Oromoon saba bal’aa jiraachuu Itoophiyaaf hundee ta’uun ga’ee leencaa taphachaa kan tureefi kan jiru ta’us takkaa dinagdeenis aangoonis caalee akka argamu ta’ee hinbeeku. Kun kan ta’eefis mootiin dhufee darbu hundi seenaaf eenyummaa sabichaa awwaalaa olaantummaa saba tokkoo labsaa harqootni gabrummaa jaarraa tokkoofi walakkaa oliif Oromootti akka fe’amu taasisaa turaniiru.
Hiraarsaan sabummaafi dhiittaan mirgaa yeroorraa yerootti nifooyya’a jedhamee eegamus daran hadhaa’aa ta’aa deemuusaarraa kan ka’e qabsoon diddaa qabsaa’ota jaalala biyyaaf lammii qabaniin akka dho’u ta’eera.
Dhaabbilee qabsoo diddaa kana dhoosan keessaa waldaan Maccaafi Tuulumaa isa tokko yoo ta’u, Oromoon eenyummaasaaf qabeenyasaarratti abbummaa akka qabaatuuf qaanqee qabsoo qabsiisaniiru.
Qabsoo diddaa taasifame kanaanis qabsaa’onni ija Oromoo ta’an kanneen akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Maammoo Mazammirfaafi kan biroo wareegamaniiru. Qaanqeen qabsoo isaaniin eegalte kun finiinuun wareegama qaaliif aarsaa hadhaa’aan booda biiftuun bilisummaa har’a hunda walqixxeessite kun akka baatu kan taasise yoo ta’u, qooda dargaggoonni Oromoo achi keessatti agarsiisan isa ijoodha.
Konfiraansii Dargaggoota Oromiyaa 12ffaa tibbana Adaamaatti gaggeeffamerratti argamuun haasaa kan taasisan Obbo leencoo Baatii waraqaa qorannoo qabsoo Oromoorratti taasisaniin Oromoon jaarraa hedduuf dinagdeen, siyaasaan, hawaasummaafi mirga abbaa biyyummaasaan ol jedhee akka hindeemne diqdiqni gadi qabaa irra tuulamaa turuusaa ibsu.
Har’a garuu humnoonni of tuultotaafi saamtonni seermaleeyyii Oromoo hacuucaa turan qabsoo obsa fixachiisaa qeerroofi hawaasa Oromoon taasifameen hundeedhaa buqqa’anii baduu eeranii, harcaatonni raacitiin kaleessaa isaan keessaa duguuggatee hinbaane humnaa’uu Oromoo laaffisuuf yaalaa jiraachuu kaasaniiru.
Harcaatonni kunneen ija abbootiisaanii kaleessaan Itoophiyaa har’aa madaaluuf kanneen yaalan ta’uufi imala jijjiiramaa mootummaan haaromsaa kun saffisa cimaan kaachisaa jiru gufachiisuuf shirri xaxan ifatti mul’achaa jiraachuu himu.
“Itoophiyaa ijaafi beekumsa manca’aa kaleessaatiin hogganna” jedhanii yaaduun garba daakuu ta’uu kaasanii, harcaatonni bololaa aangoof sirnicha sakaaluuf kaatan jaalala biyyaa akka hinqabnedha kan kaasan.
Mootumman haaromsaa har’a humna dargaggootaan ijaarame kun dirree siyaasaa bal’aa jaarmayaa siyaasaa hundaaf kan diriirse yoo ta’u, caalmaa yaadaan akka dorgomaniif malee ololtoonni shira biyya diigu akka itti xaxanif haala kan mijeessu miti.
Yaata’uutii murni siyaasaa bololaa aangoof kaatu yaada caalmaaf amansiisaa dhiyeessee caalee argamuun olitti sirna haaromsaaf hirmaachisaa kana gufachiisee karaa qaxxaamuraan aangoo qabachuuf yaaliirra jiraachuu kan ibsan Obbo Leencoon, kun ammoo ijaarsa dimokiraasiifi sirna federaalizmii hunda walqixxeesse kan faallessudha jedhu.
Murni siyaasaa yaada caalmaa dhiyeessuu dadhabe kun sirna dimokiraatawaafi jijjiiramaa kana sakaaluun Oromoo aanga’e kana akka hinhumnoofne hudhaa ta’aa jiraachuu kaasanii, murni siyaasaa maqaa Oromoon socho’u kamuu ce’umsaafi jijjiirama Oromiyaaf kan yaadu yoo ta’e garaagarummaa jiru xiqqeessuun bololaa aangoof kaachuurra jaarmiyaa siyaasaa Oromoo tokko ijaaruuf miira kutannoo agarsiisuu mala; diddaan gama kanaan mudatu laaffachuu nageenya Oromiyaaf sababa kan ta’udha.
Aangoon kan qabatamu yaadaa mo’aan yoo ta’een alatti karaa qaxxaamuraa jeequmsaaf waraanaan dhufa jedhanii yaaduun dogoggora ta’uu kan himan ammoo Ittigaafatamaa Waajjira Gidduugaleessaa ODP Obbo Addisuu Araggaati.
Dirree siyaasaa bal’ate kanaan jaarmiyaan siyaasaa hedduu bilisummaa argatee akka fedhe of beeksisaa jiraachuu eeranii, seera faallessaa karaa qaxxamuraan sirnicha booddeetti harkisuuf yaaliin jiraachuullee dubbataniiru. Kun ta’us bu’aan qabsoo Oromoo kana booda duubatti deebiha jedhanii yaaduun fagoo kan nama deemsisu akka hintaanes ni hubachiisu.
Kanaaf humnoonni imala mootummaa haaromsaa kana mogolee buusuuf yaalan harcaatota sirna darbe deebisuuf yaalan ta’uu kaasanii, jaarmiyaa biyyaaf yaadu yoo ta’e caalmaa yaadaan mo’atee argamuuf of qopheessuutu furmaata ta’a malee waliin dhahuun aangoo qabachuuf yaaliin taasifamu seeraan kan deggaramu hinta’u jedhu.
Humnoonni akkasii fedhii aangoo karaa qaxxaamuraan dhufu milkeeffanna jedhanii, yaaduun nageenya hawaasaa jeequun sirrii akka hintaane ittigaafatamichi, yoo ibsan hawaasnis humnoota kana ifatti balaaleffachuu eegaluunsaa agarsiistuu ta’uu kaasaniiru.
Akka ibsa Obbo Addisuutti, Oromoon kana booda siyaasa qabatamaan jijjiirama qabatamaa ijaan arguuf saba tarkaanfatu malee hogganaa aangoo qabatee fedhii dhuunfaasaaf kaatu hinbarbaadu.
Kana malees jaarmiyaaleen Oromoo fakkaachaa Oromoo miilla jalaa fuudhuuf Orma wajjin hidhata uumuun socho’anis dhiiga lammii kaleessa dhangala’eef kabaja kennuudhaa yoo baatan itti gaafatamummaa jalaa kan hinbaane ta’uu beekuu qabu jedhu.
Walumaagalatti Oromoon aanga’us jabaate humanaa’ee lafa dhaabachuun hawwii misooma lammiilee fiixaan baasuu akka hindandeenyeef shirri harcaatonni xaxan sakaallaa ta’aa waan jiraniif Oromoon kaleessa dhiigee jijjiirama kana argamsiise marti injifannoosaa kana mootummaa waliin ta’uun ceessisee fayyadamummaasaa mirkaneeffachuu qaba.
Waasihun Takileetiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011
6 Comments to ““Itoophiyaa beekumsa manca’aa kaleessaatiin hogganuun hindanda’amu” -Obbo Leencoo Baatii”