“Seera dhabeessummaan ummata Naannoo Amaaraa hinibsu” -Mootummaa Naannoo Amaaraa

Finfinnee:  Olaantummaa seeraa kabachiisurratti jijjiirama jalqabame mamii tokkoo malee akka ittifufsiisu Mootummaa Naannoo Amaaraa ibse.

Akka ibsi mootummaa naannichaa mul’isutti, ummanni naannoo Amaaraa olaantummaa seeraa kan kabajuufi kan ittiin ibsamu ta’uun isaa ni beekama. Ummata “bilisummaafi haqni hinguutamne” jedhee qabsaa’edha. Ummanni Amaaraa ummata seera kabajuu fi dambii isaaf baheen buluudha.

Yeroo seerri diigamu, yeroo haqni hir’atu, yeroo namni miidhamu, akka sirraa’u ni falma, falmataa tureeraas; bu’aas argamsiseera malee seera dhabeessummaan isa ibsee hinbeeku; daa’iima seera dhabeessa ta’ees dhalee guddisee hinbeeku, namni seera diigu yoo jiraates quunxuuxee sirreessuu itti beeka.

Aarsaa guddaa kanfaluun, qabsoo isaatiin bu’aan inni barbaadu olaantummaa seeraa kabachiisuun, bilisummaan isaa akka kabajamu kan taasisu, gama hundaanuu haqni akka lalisu gochuudha. Kanaan alatti ummata fedhii addaa hinqabneedha. Hunda caalaa ummata seera dhabeessummaa baachuu hindandeenye, dafqa isaatiin kan bulu, waan isaaf hintaane kan hingaafanne ummata boonaadha.

Mootummaan naannoo Amaaraas, ummata seeraafi haqa jalalatu kanarraa kan madde ta’uu isaatiin, kan cimsee kan itti fuufsiisudha malee, olaantummaa seeraatiif qaama kamiyyuu waliin marii hintaasisu. Haala jijjiiramni uumeen, walmakiinsa yaadaas ta’ee adeemsa banaa uumame sirreessuun, hundi haala adeemsa seeraatiin qofa akka tarkaanfatu sirreessuun, kan hir’ate guutuun, kan dabe sirreessuun, gara fuula duraatti qofa ni tarkaanfanna.

Taateen gaddisiisaa uumamees, gaabbii nutti uumee, hojii aarsaa obboolaawwan keenyaa gituu danda’u hojjechaa, kaayyoo isaanii fiixaan geenya malee du’uu isaanitiin rifannee imala keenyarraa hin gufannu. Olaantummaa seeraa kabachiisurratti jijjiirama jalqabame mamii tokko malee itti ni fuufsisna.

Mootummaa Biyyaalessaa Naannoo Amaaraa Waxabajjii 27 bara 2011.

Dhaabbata Sabqunnamtii Amaaratu gabaase.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *