Biyyoonni walakkaa irboo maahessaatiif darban beekaman

Fifinnee: Waxabajii 14 bara 2011 irraa kaasee biyyoota 24 jidduutti adeemsifamaa kan jiru walmorkii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 32fa xumuramuuf taphawwan lama qofatu isa hafa. Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti biyyoonni 20n sadarkaa sadarkaadhaan kan harca’uun taphaa ala yoo ta’an, biyyoonni afur ammoo walakkaa irboo maahessaatiif darbaniiru.

Biyyoonni walakkaa irboo maaheessaaf darban kunneen Seeneegaal, Tuniziyaa, Aljeeriyaafi Naayijeeriyaadha. Senegaal Beeniin 1-0n, Naayjeeriyaan Afrikaa Kibbaa 2-1n, Aljeeriyaan Koti’divaar 4-3n, Tuniziyaan  Maadagaaskaar  3-0n mo’achuudhaan darbaniiru.

Haaluma kanaan Seenegaal Tuniziyaa wajiin,Aljeeriyaan Naayijeeriyaa wajiin wal morkii gulaalaa Irboo maaheessaa boru galgala akka adeemsisan ta’uu sagantaan Konfedereeshina kubbaa miilaa Afrikaa (‘’CAF’’) ni mul’isa.

Walmorkii kanatti mo’amtonni Robii dhufu sadarkaa sadaffaa argachuf yoo taphatan, mo’atonni ammoo Jimaata dhufu  waancaa fudhachuf  wal falmu jedhamee eegama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

2 Comments to “Biyyoonni walakkaa irboo maahessaatiif darban beekaman”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *