Haaromsa biyyattiitti adeemsifamaa jiruuf hiriirri deeggarsaa Ameerikatti bahame

Finfinnee: Sochiin jijjiiramaafi haaromsi biyyattiitti eegalame jajjabeessuurratti xiyyeeffate sababeeffachuun hiriirri deeggarsa Ameerikaa Kaabaa, Minesotaatti  Kamisa darbe gaggeeffame.

Maqa balleessaan qaamota jijjiiramaa keessattuu Ministira Muummeerratti taasifamu haa dhaabbatu, sirni federaalizimii Itoophiyaaf filannoo miti, sirni gonfoo ykn fiwuudaalaa kanaan booda Itoophiyaa keessatti iddoo hinqabu, Itoophiyaan kan sabootaafi sablammoota 80ti jedhaniifi dhaadannoowwan biroo hiriiricharratti dhihaataniiru.

Ajjeechaa dhiheenya kana qondaaltota olaanaa naannoo Amaaraatiin wal qabatee  hiriirotni mormii Mistira Muummee balaaleeffatu  Ameerikaa dabalatee Ingilandiifi Israa’elitti gaggeeffamaa turuun kan yaadamatu yemmuu ta’u, hiriirri guyyaa Kamisaa Minesotaatti gaggeeffame immoo deeggarsa hojiilee ministirri muummeefi qaamotni jijjiiramaa hanga ammaatti dalaganiif beekamtii kennuufi maqballeessaa isaan irratti taasifamaa jiru balaaleeffachuu kan kaayyeeffate ta’uu ‘OBN’ gabaaseera.

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

3 Comments to “Haaromsa biyyattiitti adeemsifamaa jiruuf hiriirri deeggarsaa Ameerikatti bahame”

  1. Pingback: Trust bet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *