Hantuutni qomoo dhiba shanii ol qabdi. Addunyaa irratti baayyi’nni hantuutaa kan namaa wajjin walqixa. Hantuutni dhukkuba dabarsuudhaan kan beekamtu yoo ta’u, badii guddaa qabeenyaarraan geessi. Fincaan ishees dhukuba Weyilis (weilis disease) jedhamu fiduudhaan du’aan nama ga’a.
Wanti hantuutni hinyaaneefi keessaa hin lixne hinjiru. Shiboo elektirikii ni nyaatti, ujummoo bishaanii keessas ni lixxi. Alaafi mana, xiyyaaraafi konkolaataa hinjettu. Bakka hundatti argamti. Kanaan dura sababa hantuutaatiin Xiyyaarotni Afrikaa sadi kufudhaan namoota hedduu galaafataniiru.
Haantuuni waaggaatti ilmaan saddeeti dhalti. Ilmooleen dhalatanis torban sadii keessatti of danda’u. Dhalatanii ji’a sadii keessatti wal horuu jalqabu. Kana malees wanta haarawaa argan mara kan shakkan waanna ta’eef utuu inturin maalumaa Kiyyoo baranii irraa fagaatu.
Maddi: (Riidarsi Daayijesti)
Tashoomaa Qadiidaatiin
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011
2 Comments to “Hantuutaafi jireenya ishee”