Biyya tanaaf gabrummaa caalaa bilisummaatu ulfaata. Ummanni jaarraa hedduu gabrummaa baatee jiraachuun itti hinulfaanne, waggaa tokkittii qilleensi bilisummaa itti bubbisuu eegale kana baachuu dadhabee yemmuu waliin gatantaru arguu caalaa wanti nama ajaa’ibu hin jiru.
Fincilli barattootaafi ummanni bal’aan biyya kanaa gaggeessaa turan garuu, “Gabrummaa jalaa baanee bilisummaadhaan jiraachuu qabna” kan jedhu yoo ta’u, har’a gaafa biiftuun bilisummaa samii biyyattiirratti mul’achuu eegaltutti bilisummaa ofii dhandhamachuu dhiisee kan nama biraa dhiibuuf yemmuu tattaafatu arguunis ammaan tana baratamaa dhufeera.
Sababa kanaanis ummanni dur gabrummaa diiguuf waliin qabsaa’aa ture har’a walitti garagalee waldiiguudhaaf walirratti duuluunsaa gabrummaa caalu jalatti kan isaan kuffisu ta’uu hunduu waan hubate hinfakkaatu.
Yeroo ammaa akkuma beekamu biyyattiin ce’umsa siyaasaa keessa kan jirtu ta’uusheetiin walqabatee, asiifi achitti qaawwi bulchiinsaafi nageenyarratti mul’achuunsaa hinhafu. Mootummaa ce’uumsa keessa jiru immoo rakkoolee iddoowwan hundatti uumamaniif yeroo mara qeequunis fudhatama hinqabu.
Haalotni ammaan tana biyyattiitti mul’achaa jiran sirna ce’umsa kamuu keessatti kan mul’atun ta’us, aadaafi duudhaan biyyattii garuu balaawwan ce’umsa biroo keessatti mul’achuu malan hedduu hir’iseera.
Qaamota ce’umsa kana gaggeessaa jiran gamaa gamanaan itti duuluun biyyattii kufaatii keessaa hinbaaneef kan saaxilu waan ta’eef hanga ce’uumsichi lafa qabatutti jara qusachuun gamnummaa ta’a.
Haa ta’uu malee yakkoota xixiqqoofi haala salphaa ta’een to’achuun danda’amus maqaa ce’umsa kanaatiin haguuganii bira darbuun immoo wal nama taajjabsiisa.
Giddugalli siyaasa biyyaafi Afrikaa akkasumas dhaabbilee Addunyaa hedduu, Finfinnee keessatti osoo mootummaan jiruu ‘Baala adaraa’ ofiin jechaa mootummarratti mootummaa seeraan alaa yemmuu hundeessan taa’anii ilaaluun bifa kamiinuu fudhatama hinqabaatu.
Jarri ‘baaladaraa’ jedhee of moggaase kun yeroo mara maqaa ibsa kennina jedhuun miidiyaalee waamaa jibba hooggantoota Oromoofi ummatasaatiif qabu ifatti mul’isaa jira.
Sababuma kanaan yeroo hedduu Qeerroo magaalattiifi quuqamtoota sabichaa waliin walitti bu’iinsi uumamaa jiraachuun mootummaa jalaa waan dhokate miti.
Amma mootummaan gochuu kan qabu yoo danda’eefi fedhii qabaate jara seeraan ala magaalaa mootummaa qabdutti abbaa of godhu kana seeraan gaafatamoo taasisuu qofaadha.
Kanaan achitti seeraan ala of muuduu duwwaa osoo hin taane, yeroo yeroon miidiyaa waamaa jibbiinsa Oromoof qabaniifi hooggantootasaa abaaruun jaatanii biraatiif nama saaxiluu akka danda’u hubatamuu qaba.
Walumaagalatti, jarri ogummaansaanii waljalaa makame yeroo kaan gaazexeessaa ta’aa yeroo biraa immoo hoogganaa siyaasaa ta’uudhaan kaayyoo dhokataa galmaan ga’achuuf wixxirfatan adabuun waliin jireenya ummatoota biyyattiitiif murteessaa ta’a.
Seerri Finfinnetti cabe immoo kutaalee biyyattii birootti kabajamuu waan hindandeenyeef, mootummaan tarkaanfii qabatamaa keessa galuu qaba.
Kun ta’uu baannaan garuu, akkuma torbaan kana agarretti wayita jarri ofiin of muudu kun miidiyaa kaayyoosaanii dhoksaan deeggaru waamee jibbiinsaafi abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irraa qabu haaluuf socho’anitti qeerroon taa’ee kan hinilaalle ta’uun hundaafuu ifa fakkaata.
Bayyanaa Ibraahimiin
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011
5 Comments to “Finfinnee ormi itti roorrisu mootummaan obsus; qeerroon hincallisu”