Lammiilee tajaajila tola ooltummaa kennaniif Beekamtiin kennamuu qaba jedhame

Finfinnee: Itoophiyaatti lammiileen tajaajila tola ooltummaa kennan akkuma biyyoota biroo beekamtiin kennamuufii akka qabu gaafatame.

Barsiisaa Yaasin Raajuu waggoota 40 oliif jireenyasaanii Saawud Arabiyaa kan taasisaniifi waggoota dheeraaf hojii tola ooltummaarratti hirmaataa turaniiru.

Tajaajila kennaniin lammiileen Itiyoophiyaa baay’ee fayyadamtoota taasisuu isaanii dubbatu. Keessumaa waggoota 17n darbanitti, biyyoota Saawud Arabiyaafi kanneen birootii kan ba’an gareewwan yaaltotaa gara Itoophiyaa dhufaniii tajaajila yaalii tolaa akka kennaniif gama fayyaatiin ga’ee isaanii ba’aa jiru.

Kanaan waggaa waggaan wal’aansa ijaa, lafee, mucucaachuu diiskiifi baqaqsanii hodhuu dabalatee ogeessota yaalaa garagaraa qindeessuun biyyattii keessatti naannolee garaagaraatti socho’uun tajaajila tola ooltummaa akka kennan taasisuusaanis ni himu.

Tajaajilli kun keessumaa biyyoota alaatti kan baratameefi aadaa ta’aa kan dhufe akka ta’e eeranii, tajaajija kanarra darbee walitti hidhinsa ummataa kan uumuufi walitti dhufeenya biyyootaas kan cimsudhas jedhaniiru.

Mootota biyyoota birooniifi qaamoleen ilaallatan tola ooltummaa deggaruuniifi beekamtii kennuun hawaasa tajaajilicha fedhaan kennu uumuurratti xiyyeeffannoon akka hojjetan muuxannoo argatanirraa hubachuu danda’uusaaniis ibsaniiru.

Itoophiyaatti tajaajilli kun yeroo gara yerootti dabalaafi beekamaa dhufuun kan isaan gammachiisuufi jajjabeessu ta’us, lammiileen tajaajila kana kennaniif adeemsa ittiin beekamtiin kennamuuf diriirfamuu qaba jedhan.

Ministeerri dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa gamasaatiin qajeelfama tajaajila tola ooltummaa guutuu biyyaa qopheessuu isaa ibseera.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Yaalamtsaggaayi Asfaawu akka ibsanitti, yeroo ammaa kana waggaa waggaan dargaggoonni baay’eeniifi qaamoleen hawaasa garaagaraa waqtii gannaa ogummaa garaagaraarratti bobba’uun tajaajila tola ooltummaa kennaa jiru. Tajaajilli kun kan ittiin gaggeeffamu qajeelfamni utuu hinqophaa’iin turuun isaa dargaggoota hojjetanis ta’e lammiileen adeemsa beekamtii itti argatan hindiriirfamne.

Kanaan lammiilee tola oolaniif qajeelfama guutuu biyyaa qopheessuufi hojjechuun barbaachisaa ta’uusaa eeranii, kunis lammiileen tajaajilicha itti fufinsaan akka hojjetaniifi tajaajila kennaniin ofii isaaniis ta’e ummata isaanii fayyaduusaaniif beekamtii mirkaneessu akka argatan akka taasisu himu.

Qajeelfamni kun biyyoota tajaajila tola ooltummaaf xiyyeeffannoo kennanii hojjetan milkaa’ina hawaasummaafi dinagdee bu’ureeffachuun kan qophaa’edha.

Qophiin qajeelfamichaa kan xumurame yoo ta’u, yeroo ammaa kana mana maree ministeerotaaf akka dhiyaateefi yeroo itti aanutti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessuun ni ragga’a jedhamee akka eegamu dubbachuusaanii Tajaajila Oduu Itoophiyaarraa odeeffanneerra.

Dargaggoonni hojii tola ooltummaa hojjetaniif beekamtiin kennamuufi mala.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

3 Comments to “Lammiilee tajaajila tola ooltummaa kennaniif Beekamtiin kennamuu qaba jedhame”

  1. Pingback: More Help
  2. Pingback: aroundtravel
  3. Pingback: nagaway

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *