Harar: Sagantaan seftineetii ALI bara 2008 irraa eegalee kan hojiirra oole yoo ta’u, baadiyyaafi magaalota biyyattii filataman kudha tokko keessatti lammiilee sadarkaa hiyyummaa keessa jiran kuma 70 ta’aniif deggarsa kan taasisaa tureefi jiruudha.
Magaalaa Harar keessattis namootni kuma ja’aa ol ta’an sagantaa seftineetiirraa fayyadamummaa isaanii mirkaneeffachaa jiru. Keessumaa ammoo maanguddootni gargaarsa hinqabne kallattiidhaan ji’aan maallaqa ittiin jiraatan argachaa kan jiran ta’uu dubbatu.
Aadde Nafiisaa Maammud Abdullee magaalaa Harar keessatti jiraattuu aanaa Abaadir yoo ta’an, ji’aan qarshii 215 argachuusaanii malee homaa tokko akka hinbeekne dubbatu. Harargeetti dhalatanii guddachuusaanii himanii, osoo akka har’aa hindadhabiin hojii qonnaa hojjechuun jireenyasaanii gaggeeffachaa turaniiru.
Har’a garuu umriinsaanii torbaatamaa ol waan ta’eef, haalli fayyaasaanii yeroodhaa yerootti isaan rakkisaa jiraachuu ibsaniiru. Erga maallaqni ji’aan isaaniif kennamuu eegalee garuu waan nyaatanii bulan argachuusaanii himanii, kanaafis rabbiin galateeffatu.Wayita ammaas maallaqa argatan dabalataan Hospitaala Jogolitti wal’aansa fayyaa argachaa jiraachuusaaniis himaniiru.
Aadde Alamituu Taammanees jiraatuma aanichaadha. Isaanis akkuma Aadde Nafiisaa ji’aan qarshii 215 karaa sagantaa seftineetii magaalaa Harar kan argachaa jiran ta’uu dubbatu. Maallaqni argachaa jiran gahaa ta’uu baatuyyuu nyaatasaaniif itti gargaaramaa jiraachuu himaniiru. Hospitaala Jogolitti ji’a ji’aan wal’aansi fayyaa sirnaan godhamaa jiraachuus dubbataniiru.
Umriinsaanii waggaa torbaatamii shan gahuu kan dubbatan Aadde Alamituun, bara dargiin aangoo qabate Walloorraa kaafamanii gara Hararitti qubachiifamuusaanii qofa yaadatu. Magaalaa Harar keessa erga jiraachuu eegalanii mucaa dubaraa tokko godhachuusaanii himanii, harka qaleessa waan turaniif isheenuu of dandeessee jiraachaa hinjirtuu jedhan. Osoo maallaqni kun naaf kennamuu baateera ta’ee daandiirratti hafeen ture jechuun mootummaa galateeffatu.
Ejensii Wabii Nyaataafi Carraa Hojii Uumuu Magaalotaa Federaalaatti Obbo Galatoo Galchaa Ispeeshaalistii sagantaa misooma seftineetiiti. Akkasaan jedhanitti, sagantaan seftineetii hojiirra ooluun lammiilee sadarkaa hiyyummaa keessa jiraniif deggarsa kennuu erga jalqabee waggoota sadii guutuuf deema. Hanga ammaattis guutummaa biyyattiitti lammiilee sadarkaa hiyyummaa keessa jiran kuma torbaatama ta’an kallattii garagaraatiin gargaaruun danda’ameera jedhan.
Akka magaalaa Hararittis namootni sadarkaa hiyyummaa keessa jiran qajeelfama mana hojichaan calalamuun deggarsa argachaa jiruu jedhanii, keessumaa ammoo maanguddootni humnasaanii fixatan maallaqa argachaa jiraachuusaanii ibsaniiru. Fuuldurattis haaluma walfakkaatuun namootni calalaman saganticharraa deggarsa argatanii jireenyisaanii akka fooyya’uuf ni hojjetamaa jedhan.
Sagantaan misooma seftineetii dhimmoota guguddoo shanirratti xiyyeeffatee kan hojjetu yoo ta’u, qulqullinaafi miidhagina magaalaa, misooma magariisaa, suluulaa, bu’uuraalee misoomaafi hojii qonnaa magaalotaarratti kan hojjetu ta’uusaa ibsa Obbo Galatoorraa hubatameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011
3 Comments to “Deggarsa sagantaa seftineetiirraa maanguddoota fayyadaman”