Miidhaa Hamaa Sab-Qunnamtii Hawaasaa (Facebook)

Guraandhala 11, 2011 Pirezideentiin biyya Misir, Hosnii Mubaarek waggaa 30 erga aangoo irra turanii booda yeroo aangoo fedhasaaniin gadi lakkisan gaazexessaan CNN Wolfi Biliizer jedhamu nama biyya Misirii aangoorra jiran Waa’el Goonim nama jedhamuuf gaaffii armaan gadii dhiyeesse.

“Duraan dursee Tuuniiziyaa kan geggeessan aangoo gadi lakkisan, itti fufuun Pirezideentiin biyya Misir aangoo gadi dhiisan, itti fufuun eenyu ta’a jettee yaadda?” jedhanii yeroo gaafatan Goonim deebii gabaabaa armaan gadii deebisan “Facebook gaafadhu” jedhan. Sababiin isaa sochii ‘Arab Spring’ jedhamee beekamu sochiiwwan Giddu Galeessa Bahaafi Kaaba Afriikaatti ta’e boodaan “Facebook” argina.    

Waa’ee cimda hawaasummaa ‘facebook’ jedhamuu ilaalchisee yeroo jalqabaatiif dargaggeessa Mark Eliyet Zukerbergi jedhamu nama biyya Ameerika magaala New York keessatti bara 1984 dhalateen kalaqame. Zukerbergi waa barreessuu irratti dandeettii yoo qabaate illee ‘facebook’ kalaquuf kan sababa ta’e Yunivarsiitii Harvardii utuu jiruu barrulee eebbifamtootaa hiriyoota isaa wajjiin utuu qopheessaniiti. Namoonni si’a tokko qofa utuu hinta’in yeroo addaaddaatti, bakka fedhan taa’anii akka wal arguu danda’aniif cimda diriirsuuf kan dandeessisu yaada addaatu dhufeef. Inni kun ammoo namoonni barnootaafis ta’e hojiif maatiifi firootasaanii irraa adda ba’anii fagoo jiran daandii ittiin wal arganii wal yaaduu oolan, hojii isaaniis sirriitti itti fufaniif karaa ni bane. Har’a ‘facebook’n maamila guddaa argateera. Ji’oota 12 darbeef galiin isaa doolara biiliyoona 58.949 yeroo ta’u baradarbe irra 32.21% guddateera. Zukerbergiinis dureessa cimaa taasiseera.

Kana irraa kan ka’e namoonni biliyoona 1.62 ol ta’an maamila ‘facebook’ ta’uun itti fayyadamaa jiru. Akka maamila hedduu qabaatuufi dhaloota kana akka harkisu kan godhe wantoota hedduutu jira. Isaan kana keessaa wantoonni ‘Facebook’ irratti maxxanfaman dhibbeentaa sagaltamii shanii ol (95%) fiilmii poornoogiraafii (suurafi fiilmii qullaa namaa argisiisan) garagaraa akka qabu qorannoon ni addeessa. Kanaaf “Facebook’n” faayidaa qofa utuu hinta’in rakkoos ni qabaata. Rakkoo isaa keessaa muraasa mee haa ilaallu.

  1. Namoota Eenyummaa Sobaan Socho’aniif Irbaata Nama  Taasisa.

Facebook’n akkuma faayidaa qabu rakkoo cimaas ni qabaata. Isa kana adda baasanii beekuun daran barbaachisaadha. Namoonni danuun akka saamaman, daa’imman akka gudeedaman, burqaa balaa hamaafi gabaa sobaa ta’ee tajaajiluun isaa hinoolle. Inni kun mataa dhukkubbii isa cimaa abbaa teknooloojii kanaatti ta’eera; torbeetii gara torbeettis rakkoo uumamuuf akka dhiifama gaafatu ta’eera.  

  • Jaalala Sabaaf Karaa  Ta’a.

‘Facebook’n jaalala sobaatiif attamitti akka nama saaxiluufi isa kanaan kan miidhamte tokko akkas jette,“Guyyaan itti ‘facebook’ fayyadamuu eegale gaafan yaadadhu yoom iyyuu guyyicha qofa utuu hinta’iin ofiin abaara. Garraamummaa koottis nan gadda. Sababiin isaa hiriyaa koo naa wajjin jirtu tokko ‘facebook’ irratti wal baruu isheetiin biyya ambaa ba’uu ishee argeen anis nama ani karaa ‘facebook’ wal bare wajjin jaalala eegale. Akka gaa’ela waliin dhaabbannus walii galle. Qubeelaas godhannee erga adeemsa jaalalaa deemnee booda akka tasaa namoota irraa waa’ee isaa kanan dhaga’e kan na gaddisiisuufi na dhiphisu ta’e. Namichi an jaaladhe nama fuudhee ijoollee lama qabu ture. Akkan hindhiifneef baay’ee jaaladheera; akkan itti hinheerumne immoo soba irratti jaalalli hinijaaramu. Nama fuudhee maatii qabus diiguun yakka.” Yaada kana gorsa gaafachuuf barrulee Abolii jedhamuuf kan barreessite nama rakkoo guddaa keessa seente dubara tokko turte. ‘Facebook’n bara keenya keessatti burqaa rakkoo ta’aa jira. Biyyoonni ambaa hojiif, beeksisa garaa garaaf itti fayyadamu. Biyya keenyatti garuu baay’inaan ittiin wal arrabsuuf, jaalala hundee hinqabne ittiin eegaluuf, haasaa waa’ee hinbaafneefi kan kana fakkaatuuf utuu itti fayyadamanii argina.

  • Burqaa Jibbaafi Jeequmsaa Ta’ee Itti fufeera.

Namni taayitaa ol’aanaa Tokkummaa Hawaasa Addunyaa (UN) irra jiru Maarzukii Darusman jedhamu wal-ga’ii irratti waa’ee dhumiisa Mayinamaaritti ta’e ilaalchisee yeroo dubbatu dubbii sobaa ‘facebook’ irratti faca’een namoonni danuun dhumanii yoo xiqqate namoonni miliyoonni tokko buqqa’anii gara Baangilaadishitti baqatan yeroo gabaasu akkas jedhe, “Sab-qunnamtiin hawaasaa sadarkaa har’a namoonni gara jabinaan akka wal balleessan, akka walii hingalleefi akka wal balaaleffatan, madda jeequmsaafi haasaa jibbaa ta’eera”. Sababiin isaa sab-qunnamtii hawaasaa irratti tamsaa’an dhibbeentaan 85 ol akka soba ta’e qorannoon ni mirkaneessa.

Kanaaf Wantoota sab-qunnamtii hawaasaa irratti maxxanfaman namoonni utuu hinsimatin gaaffilee akka “Eenyutu maxxanse? Eessaa maxxanfamee? Dhugummaa isaa attamittan mirkaneeffadhaa? Yaadni wanta maxxanfame kana boodaa calaqisu maalii? Akkan maal godhuuf na kakaaasaa?”fi kkf hubachuun barbaachisaadha.

Sababnisaa buqqa’iinsa Maayinaamaritti yeroo darbee ta’e yoo ilaalle soba ‘facebook’n dhale irraa akka ta’e argina. Kanaaf geggeessaan ol’aanaa UN gabaasaa isaanii keessatti “Facebook’n bineensa hamaa ta’eera. Sababa eegaleef irraas goreera. Dhumiisni namoota Maynaamar ‘facebook’n ta’e” jedhan.

Maaynamaar keessatti duguuggaa qomoof yaalii ta’eef, dimookiraasii bal’isuurra seeraa altummaan daandii ittiin bal’atuu ta’uu eegaleera. Sababiin isaa biyyoota tokko tokko keessatti akka geggeessitoonni dubbii jeequmsa kaasu facaasan, warri jalaa ammoo akka jeequmsa geggeessan taasiseera. Fakkeenyaaf Adoolessa 2, 2014tti magaalaa guddinaan lammaffaa taate Maaynaamar magaalaa Mandaalay keessatti dhumiisa suukkaneessaa ta’eef eenyuun akka maxxanfame kan hinbeekamne soba irratti hundaa’uun qabeenyi barbadaa’eera, namoonni dhumaniiru, danuun madaa’aniiru, loltonni mootummaa qofti digdamaa ol ajjeefamaniiru,  ummanni hanga miliyoona tokkotti dhiyaatu buqqaa’eera.

Inni kun biyya keenya keessa hinjiru jechuu miti. Rakkoo kan caalu ni qabaanna. Akka ummanni hiramee wal loluuf daandii cimaa ta’aa jira. Inni kun torbeetii gara torbeetti Zuukarbergi akka rakkoo uumameef dhiifama gaafatu taasisaa jira. Mataa dhukkubbii cimaas ta’eeraaf.   

  • Walitti Dhufeenya Namoonni Qaban Laaffisee Hojiifi Barnoota irraa Kutaa Jira.

‘Facebook’n faayidaa yoo qabaate illee kufaatii dinagdee, hamileefi miidhaa maatii irratti inni fidu hangana jedhamee hintilmaamamu. Namoonni utuu maatii qabanii dhoksanii akka hojii sagaagalummaa garagaraa keessatti hirmaataniif daandii ta’aa jira. Namoota biyyoota addaaddaafi haalota addaddaa keessatti walitti fiduun akka waliin haasa’uu eegalaniifi achumaan akka isaan jireenya xuraa’ummaaf wal barbaadaniif karaa baneera. Inni kun ammoo maatii hedduu diigeera.

Yeroo muraasa dura barattuun tokko namni isheen ‘facebook’ irratti wal barte waan ittin jedhe yeroo ibsitu, “Hiriyummaan keenya ‘facebook’ irratti nagaa wal gaafachuun eegale. Anis tarii nama na beeku yoo ta’e jedheen deebisee nagaa gaafadhe. Innis itti fufuun, bareedina koo jajuun dhuma irratti akka guyyaa itti aanutti deebinee haasofnuuf lakkoofsa bilbila kootii fudhatee na beellamee gargar baane. Bilbila kootiinis ammaa amma bilbiluun baay’ee na jeeqe. Maatiin koos nashakkuu eegalan. Kiilo meetira 400 ol narraa fagaatee kan jiru yoo ta’ellee, akka dhufee naa wajjin turu barbaadu naaf ibse. Kan inni dhufus hojii biraaf utuu hin ta’in kashalabbummaafi xuraa’ummaa qofaaf akka ta’en dubbi isaa irraa hubadhe“jette.

Kanaaf ‘Facebook’n fuula lama qaba. Karaa tokko odeeffannoo gaggaariin, namoonni akka maree adda addaa waliin geggeeffatan addumaan immoo fooyya’insaa dimookiraasiitiif, gufuu wal qunnamtii saba wal irraa hiixuu jiruu kaasuun akka wal qunnamtii qabaatan gochuu irratti faayidaa guddaa kan kennu yommuu ta’u karaa biraa ammoo miidhaafi ergaa faallaa hawaasaa, facaasuun miidhaa adda addaatiif dhaloota ni saaxila.

“Sab-qunnamtiin hawaasaa bara kana keessatti namoonni gara jabinaan
akka wal balleessan, akka walii hin galleefi akka wal balaaleffatan, madda jeequmsaafi haasaa jibbaa ta’eera”

Zarihun Gabreetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *