaafi hawaasni tumsuun irraa eegama.

Pirojektota baasii mootummaafi faayinsaansii dhaabbilee addunyaatiin hojjetaman ilaalchisees mootummaan xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjechaa tureera. Bara 2012ttis mootummaan pirojektota haaraa bocee hojjetaa waan jiruuf ciminaan kan itti deemamu ta’a. Fakkeenyaaf, Finfinneetti qarshii biliyoona 10n pirojektootni mana dubbisa kitaabaa ummataa (‘public library’)fi paarkii Adwaa eegalamaniiru. Misooma invastimantii saffisiisuufis mootummaan yeroo kamuu caalaa kutannoon ni hojjeta.

Bulchiinsa qabeenyaatiinis walqabatee waggoota darban keessa rakkoolee heddu turaniiru. Keessumaa qabeenya lafaa, humna namaafi kaappitaalaan walqabatee hanqinootni turan walxaxoo waan ta’aniif furamuu qabu.

Itoophiyaan rakkoo qabeenya lafaa yoo hinqabaannes qabeenya murtaawaa kana haalaan itti fayyadamuurratti garuu hanqinootni turaniiru. Kaappitaalli jirus qisaasamaa tureera. Kanaaf tokko tokkoon lammiilee qabeenya biyyattiin qabdutti sirnaan fayyadamuuf karoorfannaan yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama fiduun ni danda’ama.

Walumaagalatti, misooma dinagdee biyyattii saffisiisuuf mootummaan xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojiitti seeneera. Hirmaannaan ummataas murteessaa waan ta’eef, hoggantootni sadarkaa sadarkaan jiran, abbootiin qabeenyaafi dargaggootni  tumsa gochuu akka qaban gaafatameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

8 Comments to “Kallattiiwwan guddina dinagdee Itoophiyaa”

  1. Pingback: lsm99live.net
  2. Pingback: Diyala Bauc14
  3. Pingback: oxbar
  4. Pingback: Jaxx Liberty
  5. Pingback: Sevink Molen

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *