“Oromoon akka malee taayitaa qabate tokkoyyuu hinjiru” -Doktar Abiyyi Ahimad

Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Wiixata darbe gaaffiilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhimmoota addaddaarratti dhiyeessaniif deebii kennaniiru. Akkasaan jedhanitti, heerri waadaa mootummaafi ummata gidduutti taasifamuudha. Heera ummatni irratti mari’atee karaa seera qabeessaan baroota keessa fooyyessuus ta’e jijjiiruun ni danda’ama. Mirga heerichi gonfachiisetti fayyadamuudhaan heericha hinbeeknu jechuun hindanda’amu. Heericha kan hinfudhannes filannoodhaaf qophaa’uus ta’e walabummaa miidiyaa gaafachuu hindanda’u.

Heera sanada ummata biyyattii ta’e kana irratti mari’achuun fooyyessuu ykn jijjiiruun akka danda’amu eeranii, namni heerichi akka fooyya’uuf ykn jijjiiramu yaada amansiisaa ummataaf dhiyeessee ummatni biyyattii yoo irratti waliigale jijjiirama jedhu. Yaadonni amansiisoon jiraannaanis heera jijjiiruun ykn fooyyessuun rakkoo tokkoyyuu akka hinqabnes ni eeru.

“Sirna ofiin of bulchuu kan mirkaneesse federaalizimiidha. Yeroo ammaa rakkoo guddaa uumaa kan jiru bulchiinsa naannoo sabummaan wal walqabsiisuudha. Naannoon tokko kan saba tokkoo qofa osoo hintaane kan sabaafi sablammoota biyyattii hundaati. Itoophiyaanis biyya Itoophiyaanota hundaati. Federaalizimii haala kanaan hubannee ilaacha gandummaa keessaa baanee akka addunyaatti yaaduudha fuulduratti kan nu tarkaanfachiisu” jedhu.

Itoophiyaan geggeessitoota gahumsa  geggeessummaa qaban utuu hintaane kan fedhii taayitaa qaban qabdi kan jedhan Doktar Abiyyi, geggeessitoota ga’umsa qaban xiqqoo qabduyyuu nyaachuudhaaf kaati. Amma utuu kaanee ministeerota shan jijjiiruuf kaanee namoota isaan bakka bu’an argachuun rakkisaadha. Kanaafuu ministeerotaafi hoggantoota siyaasaa hojjetanii hojjisiisan baay’inaan horachuu irratti xiyyeeffannee hojjechuu gaafata.

“Hoggantootni mootummaa  karoora guyyoota 100  baafatanii akka hojjetan taasisuudhaan to’achuuf yaaliin taasifameera. Haala kanaan hoggantoota jijjiiramicha duukaa tarkaanfataniifi duubatti harkifatan adda baafamaniiru. Hoggantoota sadarkaa olaanaadhaa hanga dakaatti jiranis jijjiiramaniiru” jedhu.

Itoophiyaatti hanni dabalaa olaantummaa seeraa kabajuun ammoo hir’achaa jiraachuu himanii, tattaaffii cimaan yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf taasifameen baay’een isaanii qabamuu ibsu. Buqqaatota gara qe’eesaaniitti deebisuudhaaf tattaaffii cimaan taasifamuufi gaaffiin naannoo ta’uuf dhiyaatu karaa seera qabeessaan ta’uu baannaan mootummaan tarkaanfii baratame kan fudhatu ta’uu ibsu.

“Waggaa tokko keessatti yaaliin mootummaa fonqolchuufi dadhabsiisuu adda addaa raawwatamaniiru. Wabajjii 16 bara 2010 boombiin nurratti darbatameera. Humnoota hidhataniin naannoo Somaalee keessatti namoonni hedduun ajjeefamaniiru, buqqa’aniiru, bataskaanonnis gubataniiru. Loltuun gurmaa’ee masaraa mootummaa dhufeera. Humnootni hidhatan lammiilee bakka adda addaatii akka buqqa’an taasisaniiru. Gara Lixa Itoophiyaatiin humnootni hidhatan ji’a sadii keessatti mootummaa taana jedhanii dhufaniiru. Gurmaa’anii gaaffii mindaa dabalataa kaasaniiru. Taayitaa akka jiruun kan dhuunfate Oromoodha jedhanii midiyaaleedhaan oduu sobaa hafatsaa turaniiru. Finfinneefi Baahir Daaritti hoggantoota keenya ajjeesaniiru” jedhu.

“Oromoon dhaabbilee adda addaa keessatti seeraan alaa taayitaa qabateera oduun jedhu soba. Manni Marii kun tokkoon tokkoon dhaabbilee mootummaa qorachuun  ana dabalatee Oromoon seeraan ala taayitaa qabateera yoo ta’e tarkaanfii irratti fudhachuu ni danda’a” jechuun ibsu.

“Haala amma jiruun Itoophiyaa keessatti mootummaa garagalchuuf yaaduun maraatummaadha. Nuti jijjiirama kana dhugaadhaan waan hojjechaa jirruuf waaqni Itoophiyaa nu gargaara. Rakkooleefi qormaatawwan  numudatan hundinuu caalaatti nu cimsan malee nu hinjegeenfachiifne” jedhu Doktar Abiyyi.

Qaala’iina gatii to’achuudhaaf kanneen sababa tokko malee gatii dabalan irratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamuufi gatiin boba’aa akka hindaballeef mootummaan barana qarshii biiliyoona 10 hirpha taasisuu ibsu.

Addaan ciccituun humna ibsaa hanqina bishaaniitiin kan walqabatu ta’uufi bokkaan haala kanaan itti fufnaan rakkoon kun yeroo dhiyootti kan furamu ta’uu eeranii, rakkoo kana itti fufiinsaan furuuf hojii biqiltuu dhaabuu jalqabame cimsuufi humna ibsaa qilleensa, aduufi hurka irraa maddan baay’isuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Adoolessa bara 22 bara 2011 guyyaa tokkotti biqiltoota miliyoona 200 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himanii, ji’a darbe biqiltuuwwan kuma afur ol masaraa mootummaa keessa dhaabamuu ibsaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Oromoon akka malee taayitaa qabate tokkoyyuu hinjiru” -Doktar Abiyyi Ahimad”

  1. Pingback: ปลูกผม
  2. Pingback: Ulthera

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *