Biyyoonni tapha walakkaa maahessaaf darban beekaman

Finfinnee: Gareewwan kubbaa miilaa biyyoota 24 dirreewwan adda addaarratti falmisiisuuf haala miidhagaadhaan kan eegale walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afirikaa 32ffaan bifa miira jaalataa ispoortiifi xiyyeeffannoo miidiyaalee harkisuun magaalota Misiritti adeemsifamaa jira.

Walmorkii baranaa, qopheessituu waancaa Misir dabalatee biyyoonni 24 yeroo jalqabaaf irratti hirmaachaa jiru. Biyyoonni kunneenis ramaddii ja’atti qodamuun istaadiyeemota adda addaatti taphachaa kan jiran yoo ta’u, biyyoonni walakkaa maaheessaaf darbanis beekamaniiru.

Haaluma kanaan ramaddii tokkoffaarraa qopheessituun waancaa Misiriifi Ugaandaafi Rippalika Dimookraatawaa Koongoo tokkoffaafi lammaffaa ta’uun tapha itti aanuuf darbaniiru. Misir Zaambiyaa 1-0n, Riippaablika Dimokraatawaa Koongoofi Ugaandaa haala walfakkaatuun 2-0n injifachuun dabarteetti. Ugaandaan ammoo Riippaablika Dimokraatawaa Koongoo 2-0n mo’attee,  Zaambiyaa wajjiin 1-1n ba’uun Misiriin ammoo 2-0n mo’amuun lammaffaa ta’uuni.

Ramaddii lammaffaarraa Maadagaskaar, Burundii 1-0n, Naayijeeriiyaa  2-0n mo’attee, Giinii wajjiin 2-2n adda ba’uun tapha itti aanuuf dabarteetti. Sadarkaa lammaffaa argachuun kan dabarte Naayijeeriiyaan Burundiifi Giinii haala walfakkaatu 1-0n mo’attee, Maadagaskaariin 2-0n mo’amuudhaani.Ramaddii kanarraa sadaffaa ta’uun kan dabarte Giiniidha.

Ramaddii sadaffaarraa Aljeeriyaan Keeniyaa 2-0n, Seeneegaal 1-0n, Taanzaaniyaa 3-0n mo’achuudhaan qabxii sagaliin tokkoffaa yoo taatu, Seeneegaal  ammoo Taanzaaniyaa 2-0n, Keeniyaa 3-0n mo’achuun Aljeeriyaadhaan 1-0n mo’amtee sadarkaa lammaffaa argachuudhaani.

Arfaffaarraa ammoo Morookoon Naamiibiyaa, Kotdiivaarifi Afrikaa Kibbaa haala wal fakkaatuun 1-0n mo’achuudhaan tokkoffaa ta’uun yoo dabartu, Kotdiivaar gamasheetiin Afrikaa Kibbaa 1-0n Naamiibiyaa 4-0n mo’achuudhaan Morookoodhaan 1-0n mo’amuun lammaffaa taateetti.Afriikaan Kibbaa immoo sadaffa ta’uuni kan dabarte.

Ramaddii shanaffaarraa Maaliin Mooriitaaniiyaa 4-1n ,Angoolaa 1-0n mo’achuun Tuniziyaa waliin 1-1n adda bahuudhaani. Ramaddii kanarraa Tuniziyaan lammaffaa ta’uun kan dabarte Angoolaafi Maalii wajjiin 1-1n, Mooriitaaniyaa wajjiin ammoo 0-0n adda bahuudhaani.

Ramaddii jahaffaarraa ammoo Gaanaan Giinii Bisaaw 2-0n mo’attee, Beeniin wajjiin 2-2n, Kaameerunii wajjiin 0-0n adda ba’uu tokkoffaa, Kaameerun ammoo Giinii Bisaawa 2-0n mo’achuun, Gaanaafi Beeniin wajiin 0-0n adda ba’uun sadarkaa lammaffaa argachuun, Giiniin immoo sadarkaa sadaffaa argachuun  darbiteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

2 Comments to “Biyyoonni tapha walakkaa maahessaaf darban beekaman”

  1. Pingback: lucabet88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *