Dhaabbileen barnoota olaanaa dhaabiinsaafi kunuunsa biqiluurratti fakkeenya ta’uu qabu

Finfinnee: Biyyi keenya duraan bosonaan beekamaa turte ammaan tana irraa ciramee laftishii qullaatti hafeera. Kana kan hubatan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad barana biqiltuun biliyoonni afur akka dhaabatuuf qajeelfama dabarsaniiru. Kana milkeessuufis tokko tokkoon lammii biqiltuuwwan afurtama afurtama dhaabuun irraa eegama.

Qajeelfama kana milkeessuufis barattoonni barana Yunivarsiiwwan Finfinneefi Kotobee Meetiropoliitaanirraa eebbifamuuf qophiirra jiran, barsiisonniifi hoggantoonni yunivarsitiiwwan kanneenii Kamisa darbe gaara Qillee, Kutaa Magaalaa Eekkaatti argamurra biqiltuu dhaabaniiru.

Yunivarsitii Finfinneerraa otoo biqltuu dhaabuu kan dubbisne barataa Tokkummaa Galataa, “Ilma qonnaan bulaa waanin ta’eefi biqiltuu dhaabaa waanin guddadheef baargamoo keessa biqiltuu dhaabuun sirrii miti. Ta’us biqiltuuwwan saddeet dhaabuuf karoorfadhee waanin dhabeef lama qofa argadhee dhaabeera” jedha.

Barattuu fedhii addaa kan taate Mahidar Tsaggaabirihaan gamashiitiin eebbishii dura biqiltuu dhaabdee mallattoo tokko keessee darbuuf saganticharratti hirmaachuushii dubbatteetti. Isheenis biqiltuuwwan shan dhaabuushii eereteetti.  Kunuunsasaarratti dhaloonni jalaa dhufu abbummaan akka hojjetuuf miira abbummaa uumuurratti hojjetamuu akka qabu barattoonni kunniin eeraniiru.

Sagantaa dhaabiinsa biqiltuu walta’iinsa Yunivarsitii Finfinneefi Biiroo Dargaggootaafi Waltaasisa Tola Ooltummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin geggeeffame kanarrattti barattoonni bara 2011 eebbifaman kuma 1000 caalan, barsiisonni, diinonniifi pirezidaantiin Yunivarsitii Finfinnee argamaniiru.

Pirezidaantiin Yunivarsitichaa Pirofesar Xaasawu Waldahaannaa, qajeelfama Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad kennaniin sagantaan biqiltuu dhaabuu kun barattoota barana eebbifamaniin geggeeffamuusaa ibsan.

Kanaanis Itoophiyaan bosona cirtee bakka buusuu waan qabduuf akkasumas biqiltuu malee jireenyi dhala namaa amansiisaa waan hintaaneef dhaabbileen barnoota olaanaa gumaacha adda durummaan eeramu bahachuu qabu jedhaniiru.

Barattoonni barana eebbiifamaniifi barsiisonni yoo xiqqaate biqiltuuwwan afurtama afurtama kan dhaaban ta’uufi sagantaa kanaan biqlituuleen kuma shan dhaabamuu eeranii, kunis Itoophiyaan naannawashii eegaa guddinnishii eegeree amansiisaa akka ta’uuf kan gumaachu waan ta’eef hirmaattota addaduree ta’uun hawaasa kaaniif fakkeenya ta’uun biqiltuun dhaabne akka latuuf kunuunsuu qabna jedhaniiru. Kanas hojiidhaan agarsiisaa barsiisuun akka barbaachisu eeraniiru.

Pirezidaantiin Yunivarsitii Kotobee Meetiropolitaan Doktar Birhaanamasqal Xannaa gamasaaniitiin,  barattoota kuma lamaafi 300 barana eebbifaman, hojjettoonniifi barsiisonni dhaabiinsa biqiltuurratti hirmaachuusaanii eeraniiru.  Kanaanis biqiltuuwwan kuma jahaa ol dhaabamuu ibsaniiru. Biqiltuun latee faayidaa biyyattiitiif akka ooluuf kunuunsasaarratti karoorfamee hojjetama ni jedhaniiru.

Sagantaan dhaabiinsa biqiltuu kun fakkeenya jijjiirama biyyattiin keessa jirtu lafa qabsiisuudhaan kan fakkeeffamu ta’uus eeranii, “Biqiltuu eebbifamtoonni baranaa dhaabanii bifa amaanaatiin nutti kennan fudhannee kunuunsuun akkuma barsiisnee isaan eebbisiisne bakka yaadameen ni geenya. Nuti  jijjiirama biyyattiin keessa jirtu eessaan akka gahan kan isaan gaafannu yoo ta’u, isaan ammoo boru ‘biqiltuu dhaabne eessaan geessan jedhanii’ waan nu gaafataniif ni kunuunsina” jedhan.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

6 Comments to “Dhaabbileen barnoota olaanaa dhaabiinsaafi kunuunsa biqiluurratti fakkeenya ta’uu qabu”

  1. Pingback: Devops services
  2. Pingback: เลสิค
  3. Pingback: lensanusantara

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *