Fandiin qulqullina barnootaaf ramadamu seeraan hojirra ooluu qaba jedhame

  • Kanneen seeraan hojiirra hinoolchinerratti tarkaanfiin sirreessaa ni fudhatama

Finfinnee: Fandiin misooma barnootaaf ramadamu seeraan hojiirra ooluu akka qabu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsa gaazexaa Bariisaaf tibbana kennaniin, fandiin misooma barnootaaf ramadame kanaan dura seeraan hojiirra oolaa akka hinturre himaniiru.

Bajanni ramadame kun ergama akeekameef akka ooluuf kallattiin kan taa’e ta’us iddoowwan garagaraatti tajaajila hin eeyyamamneef oolaa turuu ibsanii, hordoffii walirraa hincinne taasifamaa tureen fooyya’insi jiraatus xiyyeeffannoon gama kanaan jiru caalaatti cimuu akka qabu dubbataniiru.

Keessumattuu fandiin ‘School Grant fi Block Grant’ jedhaman waggaa waggaan qulqullina barnootaa lafa qabsiisuuf akeekame ramadamaa jiraachuu eeranii, hojiilee maallaqni kun baasii itti ta’uufi hintaane wallaaluun qisaasamni akka mudatu taasifamaa turuu himaniiru.

Akka ibsa Obbo Alamaayyootti fandiin ‘school Gran’t kun ijaarsawwan haaraaf ooluu kan hindandeenye yoo ta’u, meeshaalee deeggarsa barnootaaf oolaniifi suphaaf qofa baasii akka ta’uuf kan eeyyamame ta’uu ibsanii, kun ta’us iddoo gara garaatti bajata kanatti ijaarsaa manneen barnootaafi hojiilee biroof baasii ta’aa jiraachuunsaa milkaa’inni akka dhibu taasiseera jedhaniiru.

Fandiin inni biraa qulqullina barnootaa lafa qabsiisuuf ramadamu ‘Block Grant’ akka ta’e eeranii kunis akkuma ‘school Grant’ qulqullina barnootaa eegsisuuf kan ramadamu ta’ee, baay’ina barattootaarratti hundaa’uun karaa aanooleetiin manneen barnootaaf kan ramadamu ta’uu addeessaniiru. Ta’us itti fayyadamasaarratti dogoggorri uumamaa jiraachuu dubbataniiru.

Itt fayyadamaa fandiiwwan kanneenii ilaalchisee rakkoon jiru akka maqsamuuf leenjiin barbaachisaa hoggantoota manneen barnootaafi gamtaa maatii barattootaaf kennamuu ittaanichi ibsanii, ta’us, aanoleen tokko tokko fandii ‘Block Grant’ kana guutummaa guutuutti hojiirra oolchuun fayyadamummaa barattootasaanii mirkaneessaa akkuma jiran isaan biroommoo walakkaa bajataa tajaajila hinmalleef oolchaa turuusaanii dubbataniiru.

Aanoleen ‘Block Gran’t kana miira maal nadhibdeen hojii hinmalleef oolchaa jiran itti gaafatamummaa jalaa bahuu kan hindandeenye ta’uufi  kaayyoon fandii kanaa  barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf waan ta’eef miira itti gaafatamummaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

4 Comments to “Fandiin qulqullina barnootaaf ramadamu seeraan hojirra ooluu qaba jedhame”

  1. Pingback: Dan Helmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *