Warshaalee 22 oomisha dhorkaman keessaa harki caalu hojiitti seenaa jiru

  • Kanaa booda warshaaleen kamiyyuu qaama mootummaafi miidiyaaf banaa ta’u.

Warshaalee 22 Oromiyaa keessatti  oomisha akka dhaaban taasifaman keessaa harki caalu hojiitti deebi’uu Abbaan Taayitaa Eegumsaa Naannawaa,  Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa beeksise.

Daarektarri Ittaanaa Abbaa Taaytichaa Obbo Boonaa Yaaddessaa ibsa dhiheenya gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin warshaalee Oromiyaa keessa jiran kumaafi 400 keessaa 22  faalama qilleensaa qaqqabsiisuusaaniin hojii oomishaa akka dhaaban uggurri irra taa’uu himaniiru.

Warshaaleen oomisha akka dhaaban itti murtaa’ee ture kunneen qilleensa naannawaa faaluun rakkoo fayyaa namootaa, beeladootaa akkasumas oomisha qonnaan bulaarrattti dhiibbaa guddaa geessisaa turuu eeranii, ulaagaa ittisa faalamaa hanga guuttatanitti oomisha akka dhaaban ta’uu dubbatu.

Haa ta’uutii warshaalee 22 uggurri irra taa’ee ture  keessaa sadan alatti kanneen  hindandeenye irratti ammoo tarkaanfiin adeemsasaa eeggattee irratti fudhatamaa kan deemu ta’uu ibsaniiru.

Warshaalee akka biyyaatti jiran keessaa % 80 Oromiyaa keessattti kan argaman yoo ta’u, warshaan ulaagaa eegumsa faalama qilleensaa hinguuttanne yoomiyyuu oomishatti galuu akka hindandeenye ittaanaan kun hubachiisaniiru.

Babal’inni warshaaleeguddina dinagdee biyyaa akka tarkaanfachiisuuf akeekamee hojiitti seenamuu eeranii, balfi maal nadhibdeen ooyiruu qonnaan bulaarratti dhangala’u daangaa akka godhatuufi mala ammayyaan dhabamsiifamuu akka qabu seeraan taa’uu ibsaniiru.

Kana hanga hingoonetti  hafan ulaagaa ittisa faalama qilleensaa guuttachuun oomishtummaasaaniitti

deebi’aa akka jiran Obbo Boonaan ibsaniiru. Kanneen ulaagaa guuttachuu  Roobee: Baaleen godinoota Oromiyaan qabdu digdaman keessaa bal’ina lafaatiin Booranaatti aantee lammaffaarratti  argamti.

Bal’inni lafashee 63,555km2  yoo ta’u, bal’ina lafa naannoo Oromiyaa dhibbantaa 17.5 kan qooddattu ta’uushee ragaaleen ni mul’isu. Balfaan akka kanaan duraa akka feeteedhaan naannawaa hawaasaatti gadi lakkifamu akka hinjiraannellee yaadachiisaniiru.

Gama omishaafi omishtummaatiinis godichi daran kan beekamu yoo ta’u, keessumaa midhaanota kanneen akka qamadii, boqqolloo, garbuu, bunafaa gabaa biyyattiif dhiyeessuun adda durummaan waamamti. Ta’us, sirnoota darban keessa dhiibbaa siyaas-dinagdee jala waan turteef, misoomaan  duubatti harkifachuushee jiraattotni magaalaa Roobeefi  Obbo Boonaa Yaaddessaa Haalli qabiinsa balfa kanaas itti fufiinsa akka qabaatuuf hordoffiin walirraa hincinne karaa mootummaa naannoo nitaasifama kan jedhan Obbo Boonaan warshichi yeroo barbaachisaa ta’etti miidiyaaf qaamota dhimmisaa ilaallatuuf banaa akka ta’ullee waliigalamuu ibsaniiru.

Kanaan dura warshaaleen rakkoo faalama qilleensaa qaqqabsiisan warshaansaanii qaama mootummaafi miidiyaaf dhorkaa ta’ee turuu himanii  gochaan akkasii kana booda mootummaan kan hindeggaramne ta’uu yaadachiisaniiru.

Kana booda garuu komii hawaasni kaasu mara keessatti hudhaalee jiran furuuf jecha hordoffii barbaachisaa taasisaa kan deemu ta’uu ittaanaan kun ibsaniiru. Hojiin to’annoof hordoffii gaggeeffamu kun haala oomisha isaaniifi balaa qaqqabsiisan xiyyeeffannoo keessa galchuun ta’a kan jedhan Obbo Boonaan, abbootiin qabeenyaa warshaalees akeekkachiisa kanaan dura laatame ejjennoo godhachuun mala ammayyaan balfaa warshichaa dhabamsiisaa jiraachuu dubbatu.

Abbootiin qabeenyaa kunneen dhabamsiisa balfaa ammayyaa kana ijaaruuf qarshii miliyoona 70 – 80 baasii taasisuusaanii kaasanii, ta’uus warshaaleen ammallee maal na dhibdeen hojii seeraan alaa mootummaaf hawaasaan  hindeggaramnetti bobba’anii jiraniifi bobba’uuf  akeekan ulaagaa  barbaachisaa guuttachuun akka  irra jiraatu hubachiisaniiru.

Hanga kana hingoonetti misoomni abba qabeenyaa fayyadee jiraataa naannawaa hubu kan hinjajjabeeffamne ta’uus eeraniiru.

Waasihun Takleetiin

Recommended For You

4 Comments to “Warshaalee 22 oomisha dhorkaman keessaa harki caalu hojiitti seenaa jiru”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *