Rakkooleen dizaayiniifi ijaarsa pirojektii Warshaa Xaa’oo Yaayyoo qoratamanii furamuu qabu

Finfinnee: Pirojektiin ijaarsa Warshaa Xaa’oo Yaayyoo sababoota rakkoo diizaayiniifi ijaarsaa isa mudateen gufatee baay’ee duubatti harkifateera. Hojii diizaayiniifi ijaarsa warshichaa hojjetee xumuruuf waliigalteen kan taasifame Korporeeshinii Sibiilotaafi Injinariingii Itoophiyaa waliin ture. Dizaayiniis ta’e ijaarsi pirojektichaa irratti rakkooleen gara garaa  waan mul’ataniif ijaarsi pirojektichaa baay’ee duubatti harkifateera.

Daariktarri Inistiitiyuutii Leecalloowwan Misooma Industirii Keemikaalaafi  Konistiraakshinii  Obbo   Saamu’eel Halaalaa ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, korporeeshinichi diizaayiniifi ijaarsa warshichaa xumuree dabarsuuf waliigaltee taasisee ture. Hojiin dizaayiniis ta’e ijaarsa pirojektichaa baay’ee duubatti harkifateera. Ijaarsi pirojektichaa yeroo ammaa % 43 irra gahee dhaabbatee jira. Ijaarsi pirojektichaa yeroo itti ni xumurama jedhamee karoorfamerraa waggaa lama duubatti harkifateera. 

Rakkoolee diizaayiniifi ijaarsaa pirojektii Warshaa Xaa’oo Yaayyoo  mudatan akkuma kan pirojektii ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin sirriitti gamaagamamee furamaata bu’uuraa argachuu akka qabu eeranii, rakkooleen dizaayiniifi ijaarsa pirojektichaa irratti mul’atan sirriitti ilaalamanii sirreeffamuu baannaan ijaarsi pirojektichaa fayyadamummaa ummataa irratti dhiibbaa geessisuu danda’a jedhaniiru.

Gama biraatiin ammoo Pirojektii warshaa xaa’oo yuuriyaa gaazii uumamaa Ogaadeenitti argamu irraa omishu kan baasii doolaara biiliyoona 2.5 hojjetamu jalqabsiisuuf mootummaa Itoophiyaafi Morookoo waliin sadarkaa waliif mallateessuurra gahameera kan jedhan Obbo Saamu’eel, ijaarsi pirojektichaa waggoota afuritti kan xumuramuufi waggaatti yuuriyaa toonii miliyoona 1.1 omishuu danda’a. Pirojektichi naannawaa Paarkii Industirii Dirre Dawaatti kan hojjetamu ta’uu himu.

Yeroo ammaa xaa’oo Itoophiyaan biyya alaatii galchaa jirtu toonii miliyoona tokko hinta’u kan jedhan Obbo Saamu’eel, warshichi yeroo omisha jalqabu xaa’oo qulqullina qabu gatii madaala’aadhaan dhiyeessuudhaan fedhiin yuuriyaa biyya keessaa guutuurra darbee gara biyya alaatti erguudhaan sharafa biyya alaa argamsiisuufis kan abdatamu  ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

3 Comments to “Rakkooleen dizaayiniifi ijaarsa pirojektii Warshaa Xaa’oo Yaayyoo qoratamanii furamuu qabu”

  1. Pingback: fuck boy 2024

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *