Oromiyaa keessatti hiriirri balaaleeffannaa adeemsifamaa jira

Finfinnee: Hiriirri balaaleeffannaa humnoota finxaaleyyii kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti eegaluu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa beeksisan.

Ittaanaa Hogganaan biirichaa Obbo Dheeressaa Tarrafaa Ibsa kaleessa gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin, kaayyoon hiriira balaaleffannaa kun ajjeechaafi saamicha humnonni finxaaleyyii lammiilee nagaarratti gaggeessaa jiran sababeeffachuun ta’uu ibsaniiru.

BAkkeewwan ammaan tana hiriirri mormii itti gaggeeffamaa jiru keessatti gochi gara jabummaafi suukanneessaa lammiilee nagaarratti qaqqabaa ture daran hammaattaa ta’uus himaniiru.

Gochaan seermaleessummaa akkanaa kun akka itti hinfufneefi olaantummaan seeraa akka kabajamuufis mootummaan tarkaanfii akka fudhatuuf hirmaattonni hiriirichaa gaafachaa jiraachuullee eeraniiru.

Yeroo ammaattis hiriirri mormii kun godinaalee Oromiyaa gara garaa keessatti gaggeeffamaa jiraachuu kan himani Obbo Dheeressaan irra caalaatti wallagga afran, Iluu Abbaa Booraa, Kibba Baha Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiraachuu addeessaniiru.  

Wallaggaa afran keessatti shira finxaaleyyiin kun xaxaafi dalagaa turaniin caasaaleen mana hojii mootummaa diigamanii akka turan yaadatanii, yeroorraa yerootti ni fooyya’a jedhamee eegamus hiraarsaan lammiileerratti qaqqabaa jiru hammaataa ta’uusaan akkasumas, sirna qabsoo qaaliin ijaarame diiguuf yaalii taasisuusaaniin komiin lammiilee akka dho’u taasisuusaa dubbataniiru.

Sirni amma diigamuuf yaalamu kun bu’aa dhiiga ilmaan Oromoorratti baacuudha kan jedhan Obbo Dheeressaan uummanni bala’aa qeerroofi qarreen, jaarsaafi jaartiin, xinnaafi guddaan mormii humnoota finxaaleyyii kanarratti qaban dhageessisaa jiraachuu himaniiru.

Finxaaleyyiin bosona keessa riphuun nageenya ummataa booressaa jiran ammallee lammiilee hiriira mormii kanaaf bahan kallattii gara garaan sodaachisaa jiraachuu eeranii, harcaatota akkanaarratti  mootummaan tarkaanfii madaalawaa fudhachaa akka jirullee yaadachiisaniiru.

Sochii finxaaleyyii kana seeratti dhiheessuuf taasifamaa jiruun hedduunsaanii to’annaa jala oolaa akka jiran kan himani Obbo Dheeressaan rakkoon nageenyaa lammiilees yaaddoo keessa akka hingalleef hordoffiifi eegichi barbaachisaa taasifamaa akka jirullee ibsaniiru.

Yeroo ammaattis  tattaaffii mootummaafi hawaasni taasisaa jiruun haalli nageenya Oromiyaa bakka duraatti deebi’aa jiraachuufi nageenyi Oromiyaa qabatamaan akka mirkanaa’uuf hawaasni mootummaa wajjin dhaabachuun aantummaasaa agarsiisuu akka qabu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

2 Comments to “Oromiyaa keessatti hiriirri balaaleeffannaa adeemsifamaa jira”

  1. Pingback: Billes & Co

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *