Wixineen pirojektii seftineetii lammiilee mil.4.7 fayyadamoo taasisu iftoome

Harar: Pirojektii misooma seftineetii magaalota 72 keessatti lammiilee hiyyummaa gadaanaa keessa jiran miliyoona 4.7 fayyadamoo taasisu bara dhufu hojiirra oolchuuf qoiphiin taasifamaa jiraachuu Ejensiin Carraa Hojii Uumuufi Wabii Nyaataa Federaalaa beeksise.

Darikterri ittaanaa damee wabii nyaataa ejensichaa Obbo Salamoon Asaffaa, ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, waggoota lamaan darban keessa sagantaan seftineetii magaalota biyyattii filataman kudha tokko keessatti marsaa marsaan hojiirra oolaa tureera. Sagantichaanis lammiileen hojii kamiyyuu hojjetanii of jiraachisuu hindandeenyeefi deggarsa hinqabne kuma torbaatamaa ol fayyadamoo taasiseera.

Deggarsa kallattiinis lammiilee tajaajila hawaasummaa waliin walitti hidhuun deggarsa meeshaalee barnootaafi wal’aansa fayyaa bilisaan taasisuun, akkasumas mana jireenyaa bilisaan dhiyeessuuf haala mijeessaa turuusaa dubbataniiru. Bara dhufurraa kaasee ammoo waggoota kudhan ittaanaaniif  magaalota biyyattii filataman 72 keessatti lammiilee sadarkaa hiyyummaa gadaanaa keessa jiran miliyoona 4.7 fayyadamoo taasisu hojiirra oolchuuf karoorfamuusaa himaniiru.

Sagantichi lammiileen daandiirra jiraatan, haadholii harka qalleeyyii, dubartoota mana bunaa keessatti dararamaa jiran adeemsa keessa fayyadamummaa isaanii kan mirkaneesu ta’uu eeranii, pirojekticha dhugoomsuuf Baankii Addunyaarraa liqiin dolaara miliyoona 450 argameera. Mootummaan Itoophiyaas dabalataan dhibbantaa 25 kan ramadu ta’uu ibsaniiru.

Pirojektichi kutaalee hawaasaa sadarkaa hiyyummaa gadaanaa keessa jiran deggeruudhaan ofiifi maatiisaanii, akkasumas hawaasasaanii akka jijjiiran kan taasisu ta’uus himaniiru. Magaalaa Harar keessatti kutaaleen hawaasaa sagantaa seftineetiitiin hammataman kuma jahaafi 780 ta’uusaanii ibsanii, kanaanis misooma magariisaa, qulqullina magaalaafi hojii misooma daagaarratti bobba’uun fayyadamummaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Pirojektiin waggoota kudhaniif turu kun haalaan hojiirra oolchuun bu’aa guddaa kan argamsiisu ta’uu himanii, aadaa hojii hawaasa biyyattii kan jijjiiru, sirna eegumsa jireenya hawaasummaa kan cimsuufi godaansa dargaggootaa baadiyyaarraa gara magaalaatti  taasifamaa jiru daran kan hir’isu ta’uusaa ibsaniiru. Kanaafis ejensichi wixinee mootummaaf dhiyeessee eegaa akka jiru dubbataniiru.

  Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

2 Comments to “Wixineen pirojektii seftineetii lammiilee mil.4.7 fayyadamoo taasisu iftoome”

  1. Pingback: PEP
  2. Pingback: mancave

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *