Urjiwwan haaromsaa Itoophiyaa wareegaman shanan

Finfinnee: Torban kun Itoophiyaaf torban gaddaati. Yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraatti taasifameen urjiiwwan jijjiiramaa wareegamaniiru. Yaalii qindaa’an kun umrii sa’atii tokkoo hincaalle qabaatuyyuu madaa inni kaa’ee darbe akka laayyootti hindagatamu. Gootata kana seenaan yoomuu hindagatu, dhaloonnis duudhaasaanii itti fufsiisuun maqaasaanii itti fufsiisuu mala.

Bara 1954 Naannoo Tigiraay, Godina Asagadaa, aanaa Indaabbaaguunaatti kan dhalatan Shumiin Itaamazyorii Humna Waraanaa Itoophiyaa Janaraal Sa’aaree Mokonnin urjiwwan galaafataman keessaa tokko. Barnootasaanii bakka dhalootaasaaniifi Shireetti hordofaniiru.

Janaraal Sa’aareen bara 1969 umrii dargaggummaasaaniitti cunqursaa mootummaa dargii ummatarra ture dhabamsiisuuf jecha gara qabsoo hidhannootti seenan. Leenjii waraanaas naannoo Tigiraay, naannawaa Baadimmeetti kan argamtu bakka Buumbiit jedhamtutti fudhachuun qabsoo waraanaa adda addaa keessatti hirmaataniiru.

Erga qabsootti seenanii booda baroota adda addaatti gaggeessaa jaalleewwanii, gaantaa, ajajaa birgeediifi birgeedii ittaanaafi kanneen biroos ta’uun dirqamasaanii gahumsaan ba’achaa turaniiru.

Xumura hidhata qabsoo boodas Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti hogganummaa addaddaarratti hojjechuun dirqamasaanii ga’umsaan kan bahatan janaraalichi, biyyattiin imala jijjiramaa erga eegaltee boodas jijjiramicha haala gaariin adeemsisaa turaniiru.

Hoggansaafi dandeettii cimaa waan qabaniifis Caamsaa bara 2010rra eegalee hanga guyyaa du’asaanitti Shuumii Itaamazyoorii ta’uun tajaajilaa kan turan yoo ta’u, wayita kanattis jeequmsawwan bakka adda addaatti uumaman, buqqaatii lammiilee garagaraafi rakkoolee biroof furmaata kennuun addaa dureen socho’aa turaniiru.

Keessumaa dhaadannoo “Raayyaan lammiifi qomoo hinqabu, biyyaafi ummata qaba. Yeroo hundaa biyyaafi ummata tajaajila. Qomoof, nama dhuunfaafi naannawaaf hindhaabbatu” jedhu qabachuun raayyicha halkaniifi guyyaa ejjennoo kanaan ijaaruun kan gaggeessan hogganaa cimaa turan.

Janaraal Sa’aara Mokonnin Waxabajjii 15 bara 2011 yaalii fonqolcha mootummaa Bulchiinsa Mootummaa Amaaraa Magaalaa Bahirdaarirratti taasifame waliin wal qabate Finfinnee mana jireenyaasaanitti dhukaasa eegdusaaniitiin irratti banameen lubbuunsaanii darbeera.

Abbaa mucaa dhiira atokkoofi dubaraa tokkoo kan turan janaraalli kun waggoota 42 oliif qabsoo keessa kan turan yoo ta’u, lubbuunsaanii yoo darbeyyuu seenaan isaan hojjetan bara baraan kan jiraatu, akkasumas dhalootaaf kan darbu ta’a.

Urjiin jijjiiramaa biro isaan waliin wareegaman ammo Mejar Jeneraal Gazaa’ii Abarraa yoo ta’an, isaanis naannoo Tigiraayi Magaalaa Aksumitti bara 1953 dhalatan. Barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa Mana barumsaa Aksumitti baratan. Sana boodas cunqursaa mootummaa dargii mormuun bara 1969 gara qabsootti galan.

Jeneraal Gazaa’iin leenjii loltummaa erga xumuranii booda sadarkaa ittigafatamummaa adda addaatiin dirqama loltummaasaanii ba’achaa turaniiru.

Sirni mootummaa dargii erga kufee Bara 1983 hanga 1985tti raayyaan ittisa biyyaa bifa haaraan wayita gurmaa’e Ministeera Raayyaa Ittisa biyyaatti Gaggeessaa Olaanaa Lojistikii Qabeenyaafi Galaa ta’uun ergamasaanii gahumsaan bahachaa turaniiru.

Bara 1985 hanga 2005tti gaggeessaa olaanaa loojistikii rayyaa ittisaa ta’uun qajeelfamoota, danbiiwwaniifi hojmaatawwan haaraa baasuun akkasumas, leenjiiwwan wayitichi gaafatu kennuun humni loojistikii akka cimu gaheesaanii ba’achaa turaniiru. Wayita lubbuunsaanii darbutti soorama bahanii kan jiran yoo ta’u, jaalleesaanii Jeneraal Sa’aaraa biratti argamuusaaniitiin haleellaa isaanirratti raawwateen addunyaarraa boqotaniiru. Jeneraal Gazaa’iin abbaa ijoollee shanii turan.

Hoggantoota BAahirdaaritti wareegaman keessaa pirezdaantii naannichaa kan turan Doktar Ambaachoo Mokonnin, Naannoo Amaaraa Godina Gondar Kibbaa aanaa Taachi Gaayinti ganda Aqqeettoo Kidaane Maariyaam jedhamutti bara 1963 dhalatan.

Barnootasaanii sadarkaa tokkooffaafi lammaffaa utuma naannawaa dhalootasaaniitti barataa jiranii, cunqursaa mootummaa bara sanaa mormuun gara qabsootti makamaniiru.

Erga nagaafi tasgabbiin biyyasaanitti mirkanaa’ee booda gara barumsaatti deebi’uun kan xumuran yoo ta’u, barnoota olaanaa sadarkaa digirii hanga doktarummaasaanii yunivarsitii Sivil Sarvisii Itoophiyaa, biyya kooriyaa, Ingiliziifi kkf muummee adda addaatiin qabxii olaanaatiin xumuraniiru.

Bara mootummaa ce’umsaattiifi mootummaan ummata erga hundaa’ee booda ittigafatamummaa dhaabbataafi mootummaatiin isaanitti kenname kutannoofi gahummaatiin bahachaa turaniiru.

Doktar Ambaachoon bara 1982 irraa eegalanii hanga guyyaa lubbuutiin darbanitti, sadarkaalee adda addaatti hogganaa ta’uun ummatasaanii tajaajilaa turaniiru. Keessumaa bara 2008 irraa eegalee Ministira Ministeera Misooma Magaalaa, Konistiraakshinii, gorsaa bu’uura misoomaa ministira muummichaa ta’uun ummataafi biyya jaallataniif amanamummaan hojjechaa turaniiru.

Guraandhala 29 bara 2011 irraa eegalee gaaffii ummatasaanii fudhachuun Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa ta’uun tajaajilaa turan.

Wayita kanattis walitti bu’iinsaafi waldhabdeewwan naannoofi naannawaasaanitti uumamaa turan karaa nagaafi tasgabbiin hiikaa turaniiru. Keessumaa dhaadannoonsaanii yeroo hundumaa “Rakkoon waraanaan furamu hinjiru, humnaan namni tokko isa tokko ukkamsee, dhoksee akkasumas ajjeesee waan tokko yeroo murtaa’eef tursiisuun danda’ama ta’a. garuu, rakkinicha hundeedhaa furuu hin danda’u” jedhu qabachuun rakkoolee karaa nagaa hiikaa turaniiru.

Haa ta’u malee Doktar Ambaachoon, torban har’aa Waxabajjii 15 bara 2011 waajjirasaanitti hoggantoota olaanoo naannichaa waliin walgahiirra otoo jiranii yaalii fonqolcha mootummaaf jecha waraana irratti banameen waggaa 48titti lubbuunsaanii dabarteetti. Dr Ambaachoon gaa’ela kan qabaniifi abbaa ijoollee shanii turan.

Obbo Migbaaruu Kabbadaas namoota Dr AMbaachoo waliin galaafatamedha.  Isaanis waraana irratti banameen madaa’anii wal’anamaa turanis guyyaa lamaan booda lubbuunsaanii darbeera.

Obbo Migbaaruun naannoo Amaaraa Godina Gondar kibbaa aanaa Warahaatti bara 1966 dhalatan. Barnoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa naannawaa dhalatanitti kan baratan yoo ta’u, barumsa sadarkaa digrii jalqabaafi lammaffaa ogummaa seeraatiin yunivarsitii Bahirdaarraa fudhataniiru.

Bara 1998 eegale ittigafatamummaa sadarkaa adda addaatiin naannoosaanii tajaajila kan turan yoo ta’u, Guraandhala 29 bara 2011 irraa eegalee sadarkaa pirezdaantii ittaanaatti abbaa alangaa naannichaa ta’uun tajaajilaa turan.

Hanga gaafa lubbuunsaanii darbeetti ogummaasaanii kanaan riifoormii haqaa dhaabbatichaa gaggeessaa kan turan Obbo Migbaaruun, jijjirama biyyattiirratti mul’ate itti fufsiisuuf jaalleewwansaanii waliin jalallaan hojjechaa turan.

Ummatasaanii birattis jaallatamoo, mirga namummaaf dursa kennuun kan hojjetan, yaadota haaraafi fudhatama qaban maddisisuun kan beekaman, rakkooleef furmaata kennuun kan beekaman, akkasumas rakkoolee walitti bu’insa uuman hundeedha furuun ummatni nagaan bahanii akka galaniif gahee mataasaanii bahachaa turaniiru. Obbo Migbaaruun gaa’ela kan qabaniifi abbaa ijoollee shanii turan.

Namni biroon wareegaman ammo Obbo Izazi Waasee yoo ta’an, isaanis naannoo Amaaraa godina Gondar Kibbaa aanaa Istee Besikuwaa Barguutitti bara 1957 dhalatan.

Barnoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa manneen barnootaa naannawaasaanitti argamutti kan baratan yoo ta’u, digirii jalqabaafi lammaffaa yunivarsitii Bahirdaaritti barataniiru.

Obbo Izazi bara 1982 eegalanii qabsootti kan galan yoo ta’u, bara 1998 irraa eegalee hanga bara 2011tti sadarkaa adda addaatti hogganaa garagaraa ta’uun ittigafatamummaasaanii bahachaa turaniiru.

Onkololeessa bara 2011rraa hanga guyyaa lubbuunsanii darbetti naannoo Amaaraatti Hogganaa Damee Gurmaa’inaafi Gorsaa Pirezdaantii naannichaa ta’uun tajaajila turan.

Obbo Izazi hojiisaanitiin gahumsa kan qaban, yeroosaanii hojiisaanirratti kan xiyyeeffatan, jijjirama biyyattiirratti eegalame itti fufsiisuuf ciminaan kan hojjetaa turanidha. Obbo Izazi gaa’ela kan qabaniifi abbaa ijoollee shanii turan

Wayinisheet Kaasaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

6 Comments to “Urjiwwan haaromsaa Itoophiyaa wareegaman shanan”

  1. What’s up?While exploring a different website, we stumbled upon this webpage that instantly grabbed our interest. We are genuinely amazed by what we have witnessed thus far and eagerly anticipate staying informed about your upcoming content. We are thrilled to further explore your website and discover all the incredible offerings it holds.Stay safe. My site Come by 재테크 종류

  2. Pingback: Pixio
  3. Pingback: Racial segregation
  4. Профессиональный сервисный центр по ремонту бытовой техники с выездом на дом.
    Мы предлагаем: сервис центры бытовой техники москва
    Наши мастера оперативно устранят неисправности вашего устройства в сервисе или с выездом на дом!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *